Weellistuun machooftee faaruu biyyaa 'balleessite' dhiifama gaafatte

Madda suuraa, Getty Images
Weellistuun gosa muuziqaa 'Country' jedhamu sirbitu Ingiriid Andirees isteediyeemii beezbooli Ameerikaatti faaruu alaabaa biyyattii machii keessa weellisuu isheef dhiifama gaafatte.
Taateen kunis Wiixata isteediyeemii Teksaas jirutti kan mudate yoo ta'u, miidiyaa hawaasaa irratti bal'inaan qoodameera.
Kaadhimamtuun badhaasa Giraamii al afurii Andrees ''kaleessa galgala dhugeen ture,'' jechuun barreessite .
Liigii Beezboolii, deeggartootaa fi biyyan jaaladhu kana kana dhiifaman gaafadha,'' jette.
''Har'a gargaarsa fayyaa sammuu argachuuf deemuufani. Kaleessa waan sana gaafan raawwadhu of hin beeku.''
Dabaluunis, ''iddoon bayyanannaa itti deemaa jirus akkam akka tahe isnitti hima-gaarii akka tahe dhagaheera,'' jette.
Faaruun alaabaa Andirees dalagde kuni kanneen hamma yoonaa artistootaan irra deebiin hojjetaman keessaa miidiyaa hawaasaa irratti ''isa badaa'' jedhameera.
Miidiyaan biyya keessaa tokko, ''faaruun biyyaalessaa akka hintaanetti faarfamuun Ameerikaa tokko godhe,'' jedhe.
Qeeqa irra gaheen dabalataan dhiifama waan gaafatteef uummatarraa deeggarsa argattee jirti.
Weellistuufi barreessituu Luusii Heel, waan isheen keessa jirtuuf akka gadditeefi ibsuun,''of kunuunsi kana keessaa jabaattee baata,'' jetteettiinii
Weellistuun biraas akkasuma,''jaalalaafi gaarummaa siin kenne. Kana keessaas ni baata,'' jetteenii.
Weellistuun beekamtuu Juuliyaa Maayikiil, ''sin jaaladha. Rakkoon argaa jirtu naa gala. Addunyaan kuni garaa sitti jabaachuusaaf, dhiifama. Jaalala wajjin. Ittiin jetteetti.
'Dandeettii sirrii'
Artistoonni kaanis, dhimma kanaaf ifatti dhiifama gaafachuufi rakkoo ishee uummata duratti ibsachuuf ishee jajanii jajjabeessaniiru.
Dinqisiifataan ishee tokko viidyoo otoo ishee weelistuu agarsiisu maxxansuun, ''dandeetti sirrii,'' ittiin jedheera.












