Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Baqataa lammiilee Itoophiyaa, Yamanii fi Ertiraaf carraa hojii uume
Birhaana bara 2010 bakka dhalootasaa Aksum dhiise yeroo biyyaa bahu jireenya fooyyeen argadha jedhee abdachuun ture.
Osoo biyyaa hin baqatiin dura hojii ittiin of bulchu akka qabu dubbata.
"Hojii qaba; hojiin ani qabu na gahaa" jedhee qofa akka hin dhiifneef sababa qaba'' jedhe.
''Haalli waan natti jajjabaateef jechan baqadhe’‘ jedhe sababa baqateef yeroo himu.
Suuqii sibiila itti gurguruu fi mana nyaataa xiqqaa tokkon qaba ture. Garuu hojjechuu hin dandeenye.
Dhiibbaan bulchiisa mootummaarraa natti jabaateen baqadhe jedhe.
Obboleessikoo ‘’ni wareegame’’, anillee waraana Itiyoo-Ertiraarratti hirmaadhe jedhe.
Anaaf garuu qaamni biyyakoo keessatti akkan hojjedhu naaf eeyyame hin turre," jechuun biyyaa baqachuu ibsa.
Gaafa biyyaa baqachuuf ka’u hiriyoota fi maatiin isaa "hojicha dhiiftee eessa dhaqxa jedhani gaafataa akka turan dubbata.
Birhaanan Awurooppaa akka deemu hiriyootasaatti himaa ture.
Dhumarratti qabeenya isaa hunda gurguree biyyarraa baqate.
Birhaanan maatii fi naannoosaa dhiisee imala eegale. Garuu akka hiriyyoota isaatiin "Awurooppaan dhaqa" jedhe osoo hin taane, Jibuutiirraan karaa seeraan alaa gara Yaman fi Sa'ud Arabiyaatti imale.
Godaansi karaa gammoojjii fi galaanaarraa balaatu itti baayyata.
Birhaanan "akka carraa ta’ee" imala ijibbaachisaa ta’e darbuun Yaman qaqqabe.
Imala namoonni hedduun sababa dheebuu fi beelaan karaarratti hafan darbee Yaman qaqqabe.
Hidhattoota fi kiyyeessitota qurxummii seeraan-alaa bira darbee Yaman erga qaqqabe booda jireenya qormaanni itti heddamatu durasaa jiraachuu hin yaadne.
Carraa hojii argannaan Yamanitti hafe.
"Ani nama jireenya koo keessatti cimee hojjechuutti amanu waanan ta'eef yeroon achitis hojii hin dhabne.
Dhaabbata guddaa tokkootu na qacare. Hojjettoota 300 ta’aniin hoggana ture. Jireenya gaarii jiraadha, konkolaataas qaba ture,'' jedha.
Yamanitti eeyyama hojii fi jireenyaa seera qabeessaa argachuun waggoota hedduuf hojjechaa kan ture Birhaaneen, waraanni Yamanitti hammaachuu hordofuun baqattoonni gara biyyasaaniitti deebi’uuf carraa argatan.
Sana booda Birhaanan maatiin isaa wajjin dooniidhaan gara Jibuutiitti deebi'e.
''Baqattoonni hedduun bidiruudhaan deebi'an. Yeroo sanatti Ministirri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa Dr Tewudroos Adihaanoom dhuunfaan nu simatanii turan. Ijoollee koo hammatee doonii irraa nu buuse,'' jechuun dubbata.
Dhiibbaan narra ga’e jedhurraa kan ka’e biyyaa ba’us, gara Itoophiyaatti deebi’ee jireenya isaa ittifufuu hin barbaanne.
BirhaananJibuutiitti hafe.
Dhaabbilee adda addaatti qacaramee erga hojjetee booda maallaqa qusateen daldala eegaluuf murteesse.
''Jibuutii keessatti dhaabbilee adda addaatiin qacarameen ture. Dhaabbilee gurguddoorraa kaasee hanga baankiitti hojjedheera'' jedhe.
Dhaabbata guddaa lammilee Eertiraa keessas hojjedheera. Sana booda, magaalaa Jibuutii mandara lammileen Itoophiyaa itti baayyatan keessatti mana nyaataa fi garaajii bane.
Biyya ormaa keessatti wanti hundi mijataallee miti jedha.
Jibuutii keessatti garuu seeraa eegdee yoo hojjatte wanti ulfaatu hin jiru.
Gama biraatiin ammoo kan hojjetteef hanga kaffaltii si dhoowwachu gahan jiru jedha.
Yeroo hojii eegalu qormaata hedduutu isa mudate. Yeroon hojii dhiisee gara biyyaatti deebi'uuf murteeffates akka ture dubbata.
Hojjettoota dhabuurraa kaasee hanga kiraa manaa kaffaluu dadhabuutti rakkatee beeka.
"Abdii otoo kutanne bor abdattee hojii ittifufu qabda. Yeroon Paastaa Firaankii Jibuutii 100’n nyaate fi mana garmalee dhiphoo tokko kireeffadhe hin dagadhu.
Sadarkaa har’arra irra jirurra gahuuf haala rakkisaa keessa darbeera jedha.
"Bakka barbaadde ga'uuf qormaata keessa darbuu qabda," jedha.
Yeroo waraanni Tigraay ka’ee adamfamee hidhamuu kan dubbatu Birhaaneen, yeroo sana dhalattoonni Tigraay Jibuutii keessa jiran abdii kutatanii turan jedha.
''Ji'a tokkoo oliifan hidhame. Duraan baqattoota Jibutii dhufan gargaaran ture.
Konkolaachiftoota fe’iisaa dhalattoota Tigraay rakkoon asitti yoo isaan mudate waan isaan barbaachisu gargaaraan ture.
Sababa kanaan ‘’Juntaan kun kun meeshaa waraanaa kennaafi jira’’ naan jedhu jedha.
Hanga cuupheedhaan waraanameera. "Haati warraa koo rukutamtee ulfi irraa baheera" jedha.
Kana hunda dandamachuun dhalattoota sababa waraanaan Tigraayirraa baqatan gargaaraa ture.
Balaa ibiddaa qabeenya Firaank miiliyoona 50 barbadeesse
Dhaabbanni jalqaba inni banate balaa ibiddaan guutummaatti waan barbadaa'eef bakka amma jiraatutti ji'a shan dura godaane.
''Yoo xiqqaate waggoota torbaaf mandara lammileen Itoophiyaa itti heddummatan [Bottee] jedhamuu jiraadhe.
Achitti mana nyaataa Aksum jedhamu fi garaajii guddaa qaba ture.
Hojjettoota hedduu qaba ture. Akka carraa balaan ibiddaa ka'e. "Qabeenyi koo Firaankii Jibuutii miiliyoona 50 ol (gara doolaara 300,000) gubate," jedha.
Dhaabbatasaa keessatti godaantota lammiilee Itoophiyaa, Ertiraa fi Yaman hojjechiisa ture.
Balaan ibiddaa mudate booda Birhaaneen abdii kutee hin teenye.
Jabaatee qabeenya balaa ibiddatiin dhabe bakka buusuuf hojjechuu jalqabe.
Hojjettoota inni carraa hojii uumeefitu bakka biraatti dhaabbata akka hundeessu gargaare.
Konkolaattonni isaa yeroo waraanaa Kaaba Itoophiyaa foddaan isaanii dhagaadhaan jalaa caccabee ture.
Birhaanan itti dabaluun akkas jedhe: "Tarii osoon akka nama biraa ta'ee, abdii kutadeen karaarratti kufe ture.
Namni balaa akkasii mudate waan ol jedhee deemu natti hin fakkaatu. Ani garuu guyyaa balaan mudate booda meeshaalee barbaachisoo bakka haaraa kanatti fideen hojiikoo itti fufe. Amma bakkan kireeffadhe kana bitadhee daldalakoo babal'isuuf karoorfadheera,’’ jedha
'Waan qabatamaa hin taane eeguurra, waan qabdu hojjechuu wayya'
Jamaal Omar lammii Eertiraati. Erga biyyaa baqatee waggoota lakkoofsisera.
Waggoota muraasaaf Yaman kan jiraate Jamaal, waraana Yamanitti adeemaa jiru hordofuun gara Jibuutiitti deebi'e. Baqannaarra gara jiruu baqaa biraati waan ce’eef jiruun itti hin mijanne.
''Bara 2015 gara Jibuutii dhufe. Kaampii baqattootaa seeneen waggaa jahaaf lammilee Yaman waliin jiraadhe.
Yeroon hojii barbaacha gara magaalatti dhufu Gaaraajii Birhaanee keessan hojjechuu eegale.
Birhaanee waliin kaampii Yaman keessa turre. Wajjin nyaannee, dhugneerra. "Nu dura Yaman irraa dhufee hojii kana jalqabe" jedha.
Yeroo gara Jibuutiitti deebi'u nama beeku dhabuun kan rakkate Jamaal, Birhaaneen hojii ogummaa isaatiin akka hojjatu carraa fooyya'aa akka uumef dubbata.
"Birhaaneen erga gara biyya kanaa dhufee booda ogummaa isaatiin qacarame." Sana booda dhaabbata dhunfaasaatii banate.
Baqattoota kaampiicha dhufaniif carraa hojii uume. Gidduutti qabeenyisaa Firaankii Jibuutii miliyoona 50 tti tilmaamamu balaa ibiddaan dhabe.
Garuu abdii hin kutanne. Bakka biraa kireeffatee hojii isaa itti fufe. Achirraa sadarkaa kana gahe," jechuun ibsa.
Baqattoota dhaabbata Birhaane keessa qacaramanii hojjetan keessaa tokko Abdu Ahmid Mohaammad jedhama.
Abduun, makaanikii yoo ta’u baqataa lammii Yamaniiti, dhaabbata Jibuutiitti argamu keessa Birhaane waliin hojjechaa turuu hima.
Boodarra garuu Birhaaneen hojicha dhiisee, dhaabbata dhuunfasaa hundeessee, godaantota biroof carraa hojii uumuu dubbata.
“Nama qajeelaadha dha. Uumaatu kana kenneef’’ jedhee ibse.
Birhaaneen yeroo ammaa kana hojjettoota dhaabbiin malee baqattoota 15 hanga 20 ta’an kontiraataan hojjetan akka qabu dubbata.
Dhaabbatasaa babal’isuun, godaantota biroo hedduudhaaf carraa hojii uumuuf karoora qaba.
''Hojjetoonni irra caalaan isaanii Tigraay irraa dhufan. Kana malees lammileen Yaman, Ittoophiyaa fi Ertiraas qacaramanii hojjechaa jiru. Baqattoonni ogummaas ta'e muuxannoo hin qabne yeroo dhufanillee hojii akka hojjetan leenjifna," jedha Birhaaneen.
Muuxannoo isaarraa ka’uun nama kamiyyuu akka baqataa akka ta’uu hin hawwuuf kan jedhu Birhaaneen, "Namoonni hedduun jiruu fooyyee arganna jedhanii abdachuun biyyaa bahanii bakka hin taanetti kufanii hafan" jedha.
Namoota biyyaa bahan keessaa kanneen jireenyi isaanii jiruu biyyatti dhiisanii dhufanii gadi ta’u ni jira jedhe.
Namoonni biyyaa bahan waan qabatamaa hin taane abdiin eeguuf yeroosaanii qisaasuurraa, hojii argatan cimanii hojjachuu akka qaban gorsa Birhaaneen.