Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Itoophiyaa xiqqoo' handhuura Jibuutii keessatti hundoofte
Ho'ituudha. Nama biyyaa godaanef miti nama jireenya achitti tolfateef guyyuu bakka biraa fagaachuun tolu miti. Asitti waan biyyaa bahanii biraa dhaban hin jiru.
Ollaa aduun sammuu nama waraantu keessatti fooliin shiroo fagoodhaa urgaa’a. Aarri bunaafi ixaanaas akkasuma.
Jimaan aduun akka hin laaffisne dooniyyaan maramee toora galee mul’ata.
Shofeeronni jarjaran biddeena furdaan shiroo nyaatanii, buna itti unatanii bakka biraa ka’anidha. Biyyarraa fagaatanis Itoophiyaa xiqqoo bakka itti argatan - Pikaadus.
Ollaa lammiilee Itoophiyaan ho'itu kana keessatti lammiilee Jibuutii caalaa lammiilee Itoophiyaatu mul’ata. Inumaa bulchiinsa ofii waan tolfatan fakkaata.
Kanneen seeraan ala jiraatanis danuudha. Akka kanneen keessa jiraatan jedhanitti, yeroo bakkeewwan Jibuutii kaan waliin wal bira qaban asitti hattuu waliin wal ari’un ni xiqqaata.
Jibuutii keessa yeroo dheeraaf kan jiraatte Jijiin ‘‘naxalaa sodaa malee kaniin uffadhee sosso’u Pikaadusittidha,‘‘ jetti. Asitti sodaan poolisii ni xiqqaata jechuu isheeti.
Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa, Tigreefi … hunduu dubbatama.
Pikaadus magaalaa guddoo Jibuutiirraa fagoo miti - 12km qofa fagaatti.
Shofeeronni konkolaataa fe’isaa oofan konkolaataa achitti boqochiisu. Ofiis cinaacha itti cabsatu.
Pikaadus buufata konkolaataa konkolaattota fe’isaa Itoophiyaa Jibuutii keessatti argamuudha. Bakki kuni magaalaa Jibuutiidhaa yoo gad-dhuftan gara bitaatti argama.
Konkolaattonni kunneen hedduu - dhibba hedduun lakkaa’amu.
Ulaa dinagdeefi al-ergii Itoophiyaa kan taate Jibuutiin guyyuu konkolaattota wal faana yaa’an kana simatti, kaan gaggeessiti.
Bakkee kanatti tajaajila si’eessuuf Abbaan Taayitaa Geejjiba Itoophiyaa waajjira banateera.
Fuullee dallaa bal’aa kanatti kan hundoofte ollaan kuni suuqiiwwan, bakkeewwan daldalaa, manneen buna itti dhugan, uffata itti gurguran, gabaa jimaafi kaanin ho’iteetti.
Manneen daldala kunneen sharaa bal’ifatanii nurraa bitaa kadhatu. Afaan hedduu dubbatu.
Fuuldura isaaniis duuba isaaniis yoo darban manneen nyaataa, dhugaatiifi bunaa danuutu jira.
Konkolaachiftooti meeshaa fe'an dabareen hanga isaan ga'utti asitti walgahanii yeroo isaanii dabarsu. Kaan kaartaa taphatu, gariin dubbii ho’ituutti buna unatu.
Kanneen ciqilfatan, soorataniifi televijinii daawwataniis jiru. Kanneen ba’aa buusaniifi fe’aniifis maamila isaanii waan ta’anif isaan biraa hin fagaatan.
‘’Shofeerri hedduu gaafa biyyaa mi’a fe’uuf dhufu asuma qubatee taraa [dabaree] isaa eega,’’ jechuun Mirreessaan* BBC’tti dubbate.
Mirreessaan konkolaataa guddaa konkolaachisa. Hanga mi’a gara Itoophiyaa qabatee deebi’uutti asitti boqota. Bakkee kana itti deddeebi’eera.
Mohaammad Saanin immoo ollaa Pikaadus kanatti waggoota jahaa oliif jiraate. Biyya galee reefu deebi’e.
Bakkee kanatti ‘’75% ol shofeerootatu mul’ata,’’ jechuun dubbata. Bakkee hiriyyaa isaa waliin jimaa qama’aa tureeti isa dubbisne.
Pikaadus gaaddisa namoota hedduuti. Kaan godaanee, kaan baqatee, kaan jiruuf itti dahateera. Kaan dalagaa argatee hafee kaanimmoo yeroof turee deebi’uf asitti wal gahe.
Muraad* kanaaf fakkeenya. Reefu dargaggoo ganna 21 dha. Maatiin isaa walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaafi Somaalee booda buqqa’uu BBC’tti hime.
Eegasii Giddugala Oromiyaa naannawa magaalaa Galaanitti dahatan. Achittis hanga kutaa 11ffaa barate.
‘’Nan dalagadha,’’ jedhee ture obboleessa isaarraa maallaqa fudhatee gara Jibuutii kan dhufe. Garuu, ikaadusitti hafe.
‘’Dargaggoon hojii dhabanii baay’inaan asitti dhaabachuutti jiran,’’ jechuun kan hojii dhabee lafa taa’u isa qofa akka hintaane ibsa.
‘’Ijoollee Oromoo Sa’udii deemna jedhanii bahanii maallaqa 30,000 fa’i kanfalanii karaan cufamnaan dalagaa dhabanii as taa’utti jiran.’’
Dargaggoon kuni waan abdate hin arganne. Hoteela keessa dalagaa ture. Ammammoo eega isa dhiisee waan argate dalagaa jiraata.
Kanneen seenaa akka isaa qaban xiqqaa miti. Jibuutii seenanii bahuun rakkoo itti taate asitti dahataniiru.
'Itoophiyaa xiqqoo'
Pikaadus jechuun Afaan Faransaayiin 12 akka jechuuti. Warri biyyaa PK-12 (Piquer à douze) jedhanii waamu.
Ammoo lammiileen Itoophiyaa achitti dubbifne Mikaadus, Bikaadusis jedhuun.
‘’Walumaagala Itoophiyaa xiqqoo jechuu dandeenya. Yoo amma akkas deemte hoteela Itoophiyaa qofa agarta.
‘‘Suqiilee Itoophiyaa, dunkaana Itoophiyaa manuma Itoophiyaati irra hedduun,‘‘ jedha Muraad.
Nami Itoophiyaadhaa dhufe asiitii maal dhaba? Dargaggoo kana gaafanne.
‘’Akkuma achi jiraatutti ni jiraata.’’
Inni hojiis dhabu ijoollee biyya isaa waliin afaan osoo hin rakkatiin waan argate nyaatee jiraata. Yoo dalagaan argamees ni dalaga.
Pikaadusitti lakkoofsi konkolaachiftoota Itoophiyaa baay’eedha. Baay’een isaanii sababa ollaa kana filataniif qabu.
‘’Shofeerota hedduutu dhufa. Addana malee bakka biraa hin deeman. Asitti Afaan Faransaay, Afaariifi Somaalees ni dubbatama.
‘’Shofeeronni keenya afaan kaan dubbachuu waan rakkataniif Pikaadus keessaa hin bahan,’’ jedha Mohaammad.
Mirreessaan gara caalu konkolaataa isaa keessa buluus yoo Jibuutii jira ta’e guyyuu Pikaadus dhufuu hin dhiisu.
'Wal keessa jirra'
Waa’ee lammiilee Itoophiyaa haasofne malee warri biyyaas Pikaadus keessa ni jiraatu.
Hunduu waan dalagatuuf fiiga. Dargaggoota Harargee Afaan Somaaleen osoo gurguranii gidduutti Afaan Oromoo yoo dubbatan dhageessu.
Fuula ilaalanii afaan jijjiiru. Afaan Afaariifi Somaalee darbees Faransaayiifi Afaan Arabaa kan dubbatanis jiru. Amala gabaatu akkana.
‘’Gatiin isaa yoo mi’aaye malee waan barbaannu arganna,’’ nuun jedhan konkolaachisaan manneen nyaataa jalaa agarree dubbisne.
Miidiyaaleen Itoophiyaatti beekaman asiis jiru. Manneen nyaataa kanneen biratti walleewwan garagaraa fagoodhaa dhagahamu.
Manneen nyaataa yoo seentan shofeeroti yeroo walitti qabamanii haasa’an agartu. Garri caalu yeroo isaanii kaartaa taphataa dabarsu.
Warri mana nyaataa bananis, kanneen keessummeessaniis, kanneen dhufanii fayyadamaniis gara caalu lammiilee Itoophiyaati.
Asitti yoo mootummaa Itoophiyaa ta’e malee lammiin Itoophiyaa waan dhibe waan jiru hin fakkaatu.
Birhaan haadha mucaa tokkooti. Erga Pikaadus jiraachuu jalqabdee waggaa lama ta’e. Ammoo gabaa agartee buna danfistee erga gurguruu jalqabdee reefu ji’a jahaadha.
Buna siinii tokko birrii Itoophiyaa digdamaan gurgurti. Maamiloonni isheemmoo shofeerota Itoophiyaarraa dhufanidha.
‘’Kan as jiru habashaafi Somaaleedha, wal keessa,’’ jechuun ibsiti. Inumaa isheen ‚‘‘ispiriisii‘‘ jechuun ibsite.
Buna biratti shiroos danfistee gurgurti. Ammoo gatii kiraaf maal buufanna jechuun dubbatti.
Ollaa Pikaadus kanatti lammiileen Itoophiyaa biddeena tolchanii, buna danfisanii gurguran gara hin qabani.
Namni biyyaa bahe biddeenas, bunas hin afatu jedhaniiti fakkaata tooraan galanii gurguru. Nami itti gore filatee seena.
Kanneen yeroo dheeraaf qe’ee kana jiraatanimmoo iddiriis tolfataniiru. Dhiheenyattimmoo Bataskaanas ijaarsisaniiru.
Birrii daangaa ceete
Qe’een lammiileen Itoophiyaa tolfatan kuni yoom akka hundaa’e hinbeekamu. Garuu, konkolaachiftoonni buufata konkolaataa isaanii achitti tolfachuun akka walqabatu amanama.
Asitti nama Itoophiyaa qofa miti birriinis daangaa ceeteetti.
‘’Maallaqa kan Itoophiyaa yoo qabaatte waluma qixa fayyada,‘‘ jedha Muraad*.
Ertiraan erga walaboomteeti Itoophiyaan daldala keessaafi alaaf buufata Jibuutii kana itti dhimma baati.
Oomisha kanammoo waggootaaf kan deddeebisaa jiru konkolaattotadha.
Konkolaachiftoonni asitti buufatan yeroo dabareen isaanii gahe mi’a fe’u. Daangaa Itoophiyaa seenuufis 200km ol oofu.
Daandiin waan babbadeef karaa Gaalaafii guyyaa lama gama Dirree Dhawaanimmoo guyyaa tokko akka fudhatu konkolaachiftoonni dubbisne himu.
Konkolaachiftoonni waggootaaf deddeebi’aa jiran qe’een kuni guddataa, jijjiiramaa akka jirtu dubbatu.
''Mana qofa osoo hin taane gatiin isaas akkasumas dabalaa dhufeera,’’ jedha kana dura konkolaachisaa konkolaataa fe’isaa kan ture *Kiroos.
Naannoo Amaaraadhaa dhufuu kan nutti hime Mohaammad waggoota as tureetti waan taajjabe qaba.
‘’Waa’ee gatii hin kaasinaa, yeroodhaa yerootti dabalaa jira,’’ jechuun haadheeffata.
Birriin Itoophiyaa farankaa Jibuutii waliin yeroo wal bira qabu jalaa laafaa adeemaa akka jiru dubbata.
Suuqiiwwan kanneenitti wanti dhibe hinjiru. Uffati, saamunaa, kopheefi kaan hedduu jira.
Konkolaachiftoonni biyyatti deebi’an asiitii waa bibbitatu.
Waan biyyatti gatiin isaa mi’aawa jedhanii yaadan bitachuuf farankaan Jibuutii isaan hin barbaachisu.
Sababni isaas birriin Itoophiyaa asitti waan dalaguuf.
Dubartoonni Somaalee daandii qarqara ta’anii qarshii sharafu – birrii Itoophiyaa tokko farankaa Jibuutii 150’n.
Konkolaachiftoonni akka jedhanitti, birriin Itoophiyaa laafaa jira. Kunimmoo mi’oota Jibuutiidhaa bitan qaalii duraa taasiseera.
Gabaa Pikaadus argamuutti shiroo birrii 160 - 300 bishaan birrii 70 – 100 akka gurguramu dubbatu. Waaddiin foonii birrii 400 fa’i ta’uu himan.
Konkolaachiftoonni yeroo biyyaa bahan durgoo isaaniif kennamu qabatanii bahaniif takka takka yoo fe’isi dhibe yeroo eegame caalaa turuu danda’u.
Yeroos yoo xiqqaate durgoo guyyoota torbaa yookaan kudhan fudhatan gaafa xumuran hanga durgoon biraa ergamu namoota beekan gargaarsa gaafatu.
Wal gargaaruun asis jira jedhu kanneen dubbifne.
‘’Yoo lammii Itoophiyaa ta’e konkolaachisaa qofa osoo hin taane hoteelonnis kennu,’’ jedhu konkolaachisaan BBC’n dubbise.
Pikaadus kanatti baankiin Itoophiyaa hinjiru. Konkolaachisaan maallaqa fixe daangaa biyyoota lamaan, Gaalaafii, hanga gahutti konkolaachistoota kaanirraa fayyadamaa tura.
Pikaadus garuu kan dhufe simataa, kan adeemuu gaggeessaa ofii bal’ataa maamilas bal’ifataa itti fufteetti.
*Namoota maqaa akka dhoksinuuf nu gaafatan maqaa isaanii dhoksineerra.