'Ergan dhugaatii alkoolii dhaabee namummaa koottin deebi'e'

Madda suuraa, SARAH CARTIN
Saaraa Kaartin umriishee hanga ammaa jiraatte gara caalu dhugaatii alkooliirratti dabarsite. Dhuma torbeetti-Sambataa fi Dilbata dhugaatiidhaan dabarsuun jireenya koo diigeera jetti.
Hiriyootashee gammachiisuuf yookiin jaal'atamuuf jettee dhugaatii qaruuraa hedduu dhugdi, kunimmoo dhibeef, namaan qoollifatamuu, balaa fi gadadoof ishee saaxile.
Dubartiin dhalootaan Ayerlaandi Kaabaa taate kun, bakka amma jiraachaa jirtu Kanaadaa, magaalaa Toroontootti waggaa tokkoffaa araada alkooliirraa bilisa baate kabajjeetti.
Saaraan dhugaatii alkoolii dhaabuu akka gootummaatti fudhatti, amma namoonni kaanis araada dhugaatii keessa jiranis faanashee akka bu'an gorsiti.
Dhugaatii umrii ijoollummaasheetti hiriyootashee waliin eegaluu himti, seenaa kana shamarran fi dargaggoota baayyeetu qooddatu.
Jalqaba akka bashannanaatti eegalte, oolee bulee garuu araadi alkoolii to'annooshee ala ta'e.
''Akkuma umriin kiyya dabalaa deemuun araada alkoolii keessattin kufe, umrii koo waggaa dhigdama keessa jireenyi natti dukkaanaa'ee ture,'' jechuun BBCtti himte.

Madda suuraa, SARAH CARTIN
''Jaal'atamuuf jechan alkoolii dhugaa ture. Nama taphatu fi namaan waliigalu jedhamuuf jedheen dhugaa ture. Garuu dhugaan jiru, akkan araada keessatti kufedha,'' jette Saaraan.
Of eeggannoo gochaa waan hin turreef qaamni ishee dhukkubaaf saaxilamuus himti.
''Sababa dhugaatii jireenyi koo dukkanaa'ee yeroo ture qaba. Waanan halkan kaleessaa keessa ture waansaa osoon hin hubatinfaa har'as balaaf of saaxileefaa beeka,''
''Eenyummaa koo dhabeen ture''
Saaraan alkoolii dhuguun dhiphuu fi yaaddoo jireenya guyyuu nama dagachiisa jettee ibsiti.
Akkaataa kanaan yaaduusheen garuu jireenyashee balaa keessa buusuuf fiixeerra geessee deebite.
"Dhugaa dubbachuuf, haalli kiyya guutummaatti gaddisiisaa waan ture natti fakkaata, yeroon dhugus akkan gaarii ta'e natti dhaga'amee kan hin beekne jalaa miliquufan itti fayyadame," jetti.
''Yeroon alkoolii dhugaa turetti eenyummaa koo isa dhugaa waanan dhabe natti fakkaata.''
Jireenyi gammachuu irraa fagaatee kan ture Saaraan yeroo ammaa jireenyishee qajeeleeraaf, baayyee gammaddee jirti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namoota ishee waliin seenaa walfakkaataa qaban akkaataa araada alkoolii keessa itti ba'uu danda'an irratti hojjetaa jirti.
''Ani waggaa tokko dura murtee jireenya kiyya keessatti murteessaa ta'e fudheera. Jireenya na jibbisiisu miliquuf alkoolii dhuguurra alkoolii dhaabee jireenyan fedhu ijaarrachuun filadhe,'' jetti dubartiin kun.
Kaaba Ayerlaanditti sababoota rakkoo fayyaa hawaasaa ta'an keessaa dhugaatiin alkoolii isa hamaa ta'uu Ministeerri Fayyaa biyyattii ibseera.
Dhiironnis ta'ee dubartoonni torbeetti guyyaa guyyaan alkoolii kan dhugan yoo ta'e, hanga biiraa qabiyyeen alkoolii isaa dhibbeentaa afur ta'ee ja'a yookiin meeshaa dhugaatii wayinii ittiin dhugan kan miilii liitira 175 qabatu ja'a caalaa dhuguu akka hin qabne gorsa.
Akka jaarmiyaa fayyaa biyyattiitti namni tokko sirna ykn sagantaa tokkorratti dhugaatii hedduu kan dhugu yoo ta'e dhibeewwan balaafamoof saaxilama.
Of wal'aalanii qaamni miidhamuu, miira machiin of ajeesuu yookiin lubbuu namaa baasuu, yakka barachuu yookiin ammoo kanneen yakka raawwataniin miidhaaf saaxilamuu, murtee hin taane fudhachuu fi miidhaan sammuu balaawwan sababa dhugaatii alkoolii nama mudataniidha.












