Daawwataan muuzii agarsiisaaf godaambaa kaa'ame nyaatee qolashee bakkatti deebise

Madda suuraa, Getty Images
Kooriyaa Kibbaatti barataan Yunivarsitii waan beela'eef muuzii agarsiisaaf goodambaa keessa kaa'ame nyaateee qolasaa bakkatti deebise.
Bartaan kun ciree isaa osoo hin nyaatiin waan baheef ''baayyee'' beela'eera jechuun muuzii hojiiwwan agarsiisa aartii keessaa tokko ta'e kan aartistii Maurizio Kaatelaan qopha'e akka nyaate Yunivarsittii hime.
Barataan Nooh Huyn-soo erga muuziicha nyaateen booda qola isaa deebisee bakka buusuun pilaasteriidhaan minjaala irra turetti maxxanseera.
Goodaambichi garuu booda muuzii gara biraa bakka buusuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.
Taateen daqiiqaa tokko caalaa hin fudhatiin kun hiriyaa Nohiin waraabamee ture.
Godaambaa Aartii Leeum gaaffii karaa imeeliitiin dhimmicharratti gaafatameef deebiin kennee hin jiru.
Haata'u malee, gocha barataan kun raawwateef beenyaa omaa akka hin gaafannee miidiyaatti himeera.
Muuziin agarsiisaaf dhiyaatees guyyaa lama ykn sadiin jijjiiramee akka kaa'amu gabaafame.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waraabbii viidiyoo intarneetii irratti maxxanfameen, wayita Nooh muuzicha bakka agarsiisaaf kaa'ameerraa kaasaa jirutti sagaleen 'dhiifama' jedhu ni dhagahama ture. Inni garuu deebii omaa osoo hin kenniin fudhee nyaate.
Achiniin booda qola muuzicha keessaa nyaate deebisee bakka duraan irra fuudhetti deebisee qabsiisuun, osoo kutaa keessaa bahee hin deemiin dura takka dhaabbatee ilaale.
Barataa Nooh booda miidiyaa biyya keessaatiin hojii Aartist Kaatelaan kun aanga'oota tokko tokko irratti mormii agarsiisuuf akka dhiyaatutti yaada.
''Warra morman irrattis mormiin gara biraa dhiyaatu jiraachuu danda'a'' jechuun ture barataan Yunivarsitii Biyyaalessaa Sool akka KBStti himeetti.
"Hojii aartii balleessuunis akka hojii aartiitti ilaalamuu danda'a. Kunis baayyee waan gaarii ta'e jedheen yaade... Nyaatamuuf hin turree kan bakka sanatti qabsiifamee kaa'ame?" jechuun bifa qoosaafakkaatuun ibse.
Obbo Kaateelan waa'ee taatee kanaa wayita itti himameetti, ''rakkoo omaa hin qabu,'' jedhan.
Muuziin hojii aartii Obbo Kaatelaaniin dhiyaatan namoota dowwataniin yoo nyaatamu kun kan jalqabaa miti.
Bara 2019 keessas, muuziin hojii aartiif dhiyaatee ture dolaara 120,000tti erga gurgurameen booda fuudhamee nyaatamee ture.
Achiin muuzichi kan biraatiin bakka buufamuun isaan boodas tarkaanfiin fudhatame omaa hin turre.












