Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Imala gara du'aa: Godaantota Itoophiyaa gammoojjii hamaa Jibuutii keessatti
- Barreessaa, Ammayyuu Ittaanaa
- Gahee, BBC News Afaan Oromoo, Obook, Kaaba Jibuutiirraa
Godaansa lammiileen Itoophiyaa gara Yaman taasisuuf jedhan hubachuuf ulaa gammoojjii Jibuutii du’aaf nama saaxilu keessa jirra.
Magaalaan Obook qarqara Galaana Diimaatti argamti. Qarqara magaalaa kanaatti jiraattota caalaa godaantota Itoophiyaatu yeroo sosso’an mul’ata.
Afaan hojii biyyattii Faransaayiifi Araba ta’us nama qarqara magaalaa kana dhaqeef magaalaa Oromiyaa tokko waan jiru itti fakkaachuu mala.
Godaantonni Itoophiyaa gaarii hawwanii manaa bahan qarqara Galaana Diimaa kana cirrachaan guutameetti kaartoniifi madaabaraa afatanii bulu. Oolmaanis achuma.
Kunneen dargaggoota kadhatanidha. Waan sooratan argachuuf magaalaa seenanii, balbala rukutaa waan nyaatan gaafatu.
Jaafar* Baalerraa dhufe. ‘Dalagachuu manaa bahee kasaaree deebi’e,’ jedha. Obokootti agarre. ‘’Nama shan jaha ta’a namni ani beeku kan nabiraa Yamanitti du’e.’’
Sa’udiitti imaluu manaa bahee Yamanitti rakkatee deebi’e. Irra deddeebiin hidhameera.
''Naaf hintaane. Rakkoon narra gahee Yaman keessa rakkataa turre. Namnille baay’atee Sa’udiinillee achitti dararaa jirti. Achirraa qabanii gad nu deebisani. Sa’aadaa nu hidhani.
''Sa’adaaraa Sana’aa nu hidhani. Saharaatti [Yaman] nu darbani. …Namni baay’ate jennaan achirraa birrii nu ergaa jennee warra keenya doonirraan deebine.
''Naannoo Ertiraa nu darbani. Achirraan miilaan guyyaa afur deemnee as dhufne,’’ jechuun BBC’tti hime.
Magaalaa kanatti dargaggoota ganna 16 jalqabee jiran agarreerra. Baay’inaan Naannoo Oromiyaatii kan dhufanidha. Naannoo Amaaraarraa kan dhufaniis jiru.
Obook kan jiraattonni Hayyuu jedhanii waaman hanga imalli isaanii gahutti bakka turan malee bakka irraa ka’anii imalan miti.
Dargaggoota kana dallaalaatu bilbilaan qajeelcha malee qaamaan hin agarru jedhan. Amma bahara – Galaana Diimaa ce’un danda’ama yoo jedhuun gammoojjii qaxxaamuruu eegalu.
Dargaggoo kopheen itti ulfaate
Aangawooti Dhaabbata Godaantota Idil-Addunyaa (IOM) yeroo adda addaatti ulaa godaantotaa kana sakatta’u.
''Nu faana bu’aa,’’ jedhan ogeessi fayyaa dhaabbata kanaa. Waan nu mudatuuf jedhu of qopheessinee kaane.
Geherreen gammoojjiidha – lafa diriiraa. Karaa bitaa gaara walfaana yaa’utu mul’ata. Gaalaafi re’oota qofa karaarratti agarre. Kanaan achi waan mul‘atu hin jiru. Asirraa daangaan Ertiraa fagoo miti.
Gammoojjii kana qondaaloti IOM ulaa godaantotaa ta‘u isaa waan beekaniif faana dhahu.
Bakka kana dallaaloti godaantota Itoophiyaa Yamanitti ce’uu fedhan bakka walitti qaban qabu. Bakki isaan dhoksaan sosso’an garuu kana qofaa miti – lama biroos jiru.
Imala keenyaan kophee silipparii gogaarraa tolfame agarre. Dhaabanne. Godaantonni Itoophiyaa ulaa keessatti du’an waan ta’ef nami lubbuun darbe arguu malla jennee shakkineerra.
Kophee kanarratti ‘Tigraay Aday‘ jedhamee barreeffameera. Tigraay biyyakoo akka jechuuti. Ka’umsi isaa Tigraay ta’u akeeka. Lafa qubatu ykn qubate garuu nami beeku hinjiru.
Gammoojjii diriiraa kanarratti aduun garaa jabaatti. Karaa malee dhuftan waan jettu fakkaata. Nami kophee gatee gammoojjii kana keessa maaliif deemuu filate? Hin barre.
Isallee godaantota agarre keessaa kophee sirnaa namni godhate baay’ee muraasa. Imala daandiirraatu irraa fixa fakkaata kophee jalaa dhumeera.
Kaan kophee baddaatti godhatamu godhatu. Isuma qaban gatanii eegdota daangaa Jibuutii jalaa miila qullaa hangam deemuun danda’ama?
Bulchaan bulchiinsa Obook Obbo Musaa Adan kuni isaaniif haaraa miti. Nuti magaalaa Obook seenuu keenya yoo dhagahan dafanii nu simachuu fedhaniiru.
Waan nutti himan qabu ture. Godaantonni Itoophiyaa kopheen harkaa dhumee miila qullaa yeroo cirracha akka ibiddaa nama guburra yoo deeman arganiiru.
Bulchiinsi isaanii reeffa godaantotaa fuudhee owwaaleera. Kanneen imalli daandii miila dhiitessees mana yaalaa geessee wal’aansiseera.
Konkolaataan keenya ammallee Geherree hingeenye. Konkolaataan IOM nu fuuldura jiru takka dhaabachaa waan ogeeyyiin kana dura taajjaban nutti himu.
Sababa godaantonni Oromiyaarraa dhufan baay’ee ta’aniif tarii yoo dheebotan bishaan akka argatan kallattii taankariitti geessu Afaan Oromoon katabamuu nutti himan.
IOM gammoojjii keessa taankariiwwan bishaan baatan dhaabeera. Tankarii keessa bishaan alattimmoo kallattii kamiin Obook akka jirtu, km meeqa akka hafe irratti barraa’eera.
Kuni lubbuun godaantotaa akka hindabarreef jecha sochii UN taasisudha.
Kophee qofa miti uffati godaantota Itoophiyaa kuni uffata nami baddaa uffatudha. Baadiyyaa biyyattii garagaraa keessaa Afaar ykn Somaalee keessa bahanii Jibuutii seenuu dubbatu.
Hojjeettoonni dhaabbata IOM kanneen Yamanitti ce’uf ka’an eessaa kanneen dhukkubsatan akka jiran waan odeeffataniif ture gammoojjii kana keessa adeemaa kan jirru.
Ogeessa fayyaa kan ta’an Dr Yasuuf Musaa imala akkanaa irra-deddeebiin akka taasisan jalqabarratti nutti himaniiru. Imala sa’aatii 1fi 30 booda Geherree geenye.
Gurmuu godaantotaa
Godaantonni kunneen torban yoo fagaate ji’a muraasa dura qe’ee warra isaanii turan.
Amma biyya afaan hin beekne, nyaataafi dhugaatii hin qabne keessa jiru. Geheerree genyeerra - lafa gammoojjii.
Lammiilee Itoophiyaa Yaman keessa bahanii Sa’uudii adeemuu fedhan garee garagaraan jiran agarre.
Muki baay’es hin jiru. Mukuma jiru jala garuu cicciisaniiru. Sa’aatiin guyyaa keessa sa’aatii torba darbeera. Harka isaan fuune.
Bakkeewwan Itoophiyaa garagaraati dhufani; Tigraay, Amaaraa, Oromiyaafi Kibbaarraa.
Muka itti aanuu jala garee biraatu jira. Walumaagala lakkoofsi isaanii kurnaan lakkaa’ama.
Muka tokko jala dargaggoo laafe tokko kanneen marsanii ta’an agarre. Itti dhihaanne. Imala isaanii guyyoota muraasaan waan hamaa waan arganiif du’atti wan rifatan hin fakkaatan.
Dargaggoon kuni ni ittana. Ol ol isa jedha. Dhihoo keenya distii ittoo itti tolchanitu jira. Kan eenyuuti? ''Nuti hin beeknu,‘‘ jedhan godaantonni gaafanne.
Godaantonni kunneen kaan ollaa tokkooti yookiin bakka tokkooti dhufanidha. Wal beeku. Garee jalqabaa keessa dubartoota hedduu agarre. Dargaggoon reefu ganna 16 guutes jira.
Ol adeemoo ganna 15, 16 Silxeefi Aduwaarraa dhufne jedhan dubbisne. Amma lakkoofsi godaantota dhukkubsachuu himan afur gahaniiru.
Gaaffiifi deebii taasisuu sossodaachaa turre. Sababni isaas kaleessa galgala kan nyaatan akka ta’e nutti himan. Dubbiinimmoo humna laaffisa.
Raayyaa Qobboorraa kan dhufe nami dubbisne hanga kutaa torbaa barateera. Bajaajii gubbaa dalagaa ture. Kan caaluttin baha jedhee Sa’udii deemuuf manaa dhokatee bahe.
''Kanneen godaananii milkaa’an jiru, achumaan kan hafanis jiru. Isaaniin gaafa ilaallu nuyis ni yaalla jennee baane,’’ jedha.
Dargaggoon biraa Waajjaatii dhufuu dubbatummoo erge qe’eedhaa torban lama dura bahanii sirnaan rafanii akka hin beekne, nyaataafi dhugaatii gahaa osoo hin argatiin as gahuu hima.
‘‘Namni muka jala ciisu kuni agartu hundi beelaafi dheebuutu laaffise.’’ Waa’ee dheebuu namni gammoojjii arge haa dubbatu.
Bishaan dhabanii kan fuulli dhidhiita’e, qaami isaanii bade danuu agarre.
Akka isaan jedhanitti, halkan keessa konkolaataan Obokiirra fidee asitti isaan buuse. Eegasii namni isaan dubbise hin jiru. Dallaalaan ni bilbila jedhanii eegu.
''Halkan adeemaa bulle. Hanga yoonaa midhaanuu hin nyaanne. Akkuma agartu baay’een isaanii beela’aniitu muka jala ciisu.’’
'Paaraastaamolii qabduu?'
Garee biraa keessammoo kan Tigraayirraa dhufanitu jiru. Kaan ni ciisu – hirriba beelaati.
Waan si’achi isaan mudachuuf deemu isaanuu hinbeekan. Imala gara biyya hin beeknetti.
Godaantonni kunneen biyyaa bahuu isaanii dura mari’achuu dubbatu.
''Paaraastaamolii baattaa?’’ gaaffii shamarree Tigraayirraa dhufte nu gaafatte ture. Isheen kaanimmoo biskutii qabaachuu keenya gaafatte.
Dhiirota sadiifi dubartoota jaha kanneen keessaa dubartoonni lama umriin isaanii 18 gadi ta’u BBC’n isaan gaafatee hubateera.
Kana dura qe’eedhaa hammana fagaatanii hinbeekan. Maatii isaanii yeroo xumuraaf guyyoota kudhan dura dubbisani.
Daangaa Jibuutii erga seenanii maatii isaanii hindubbisne. Bilbila daangaa ce’ee dalaguus hinqaban.
Baay’een isaanii maatii isaanii dhokatanii waan bahaniif tarii maatiin isaanii isaan barbaacha jiru ta’a. Godaantonni godaansi walitti isaan fide kuni Obookitti wal argan.
Dallaalaa isaan fide qaamaan hin beekan. Dallaalaan ofiis daangaa hin ce’u. Dallaalota daangaa ce’anii jiranitti dabarsee isaan kenna malee.
Akka godaantonni jedhanitti, dallaalaan bilbilaanis ta’u lafa qubatanitti nyaata isaaniif fida. Galaana isaan ceessisa, daandiin dheeraa yoo ta’emmoo konkolaataan mijeessa.
Garuu, eega biyyaa bahanii waan isaan godhaa jedhu godhu malee komiin hin jiru. Maatii isaanii dhokatanii, nama hin beekne – dallaalaa – abdatanii imalatti jiru.
Isaaniif bakka tokko ka’anii bakka kaan imaluuf daandiirratti guyyaa tokkos lamas buluun waan baramedha.
Gara qarqara galaana Diimaa yoom deemtu? ‘’Isa hin beeknu. Asitti nu bulchuus, nu oolchuus danda’u,’’ deebii isaaniiti.
''Waaqa amannee teenyeerra,’’ kan jette shamarree Aduwaarraa dhuftedha.
Akka BBC’n godaantotarraa odeeffateetti, daangaa Jibuutii keessa bahanii Yaman seenuuf qarshii Itoophiyaa 50,000 kanfaluuf kan waliigalan jiru.
Baay’ee mitii? Hamma kana eenyutu kanfala?
Maatiin takkaa dhageenyaan horiis, kaaniis gurguree, firas rakkisee akka kanfalu dubbatu.
Gatiin kanfalle jedhan yookiin kanfaluuf jedhan gargari. Dargaggoonni Tigraayirraa dhufan geejibaaf 10,000 kanfaluufi gaafa daangaa ce’animoo kan hafe akka kanfalan dubbatan.
Akka isaan jedhanitti, dallaalonni dubartootaa gatii guddaa gaafatu.
Kunis, dubartoonni imala miillaa waan dadhabaniif konkolaataan halkan dhoksaan yoo dhihaatef gatii waan dabalsiisuufi jedhan.
'Ji'a sadii keessa 54 du'an'
Bara 2022 lakkoofsi godaantota Jibuutii seenan kan waggaa duraa turerraa dachaan dabaluu gabaasonni mul’isu.
Waggaadhuma kana keessa sababoota garagaraan godaantonni 89 du’uu yookiin achi buuteen isaanii dhabamuu galmaa’eera.
Kunneen balaa geejibarra gahe, dhukkubsachuu, haala qilleensaa hamaa, dooniin dhidhimuufi walitti bu’iinsarraa kan ka’edha.
Kan hin galmoofne akka jirullee qondaaltonni himu.
Ogeessi fayyaa IOM Dr Yusuuf Adoolessa hanga Fulbaanaa [baatii sadii] bara 2023’tti keessatti godaantonni 54 Jibuutii keessa lubbuu dhabuu galmaa’uu BBC’tti himaniiru.
Godaantonni 23 ta’animmoo achi buuteen isaanii dhabameera.
Akka qondaalli IOM kuni himanitti, baatii sadii keessa godaantota imalarra dhukkubsatan 267 wal’aananiiru. Wal’aansi kuni hamma namoota du’an xiqqeessa jedhamee amanama.
Ministeerri Fayyaa Jibuutii Amajjii - Adoolessa bara 2023 keessatti godaantonni 241 du’uu isaanii, 258 immoo bakkeewwan adda addaatti wal’aansa argachuu ibse.
Yeroo baay’ee garuu godaantonni Itoophiyaa dhukkubsataniis of duuba deebi’anii yaala argachuu akka hin feene himu.
Gammoojjii Geherree keessatti gareen BBC yeroo daawwateetti godaantonni afur dhukkubsatan wal’aansaa dabalataaf gara magaalaa geeffamaniiru.
‘‘Gara Obook deemuuf walii galuu isaaniin nuti carra qabeessa,‘‘ jedhan Dr Yuusuf.
Dallaalonni kanneen gara Yaman geessuuf jedhan qofa osoo hintaane Yamanirraa gara Jibuutii kanneen deebisanis Geherree kanatti walitti qabu.
Dallaalonni of dhoksanii sosso’an kuni eega godaantonni Geherree gahanii Obook dhihoo ta’u itti himu. Kanaaf, godaantonni miilaan gammoojjii kana qaxxaamuruu dirqamu.
'Jiraattota caaluf deemu'
Bulchaan magaalaa Obook Obbo Musaa Adan kana dura magaalaa Jibuutii biroo, Alii Saabeh, jedhamu bulchaniiru.
Achittis lammiileen Itoophiyaa gammoojjii keessa beelaafi dheebuun yeroo du’an arguu isaanii BBC’tti himani.
Lakkoofsi jiraattota magaalaa Obook [kan baadiyyaa jiran dabalatee] 23,000 akka hin caalle dubbatu.
Lakkoofsi godaantotaa yeroo yerootti gara magaalaa isaanii seenu garuu 10,000 akka caalu tilmaamu.
''Jiraattota waliin wal qixxaachuuf homtuu isaan hin hafu. Obook [magaalicha] keessa jiraattota kan caalan godaantotadha,’’ jechuun BBC’tti dubbatan.
Magaalli waggoota muraasa darban lammiilee Itoophiyaa keessummeessaa turte garuu waan ijibbaataa jirtu fakkaatti.
Godaantonni kuni waan nyaatan dhabanii gandarra adeemaa kadhachuu isaaniin mufii qabu.
Darbee darbees yeroo tokko tokko walitti bu’iinsi isaan gidduu waan ka’uf nageenya magaalattif yeroo yaaddessu akka mudatullee himan. Kana jiraattoti dubbisnees ragaa bahu.
Godaantonni gammoojjii keessa imalan dhibee garagaraaf waan saaxilamaniif kunillee jiraattota akka yaaddessu dubbatu.
BBC’n godaantonni hanqina bishaanii, koleeraafi dhibee kaaniif saaxilaman taajjabeera.
Magaalaa Obook kana lakkoofsi isaanii xiqqaa ta’us godaantonni lammii Yaman gara Jibuutii baqataniis jiru. Yaman biyya ofiifuu waraanni wal waliinii keessa jirudha.
Imbasii Itoophiyaa Jibuutii jiru keessatti dippilomaatii olaanaa kan ta’an Obbo Gizaachew Bushuu, ALI bara 2015 qofa lammiileen 1,700 IOM waliin ta’u biyyatti deebifamuu dubbatu.
Kuni, kanneen biyyaa bahaa jiraniifi deebi’u fedhan waliin yoo walbira qabamu xiqqaadha. Godaantonni dokimantii malee bahuun isaaniimmoo biyyatti deebisuu walxaxaa taasiseera.
Godaantota waljala darban
BBC’n imala isaa Obook obbaasee gara magaalaa Taajuraa deebi’aa jira. Karaatti garuu waan hin eegne agarre.
Godaantonni kaan gara daangaa Jibuutii imalu, kaanimmoo gara Itoophiyaa imala jalqabaniiru.
Godaantota jaha gara Tajuuraa imalan yeroo agarre imala keenya dhaabne. ''Bishaan qabduu?’’ gaaffii isaanii jalqabaa ture. Nu fudhaas jedhan.
''Tajuuraan dhihoodhaa?’’ isa tokkootu gaafate.
Adam Mohaammadiifi hiriyyooti isaa daangaa Jibuutii qaxxaamuranii gara Yaman imalanii turan. Gara sa’udii ce’uuf yaalanii qabamanii baatiiwwaniif Yaman turuu BBC’tti hime.
‘Daangaarratti reeffa baay’ee tarkaanfannee ceeneerra,’ kan jedhu Awwal Sa’id Ahimadimmoo harki isaa madaa’eera. Caccabaa dho’etu na miidhe jedhe.
Godaantonni kaan miidiyaatti dubbachuu sodaatu ykn hin fedhan. Kan gidiraa arganii deebi’aa kan jiran kunneen garuu fedhii qabu ture.
Baatii muraasa dura gabaasa dhaabbileen mirga namoomaa baasaniin humnooti daangaa Sa’udii eegan lammiilee Itoophiyaa dhibbaan lakkaa’aman ajjeesuun himataniiru.
Yamanitti kadhataa baatii jahaaf turuu kan himan dargaggoonni kuni maatiin isaanii horiifi lafa isaanii gurguranii qarshii galaana itti ce’an waan erganiif gara Jibuutii akka deebi’an dubbatan.
Warra gara Yamanitti adeeman yoo argan gammachuu hinqaban. Inni achi dhaqe waan itti deebi’u dhabee taa’uu isaa dubbatu.
Kanneen gara Yaman imalan garuu dhugaa kana hinbeekan jedhanii amanu.
Hidhattoota Huutii miliqanii Sa’udii seenuun rakkisaa ta’u kan dubbatan godaantonni kuni Yaman keessaa bahuuf hedduun fedhanis sababoota gara garaan rakkisaa ta’uu dubbatu.
Daandiin Jibuutii kaan ni simata, kaan ni gaggeessa. Galaanni Diimaas gaafa kaan godaantota ceessisa, gaafa kaan liqimsa.
Obook keessa akkuma warri biyyatti deebi’u fedhanii rakkatan jiran, kaanimmoo keessa taa’anii Yaman dhaquu hawwu.
Adam fa’i waan ijibbaatan fakkaatu. Dargaggoota gara Yaman imalan argaa biyyuma keenyatti deebi’uu nuuf wayya jedhu.
Akkuma jedhan yoo jedhan waan gaariitti bahuu danda’u. Yookinimmoo dallaalaan isaan gowwomsee deebi’anii gammoojjiitti deebi’u ta’a.