Indiyaatti poolisoonni dhugaatii baayyisaniifi akka malee furdatan hojii akka gadhiisaniif gaafataman

Nama dhugaatii qicaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Poolisiin Indiyaa miseensoonni isaa dhugaatii alkoolii baay’naan dhugan fedhiidhaan hojiisaanii akka dhaabaniif itti himamuun dhagahame.

Biyya Indiyaatti qondaaltoonni bulchiinsa Assaam keessatti miseensoonni poolisii 300 ta’aniif rakkoo dhugaatii alkoolii qaban hojiisaanii akka dhaabaniif gaafataman.

Ministirri Olaanaan Bulchiinsichaa, Himaantaa Biswaa Saarmaa akka jedhanitti, dhugaatii alkoolii baay’inaan dhuguunsaanii fayyaasaanii miidheera. Kanaaf, qondaaltoonni kunneenis dursanii sorama bahuuf gaafataa turan jedhaniiru.

Obbo Saarmaan kana dubbachuu isaanitiin dura, ‘‘muka du’aa humna poolisii keessaan murra’’ jechuun dhaadatanii ture.

Miseensoonni poolisii Bulchiinsa Assaam baayyeen osoo hojiirra jiranii alkoolii dhuganii waan argamaniif hojiirraa arii’atamusaanii, Times of India gabaaseera.

Sagantaaleen bulchiinsa kana keessatti eegalame kun bulchiinsoota gara biraa keessattis hojiirra oolfamuu eegalun isaa Obbo Saarmaan himan.

‘‘Innis seera durii ture. Garuu ammoo duraan hojiirra hin oolfamne ture,’’ jedhan.

Guyyaa Kamisaa ammoo, ministirri olaanaan qondaaltonni baayyee furdataniifi kanneen malaamaltummaan himataman dursaan soorama akka gaafatanii bahaniif itti himamanii ture.

Akkasumas, ajajoonni poolisii qondaaltoonni isaanii marti kan ulaagaa guutan ta’usaanii akka mirkanneessaniif ajaja dabarsaniiru.