Alkoolii dhuguun hangam balaa qaba?

Garee namoota dhugaatii qabatanii jiran.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa balaan kun dhugaatii jalqabaa irraa eegala jedha

Kutaalee addunyaa hedduu keessatti sagantaan tokko alkoolii malee guutuu hin ta'u jedhamee yaadama. Namoota tokko tokkoof alkooliin karaa namoota adda addaa waliin hariiroo hawaasummaa ittiin cimsatan yoo ta'u, kaan ammoo bashannanuudhaaf dhugna jedhu.

Kanaaf Namoonni sababoota hedduuf akka ayyaanefachuuf, hariiroo hawaasummaa cimsachuuf akkasumallee dhiphina ofirraa balleessuuf dhugaatii dhugu.

Qorannoon kana dura jiran tokko tokko akka agarsiisanitti dhugaatii alkoolii muuraasa kan akka wayinii diimaa muraasa dhuguun fayyaadhaaf gaarii ta'uu akka danda'u ibsa.

Amma garuu qaama eegumsa fayyaa addunyaa kan ta'e, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa haala kamiinuu alkoolii xiqqoollee dhuguun faayidaan inni fayyaa namaaf kennu tokko hin jiru jedha.

Sagantaan BBC dhimma nyaataa irratti hojjatu balaa fi faayidaa dhugaatii dhuguun qabu ilaale.

Kaansarii fi du’a

Kutaa nyaataa keessatti wayita namni tokko wayinii diimaa buusu.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Akka addunyaatti dhiironni dubartoota caalaa dachaa afuriin alkooliin alkoolii dhugu

Sababa alkoolii dhuguutin addunyaa irraa waggaa waggaan namoota miliyoona 2.6 du’aaf akka saaxilaman gabaasni dhiheenya kana Dhaabbata Fayyaaa Aduunyyaa (WHO) irraa bahe ni mul’isa.

Alkooliin yoo xiqqaate kaansarii garaachaa fi harmaa dabalatee gosoota kaansarii torba fida.

Qorannoon bal’aan WHO'n gaggeesse akka agarsiisutti, alkoolii salphaas ta'ee giddu galeessaa kan wayinii liitira 1.5 gadi ykn biiraa liitira 3.5 gadi akkasumalee dhugaatiin alkoolii mili liitirri 450 gadi ta’ellee dhuguun balaa qaba.

Qajeelfamni haaraan WHO akka jedhutti, hammi dhugaaatii qaama namaaf barbaachisu tokkollee akka hin jirree fi “balaan fayyaa nama irratti dhufus hanga xoiqqoo fudhachuu irraa eegala.”

Fayyadamni hir’achuu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa akka mul’isutti, akka Addunyaatti hang waliigala namootni alkoolii fayyadaman bara 2010tti liitira 5.7 irraa gara bara 2019tti liitira 5.5tti xiqqoo gadi bu’eera.

Dhiironni harki caalaan dhugaatii kan fayyadaman yoo ta’u, Kan dubartootni dhugan waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu dhiirotni waggaa tokko keessatti giddu galeessaan liitira 8.2 yoo dhugan dubartoonni ammoo liitira 2.2 dhugu.

Namootni gariin (akka Anna Tait 44) kan biyya Ingilizii Berkishire jiraatan guutummaatti dhugaatii alkoolii dhiisaa jiru.

''Baay'een dhuga hin seene, garuu jimaata yeroo hunda dhugaatiin fayyadama. Hojiin booda biiraa tokko lama, ykn waan akka jiinii murasa fudhachuu hawwii kooti. Achiis abbaa warraa koo waliin wayinii tokko lama jechuun natti tola jetti,''Tiyaat

Haalli kun guyyaan Sanbataas haaluma walfakkaatuun irra deebi’amee mul’ate. Ammallee Tiyaat guyyaa Kipxataa fi Dilbataallee dhugaaticha fudhachuu amaleeffachuun araadan qabamuu ishee hubatte

Garuu sana booda, jalqaba bara kanaa shaakala maaraatoonii kan eegalte yoo ta'u, leenjisaan ishees dhugaatii alkoolii akka dhiiftu ishee jajjabeesse.

Abbaan warraa isheellee Ispoortii hojjechaa waan tureef lamaan isaaniiyyuu dhugaatii adda kutuu danda'aniiru.

''Jijjiirama guddaa akkasii. Jabaatee ykn fooyya'aa ta'ee natti dhagahama,'' jetti Tiyaat.

Garuu yeroo dhimmoota hawaasummaaf sagantaa irratti argaman hiriyyoonni Tiyaat isheen fi abbaan warraa ishee dhugaatii dhuguuf isaanitti makamuu akka hin dandeenye yeroo hubatan xiqqoo mufatu.

Shamarreen ganna 22 Amelihe Hawunisteeyin kan biyya Jarmanii magaalaa Bavariyaa ammoo deeggarsa hiriyyoota ishee fayyadamtee dhugaatii dhiiste. “Halkan yeroon dhugaati hin dhugne waanin bashannane natti hin fakkatu ture. Ganama ganama yeroo hirriba korraa ka'u galgala sana maal akkan godhellee waanin hin beekneef baay’ee hamaadha. Kana waan ta’eefan dhaabuu barbaade.”jetti

Jijjiirama amma ofirratti argamsiifte kanaanis baayʼee gammaddee jirti.

Dubartiin qaruuraa wayinii qabu ilaalaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Guutummaa addunyaatti hangi alkoolii dhuguun xiqqaa jira.

Saayinsiin ni dogoggore moo?

Muuxannoon dubartoota lamaan kanaa dhugaatii alkoolii dhiisuun faayidaa guddaa akka qabu ifatti agarsiisa.

Dr. Tiim Istookweel saayintistii Inistiitiyuutii qorannoo qoricha Sammuu Namaa hadoochu Kaanaadaa yoo ta’an akeekkachiisni WHO sirrii ta'uu isaa ni amanu.

“Alkooliin bu’uura irra waan balaa geessisu yoo ta’u balaan isaas akkuma dhuguun jalqabameen eegala”

Hidhata dhugaatii hanga xiqqoo ta'ee fi du’a gidduu jiru argachuuf waraqaawwan qorannoo saayinsaawa dhibba tokkoo fi torbaa irratti xiinxala qorannoo (meta-analysis) hojjeteera

Balaa du'aa dhibba keessaa tokko mallattoo dhugaatii alkoolii giddu galeessaa kan ta'u yoo ta'u, carraan du'aa kuma keessaa tokko ammoo mallattoo dhugaatii alkoolii gadi aanaa ta'uu isaa Jornaaliin Fayyaa Biriteen ibseera.

Wanti dhugaatii sadarkaa gadi aanaa ykn dhugaatii giddu galeessaa uumu biyyaa biyyaatti garaagarummaa qaba.

Mootummaan UK namni tokkoo torbanitti yuunitii kudha afur caalaa dhuguu akka hin qabne gorsa, kunis naannoo bircuqqoo wayinii giddu galeessaa ykn biiraa ja'a ta'a.

Dr. Tiim Istookweel yaadni alkooliin madaalawaa ta'e fayya irratti dhiibbaa omaa hin fidu jedhu mala qorannoo gaarii hin taane irraa kan ka'e akka ta'e falma.

Gaaffiin ulfaataan waan hin turreef qorattoonni waa'ee dhugaatii ilaalchisee deebii namoota argachuuf hin dhiphanne. Ta'ullee wantoonni ijoon tokko tokko namootni ibsuu hin barbaannee bira darban akkuma jirutti ta'ee.

Kanaaf“Warri dhugaatii giddu galeessaa dhugan galii olaanaa, nyaata fooyya’aa, sochii qaamaa taasisuu, kunuunsa fayyaa fooyya’aa argachuu, ilkaan fooyya’aa fi garaa guddaa hin taane qabu,” jedha Istookweel

Dhiira dargaggeessa burcuqqoo alkoolii qabatee jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni dhugaatii alkoolii dhugan hedduun dhugaatii dhiisuun garmalee itti ulfaata

Filannoo faayidaa fi miidhaa Alkoolii

Namni hedduun balaan alkooliin walqabatee dhufu yaaddoodha jedhee hin yaadu.

Piroofeesarri Sar Deevid Ispiigelhaaltar, “Dhugumatti, guyyaatti dhugaatii tokko ykn lama dhuguun balaa natti fida jedhanii akka yaadda'an ta'uun naaf hin galle” jechuudhaan falmu.

Inni Yunivarsiitii Kaambiriijii UK keessatti Piroofeesara Istaatistiksii Emeritus yoo ta'u, akkamitti rakkooakkasiif miira qabaachuu akka dandeenyu ibsa.''Sadarkaan konkolaachisummaa nageenya qabu hin jiru. Sadarkaan jireenyaa nageenya qabu hin jiru, garuu namni ofirraa ittisuu gorsu hin jiru. Faayidaa miidhaa wal-jijjiirraa ilaaluu qabna.”

Dr. Deevid dandeettii namootni rakkoo dhufuu danda'u sirritti tilmaamu irratti shakkii qabu.

“Namoonni tarii sababa itti gammaduuf ykn ittiin bashannanuu akka dhugan qofa fudhachuu qabna jedheen yaada.”

Inni Qaama warra alkoolii leellisanis ta'ee mormanii akka hin taane cimsee kan dubbatu, Dr. Deevid maaliif dhugaatii giddu galeessaa dhuguun akka isa gammachiisu BBCtti himeera.

“Balaaf yaadda'uu jechuun umrii giddu galeessaa dhibbeentaa tokkoon hir’isuu jechuudha.”

" Guyyaatti dhugaatii madaalawaa tokko waggaa shantama oliif dhuguun jireenya kee irraa ji’a jaha ykn guyyaa guyyaan daqiiqaa kudha shan jireenya kee irraa hir'isa.” Waanti balaa hin qabnemmoo hin jiru fakkenyaa guyyaatti sa'aatii tokkoof TV ilaaluun illee ykn torbanitti al lama saandichii nyaachunillee balaa fayyaa qaba."

Kanaaf addatti miidhan alkoolii madaalawaa ta'e hangas ta'ee natti hin mul'atu jechuun miidha isaarraa faayidaa isa akka filatu hima

Akkasumas namoonni dhuunfaa biroos waan isaaniif gaarii ta’e irratti murtoo mataa isaanii akka fudhatan gorsa.