Darbii Landan Chelsiifi Arsenaal walitti fidu dabalatee Piriimer Liigii torban 13ffaan eenyu mirgaan gala?

Estaavaa'oo fi Saakaa

Taphoota Shaampiyoons Liigii torban kana keessa gaggeeffame keessatti kilaboota Piriimer Liigii keessaa Liiverpuul, Maanchester Siitiin, Niwukasil fi Tootenham hin milkaa'iin hafan.

Arsenaal fi Chelsiin garuu morkattoota isaanii ciccimoo ta'an direessaaniirratti simatanii mo'ataniiru.

Arsenaal kilaba Bondosliigaatti shaampiyoonaa ta'eefi barana tapha tokkoonillee hin mo'amiin jiru 3 fi 1n moate.

Chelsiin ammoo kilaba guddaa Laaligaa Ispeen, Baarseloonaa 3 fi 0n mo'ateera.

  • Oduufi xiinxala keenya kallattiin argachuuf Chaanaalii WhatsApp asiin seenaa.

Kanaaf, tapha Piriimer Liigii 13ffaa kanaan tapha Shaampiyoons Liigii Awurooppaarratti kilaboota milkaa'an walitti fida. Taphni kun Darbii ta'uu isaatiin alatti, kilaboonni lamaan Piriimer Liigii keessatti tokkoffaafi lamaffaa qabatanii jiru.

Arsenaal qabxii 29 tokkoffaa, Chelsiin ammoo qabxii 23 lamaffaa qabatanii jiru.

Eenyuti mo'ata, goolii meeqaafi meeqaan?

Tilmaama ogeessi kubbaa miilaa Kiriis Saatan haala kilaboonni irra jiran ilaalee kennu akka itti aanutti qopheessineerra.

Sambata Sadaasa 29

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bireentifoord v Barnilee

Bireentifoord barana dirreesaaniirratti gaarii jiru; taphoota ja'a keessaa afur mo'ataniiru. Kanaaf, tapha kanas dirree isaaniirratti waan ta'uuf ni mo'atu jedheen yaada.

Barnilee garuun tilmaamuun na rakkisa sababiin isaas, akka ga'umsa yeroo ammaa irra jiranii kanattis baayyee dadhaboodha jedhee hin yaadu.

Barnileen hanga tokko miira xiiqeffachuufi gurmaa'uu ni qabu. Rakkoon isaanii inni guddaan goolii galchuu dadhabuudha.

Bireentifoord 1-0n ni mo'ata jedheen tilmaamuu barbaadeen ture garuu yeroo baayyee giddu-galeessaan dirree ofiisaaniirratti 2 waa lakkoofsisaiif miilanas akkasuma jedheen yaada.

Tilmaama: 2-0

Maanchester Siitii v Liidis Yunaayitid

Torban darbe Liidis dirreesaarratti Aston Viilaa waliin walqixa bahu jedhee tilmaameen ture garuu qe'eesaaniitti mo'amanii tilmaama kiyya fashaleessan.

Maanchester Siitiinis torban fokkisaa dabarse. Niwkasil fi Baayer Liivarkusaniin mo'ameera.

Leenjisaan Siitii Peep Gaardiyoolaa tapha Shaampiyoons Liigiirratti taphattoota 10 jijjiiree galche. Kun ammoo waan ta'ee hin beekneefi komii guddaa kaase ta'eera.

maanchester Siitiin yeroo ammaa kana rakkoo taphattootaa waan hin qabneef, Liidis dirree isaarratti simatee mo'achuun waan isaan rakkisu natti hin fakkaatu waan ta'eef gara gahumsa isaaniitti ni deebiyu.

Tilmaama: 3-1

Sandarlaand v Barnimaawoz

Barnimaawoz miidhamni taphattootaa xiqqoo isaan mudateera. Kun ammoo akka gahumsi isaanii bu'u godheera. Taphataan isaanii sarara fuula duraa Antoonii Semeeniyoon deebiyuun murteessaadha. Tapha torban darbe West haam waliin walqixa bahanirratti osoo hin taphatiin hafeera.

Torban darbe tilmaamee kanan argadhe Fuulhaam 1 fi 0n Sanderlaand mo'ata kan jedhu ture.

Miilanas Sanderlaand ni mo'ama.

Tilmaama 1-2

Asxaa everten fi Niwukasil

Everten v Niwukasil

Waan Deevid Moyes Everten keessatti hojjechaa jiru baayyeen jaalladhe. wixata darbe dirree Maanchester Yunaayitid Oold Tiraafoord deemanii taphataan tokko kaardii diimaan daqiiqaa 13ffaa irrati jalaa baheellee mo'achuu danda'aniiru.

Taphataan kaardii diimaan Everten jalaa bahe Idirisaa Guyyee waan taphataa garee isaa Mikaa'el Kiin irratti hojjete nama kofalchiisa ture. Gochaa taphataa garee isaarratti raawwateen kaardii diimaan bahe.

Haatau malee, rakkoon Everten nama goolii isaaniif lakkoofsisu dhabuudha.

Niwukasil ammoo bara kana gara dirree biraa deemanii mo'achuun isaan rakkisaa jira.

Kanaaf, tapha kanaan kilaboonni kunneen wal qixaan xumuru.

Tilmaama: 1-1

Tootenhaam v Fulhaam

Tootenhaam tapha Shaampiyons Liigiirrati PSG waliin agarsiise yeroo ilaalamu Fuulhaamitti kan cimu fakkaata. Fuulhaam gadi bu'uurraa ooluudhaf torban darbe Sandarlaadirratti injifannoo miyooftuu gonfatee ture.

Tootenhaam dirreesaarratti, fuulhaam ammoo dirreen alatti gaarii miti.

Tilmama: 1-1

Dilbata, Sadaasa 30

Kiristaal Palaas v Maanchester Yunaayitid

Maanchester Yunaayitid ol siquu ykn gadi bu'uu agarsiisaa jira malee gahumsa giddu-galeessa ta'erra turuu akka hin dandeenye tapha torban darbe Everten waliin turerratti argineerra.

Gareen lamaan hiriira 3-42-1 kan filatan ta'anillee taphattoonni Kiristaal Palaas caalaa kan walii galan fakkaatu. Manchester Yunaayitid erga bara 2019 as dirree Kiristaal Palaasirratti mo'atee hin beeku.

Tilmaama 1:0

Asxaa West Haam fi Woolvis

Aston Viilaa v woolvis

Tapha kana Aston Viilaan akka mo'atun tilmaama.

Jifataan Aston Viilaa Olii Waatkins gahumsa sirriirra jiraachuu dhabuun garuu dhimma nama yaachisudha.

Wolvis amma gabatee Liigichaa keessatti sadarka dhumaarra jirurraa fooyyeeffatuu kufaatii keessaa bahuuf hojii guddaatu isa eeggata.

Tilmaama: 2-0

Notingihaam Forest v Biraayiten

Notingihaam Forest torban darbe dirree Liiverpuul, Anfiild deemee gahumsa addaa agarsiiseera.

Namoonni baayyeen kufaatii Liiverpuul odeeffanillee, ani garuu cimina Forestiif kbajan qaba.

Biraayiten goolii akka lakkoofsisan waanan yaaduuf tilmaamudhaaf tapha cimaa ta'edha.

Tilmaama: 1-1

West Haam V Liiverpuul

Liiverpuul itti fufee mo'amuun kan itti fufu ta'uu baatus, yoom mo'achuu jalqaba gaaffiin jedhu guddaadha.

Bara darbe Maanchester Siitiin irra deeddebiyee mo'amuu isaanii tilmaamuudhaf na rakkisee ture.

Liiverpuul kilaba cimaa a'uu tilmaama keessa osoo hingalchiin gahumsa amma jiruun tilmaamuun filadha.

West Haam leenjisaa haaraa Nuunoo Ispiriintoo Saantoo jalatti bu'a qabeessa ta'aa dhufeera.

Tilmaama: 2-1

Cheslii V Arsenaal

Tphni kun kilaboota Liigicha dursaa jiraniif Darbii Landa ta'uu isaarraa kan ka'e tilmaamuudhaaf cimaa taasisa.

Torban darbe Ze Gaannars, Tootenhaamiin 4 fi 1n garaagarummaa guddaatiin mo'ataniiru.

Leenjisaan Chelsii Enzoo Maareskaa ejjennoo qaban osoo hin jijjiiriin bu'a qabeessa ta'uu jalqabeera.

Chelsiin jifachuuttis ta'e ittisuurratti fooyya'aa ta'ullee taphni ittiin qoramu isa eeggata.

Gareen Mikeel Arteettaa kilaba kamiyyu akka mo'achuu danda'u Shaampiyoons Liigiirratti Baayer Muniikiin mo'atee agarsiiseera.

Chelsiin baayyee socho'uu danda'aa kan jiru ta'us, Ze Gaannars waliin waancaadhaaf ni dorgoma jedhee hin yaadu.

Tilmaama: 0-2