Ejjennoon IGAD ammallee tokkummaan daangaa fi birmadummaan Somaaliyaa akka kabajamuudha- Dr Warqinaa

Tokkummaa fi birmadummaa biyya Somaaliyaa akka kabajamu gochuun yoomiyyuu ejjennoo isaa ta'uu jaarmiyaan Tumsa Misoomaa Biyyoota Baha Afrikaa (IGAD) ibse.

Barreessaa Olaanaa IGAD kan ta'an Dr Warqinaa Gabayyoo wayita Somaaliyaa daawwatanitti ejjennoo jaarmiyaasaanii kana mirkaneessan.

Daawwannaan duree IGAD kun yeroo Gaanfa Afrikaatti muddamni hammaatee jirutti dhagahame.

Dr Warqinaa Gabayyoo marii Ministira Dhimma Alaa Somaaliyaa waliin gaggeessan irratti IGAD jalqabumarraa birmadummaan Somaaliyaa kabajamuu akka qabu ejjennoo qabatee akka ture ibsan.

Yaa'iin dureewwan biyyoota miseensa IGAD Amajjii darbe gaggeeffame ''tokkummaan daangaa fi birmadummaan biyya Somaaliyaa haa kabajamu jedhee murtee dabarseera. Ammallee ejjennoo keenya akkasuma,'' jedhan.

IGAD Sekretaariyaat miidiyaa hawaasummaarratti hariiroo hin raafamne Somaaliyaa waliin qabu akka cimsu akkasumas nageenya, tasgabbii fi badhaadhina gaanfa Afrikaaf akka hojjetu ibse.

Ministirri Dhimma Alaa Somaaliyaa Mowaalim Fiqii ejjennoon IGAD waldhadee Itoophiyaa fi Somaaliyaa irratti qabate jalqabumarraa ifaa fi sirrii akka ta'e dubbatan.

''IGAD kanaan dura rakkoo hiikeera, ammallee gahee isaa haa bahu'' jechuunis waamicha dhiheessan.

Dr Warqinaa buufata xiyyaaraatti dhaqee kan simate qondaala Somaaliyaa kan waa'ee mormitoota mootummaa Itoophiyaa hirphuu akka filannootti qabachuu ibsan Mowaalim Fiqiidha.

Somaaliyaan hundeessitoota IGAD keessaa tokko ta'uu kan eere jaarmiyaan misoomaa biyyoota Baha Afrikaa kun, daawwannaan Dr Warqinaa kun kutannoo jaarmiyichi mootummaa Somaaliyaa waliin hariiroo gaarii uumuuf qabu kan mirkaneessuudha jedheera.

Dr Warqinaan yeroo Somaaliyaa daawwatanitti Pirezidantii biyyattii Hasan Sheek Mohamuud waliinis walarguun mari'ataniiru.

Mariin isaanii nageenyaa fi tasgabbii naannawa Baha Afrikaa, hariiroo diinagdee akkasumas tarsimoo fi sagantaa IGAD Somaaliyaa keessatti qabu irratti kan xiyyeeffatedha.

Pirezidant Hasan Sheek Mohamuud biyyi isaanii hariiroo jabaa IGAD waliin uumuun guddina naanawa kanatti taasifamurratti kutannoon akka hirmaattu waadaa seenan.

Dr Warqinaan gamasaaniin hojii Somaaliyaan nageenyaa fi ijaarsa biyyaa keessatti taasisaa jirtu jajuun dubbataniiru.

Akka fakkeenyaatti hojii shororkeessummaa fi finxaalessummaadhaan loluurratti hojjetamaa jiru kaasan.

''Somaaliyaan hundeessitoota IGAD keessaa ta'uushee qofa miti, kaayyoo gooroo walitti nu fide- Gaanfa Afrikaatti nageenya, tasgabbii fi misooma mirkaneessuu keessatti michuu keenya ishee murteessituudha,'' jedhan Dr Warqinaan.

''Misoomaa fi badhaadhina mirkaneessuuf daandii Somaaliyaan imaltu kamirrattuu cinaa dhaabbanna. Biyya hin raafamne ijaaruu keessatti tattaaffii mootummaa biyyattii deeggaruu itti fufna.''

Itoophiyaan sababa waliigaltee ulaa galaanaa bulchiinsa Somaalilaand waliin mallatteessiteef Somaaliyaa waliin waldhabdeetti.

Masriin meeshaa waraanaa Somaaliyaatti erguun immoo ittuu haalicha hammeessa jedhamee sodaatameera.

Itoophiyaafi Somaalilaand yaaddoo erga ibsan booda Ministirri Mummee Somaaliyaa torban darbe loltuun gara Somaaliyaa dhufaa jiru hin jiru jedhaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Somaaliyaa Ahimad Mowaalim Fiqii tibbana Itoophiyaan waliigaltee ulaa galaanaa yoo addaan kutte malee hidhattoota Itoophiyaa hidhachiifna jedhanii dubbataniiru.

Eegasii dippilomatiin Itoophiyaa cimsanii balaaleeffataniiru.