Maatusaalaa Barakat dargaggoo waraana Tigraay jalaa baqatee harka shifootaatti dararame

Maatusaalaa Barakatiin jedhama. Dhaladhee kanan guddadhe Maqalee, kutaa magaalaa Ayidar ganda 03 keessatti.

Maatiikoo hojjattootaa motummaati. Yeroo waraannii Tigraay eegalu barataa kutaa 11 ture. Sababii weerara Covid-19n barnootakoo adda kutee turulleen, kanan gutummaan barnoota irraa fagaadhe yeroo waraann Tigraay eegaleetti.

Ammatti Jabuutii buufafa baqattootaa Hool Hool keessattin argama.

Waraanaa irraa ... gara baqannaatti

Yeroo waraanni eegalu magaala Maqalee keessan ture. Yeroo sanattis haala baayyee na sodaachisutu ture. Waraanichaan dura magaalaa itti dhaladhee bahee hin beeku ture. Biyyaa bahuun hafee gara naannichuma keessatti gara eddoowwan biraa deemee hin beeku ture.

Yeroo jalqabaatiif miilakoo baqannaaf kanan kaase waraanni erga eegaleen booda ture.

Waraanichi eegalee guyyoota muraasaan booda ALI Sadaasa 12, 2013 ture kanan Tigraayi bahee baqannaaf imala eegale. Guyyaa sana haadhakootiin yeroo jalqabaatiif adda bane. Guyyaa sana hin irraanfadhu.

Isaan dura waa’ee baqannaa yaadee hin beeku ture. Waanan Maqalee keessaa bahu natti hin fakkaatu tures.

Xiyyeeffannaankoo hundi barnootarra ture. Silaa amma barataa yunivarsitii ykn nan eebbifama ture. Yeroon hojii qabadhee maatiikoo itti gargaaru ni jiraata jedheen yaada ture.

Erga waraanni eegaleen booda waan haalli cimaa dhufaniifi namoonni ani dhiheenyatti beekuufi maatiinkoo yoo miidhaman waanan hubadheef osoon hin mari’atiin ture kanan gara baqannaatti jaqeele.

Maqaleedhaa ka’ee gara kiilomeetira 45 ergan miilaan imaleen booda Abi’aalaa (magaala xiqqoo daangaa Tigraayiifi Affaariirratti argamtu) qaqabe.

Achinis konkolaataa argadheen imalakoo itti fufe. Garuu ammoo eessa akkan dhaqu hin beekuun ture.

Imallikoo baayyee cimaa ture. Naman beeku of cinaatii hin qabu ture. Waaqa qofaatti amanadheen bahe. Abi’aalaa bahees gara maqaadhaan malee duraan dhaqee hin beekne Finfinnee gale.

Achittis waan gaariin kamuu na hin mudanne. Yeroo cimaan dabarse. Naman beeku dhabee qofaa koo ta’un haala natti cimse. Akkuman Finfinnee qaqabeen qabamee baatii jahaaf hidhame.

Akkuman mana hidhaatii baheen ammoo imalakoo gara naannoo Somaalee Jigjigaatti qajeele. Achittis qabameen baatii afuriif hidhame.

‘Fedhiinkoo Itoophiyaadhaa bahu ture’

Magaala Finfinneettis ta’e Jigjigaatti sababii waraanaatiin wal qabatee eenyummaakoofan hidhame jedheen amana.

Hidhaa lamaaniinu osoo mana murtiitti hin dhiyeeffamiin baatiiwwaniif hidhame. Manneen hidhaa hin beekamne keessa baatii 10’f dabarseera.

Daangaa Itoophiyaa qaxaamure bahuudhaaf imalakoo itti fufnaan, namoonni ani hin beekne kan biraa fagorraa na ilaalaa turan.

Ta’us garuu imalicha qofaakoon eegalee ture. Garam akkan deemu garuu hin beeku ture. Yeroosanatti fedhiikoo Itoophiyaa bahee gara biyya kamiituu deemuu ture.

Daandii sana hunda qaxaamure Jabuutii qaqabulleen garuu eessa akkan jiru hin beekuun ture.

Buufanni baqattootaa jiraachu ykn eessa deemee boqachu akkan qabu hin beeku ture. Qofaakoon gammoojii keessa imala ture. Yaaddoon natti hin dhagahamne ture. Sababiinsaas Itoophiyaarraa hanguman fagaadhee deemee bilisummaan natti dhagahama ture.

Akka tasaa yoon naannawa kana qaqabu (Kaampii baqattoota Hool Hool-Jabuutii), namoonni afaan Tigree haasa’an laga keessatti qaama yoo dhiqatan dhagahe.

Itoophiyaa irraa akkan ta'e hubatanis Afaan Amaaraatiin na dubbisan, anis Tigraay irraa dhaquun itti hime. Namoonni sun na gargaaranii baqattummaan na galmeessisan.

ALI Adoleessa 11, 2013 gara kaampii kanaatti seene. Yoon argadhe nan nyaadha, yoon dhabe ammoo beela’aa kunoo waggaa tokkoof as jiraadheera.

Murtee abdiikoo dukkaneesse

Namoonni ana dura gara biyya kanaa dhufan waggaa tokko keessatti waraqaan baqatummaa akka kennamuuf natti himanii ture.

Ergan ani dhufeen booda garuu waraqaa koluugaltummaa jalqabaatu kenna. Ittaansee erga qulqulleesanii gaaffiin kee fudhatama argata ykn ni kufa. Dhufee baatii tokkoon booda natti fakkaata kan waraqaan koolugaltummaa naaf kenname.

Erga waraqaa yeroo sana argadheen booda baatiiwwaniin booda fuldura qorattoota komishinii dhimma baqattootaa duratti dhiyaadhee ergan gaaffiiwwna deebiiseen booda gaaffiinkoo fudhatama akka hin argannee natti himame.

Murteen sunis kan abdiikoo dukkanneesse ture. Yeroos kan koo qofa osoo hin taanee gaaffii baqattoota hedduutuu kufiifame.

Namoonni qaamnisaanii garaagaraa rasaasaan rukkutame osoo hin hafne gaaffiinsaanii kufiifameera.

Imalli baqannaakoo badaanis kan eegale asiirraayi. Yeroo iyyanni koo kufiifamu, abdii kuteen galaana qaxaamuruuf murteesse. Achiis kanan ka’e qofaadhumakoo ture.

Yemen keessa wanti fooyya’e jiraachu mala jedheen abdachuun daandii eegale. Imalakoorratti garuu waanan hin eegneefi sukkaneessaan na mudate.

Jabuutii irraa galaana qaxxamuuruun kan Yemen galamu. Kanaafuu Yemen deemuuf kaampichaa baheen imalan eegale.

Osoon baayyee deemee imala gara Yeman hin eegaliin dura shiftoonni qarqara galaanaa na qaban. Daandiirratti na eeganii na dhaabsiisan. Afaanoota garaa garaan na dubbisan. Lammiileen Jabuutiis waliin turan.

Akka gadi si lakkoofnuuf birri kuma sadii kanfali naan jedhan. Anis maallaqa omaatuu akkan hin qabneefi rakkadhee akkan baqadhe itti hime. Garuu na hubachu hin dandeenye. Na qaban.

Ergan harkasaanii seeneen booda ittaanee maal gochu akkan qabu hin beekuun ture. Osoo miidhaaniifi bishaan afaankoo seeniin na reebaafi na dararaa maallaqa na gaafataa turan. Carraan tokkichi lubbuukoo baraaruuf naaf kennamees, gara maatiikootti bilbila bilbiluu ture.

Idaa maatii!

Yeroo sanattis beelaafi dheebuutti reebiichi dabalamee du’akoon hawween ture. Shiftoonni na qabanis bilbilanii maatiin wal na qunnamsiisan. Maatiikoo afaan Tigreen dubbise. Kunis balaa cimaa keessa na galche.

Yoo Afaan Tigreetiin dubbadhu dhagahanii qarshii akkan kanfalu dura na gaafatan kuma sadii dhiisanii kuma 25 na gaafatan.

Maatiinkoo waraanaa keessa jiran maallaqa kana akka erganiif gaafataman. Maatiinkoo hojjattoota mootummaa yoo ta’an, sababii waraanaatiin hojii dhaabanii mindaasaanii erga adda cite yeroo dheeraa ture.

Ta’us maatiinkoo ana lubbuun oolchuuf jecha maallaqa gaafatame bakka meeqa seenanii kanfalan. Garuu isarratti hin dhaabane. Osoo gadi na hin dhiisiin maallaqa gara biraa na gaafatan.

Maallaqa gaafachuufis maatiikootti viidiyoo waraabanii erga turan. Waraabbiiwwan viidiyoos yoo na reebaniifi haaduu mormakoorra kaa’anii ‘‘ni ajjeefna’’ jedhanii doorsiisan agarsiisa ture.

Shiftoota kanneenis guyyaa sadiif garmaleen dararame. Maallaqni isaan qaqabus isaan booda lubbuun akkan hin hafneen yaada ture.

Akka ajjeessanii gammoojjii ykn galaana keessatti na gatan yaadaan ture sababii baayyee gar jabeeyyii turaniif.

Gochaa kanas kan raawwatan shiftoota qofaa osoo hin taanee namoota karaa seeraan alaatiin namoota dadabarsanif turan. Anaan alas baqattoota hedduu hidhanii maallaqa gaafataa turan.

Haata’u malee ,namoota ofiin ceesiisuuf fidan haala gaariidhaan qabu turan. Nyaataafi bishaan dhiyeessuuf ture. Akka socha’an ni hayyamuf ture. Ani garu dukkana keessattin hidhame ture.

Nyaataafi bishaan na dhorkuusaanitiin alattis yoo na biraan darban na reebu, na dararu ture. Miidhaa qaamaa narraa gahaa turan. Eenyummaaakotiin natti qoosuu turan. Waanan kophee hin kaawwanneef millikoo madaa’ee ture. Busaanis na qabee ture… hanga nama du’ee ta’een ture.

‘‘Erga du’uunkoo hin oollee…’’

Namoonni nama qabanis maallaqni ergamufis gadi na lakkiisuu akka hin barbaannee hubadhe.

Na qabanii maatiikootiin maallaqa ergaa jechuun madda galii godhachu akka barbaadan waanan hubadheef, abdiin lubbuun ooluukoo dukkanaa’e.

Dhumarrattis ‘‘du’us miliquun qaba’’ jedheen murteesse. Erga maallaqa argachuuf natti gargaaramaniin booda akka na ajjeessan waanan hubadheef miliquufan murteesse.

‘‘Du’uunkoo erga hin oollee fiigaallee du’u naaf wayya’’ jedheen ijuma dulunfadhee baqadhe. Lukkakoo duwwaan fiigaa ture. Miillikoo dhiigaan makamus fiiguuman itti fufe.

Ergan isaan jalaa baqadhee fageenya ta’e deemeen booda dhukkubbiifi beelaan of wallaalee kufe. Waanan beeku baayyeen hin turre. Garuu namni Affaar tokko na argee na kaase.

Dhumarrattis gara kaampii baqattootan keessa tureetti deebii’ee dhufe. Kaampii kana yoo qaqabus miillikoo, qaamnikoo fi ijjikoo madaa’ee dhukkubbiin dadhabee waanan tureef baqattoonni hundi wal ta’anii waan danda’amun na gargaaran.

Yaalii isaaniif galanni haa gahutii miidhaa qaamaafi dhukkuba busaarraa bayyanadhee kunoo guyyaa har’aa qaqabeera.

Erga harka namoota na butanii miliqee as dhufee baatiiwwan lakkoofsiiseera. Asi kaampii baqattoota Hool Holl keessattis haala cimaa dabarsaan jira.

Drgaggoo Maatusaalaan biyya biraatti imalee maatiisaa sababii waraanaatiin rakkoo keessatti argaman deeggaruuf abdataa jira.