Waa’ee daa’ima Hindiifi Jarmanii wal falmisiisaa jiruu kana beektuu?

Madda suuraa, Getty Images
Daa’imni waggaa lamaafi walakkaa tokko Hindiifi Jarmanii wal falmisiisaa jirti.
Daa’imti kun dippilomaasii biyyoota lamaan jidduu jirutti sababii falmii kan ta’uu eegalte dhalattee baatii torba irraa kaasee ture.
Aanga’oonni Jarmaniis daa’ima tana maatiinshee Hindii sarbama irraan qaqabsiisaniiru jechuun ture harkaa fudhuun kan jidduugala kunuunsa daa’immanii galchan.
Daa’imti tunis jidduugala daa’imman kunuunsa addaa barbaadaniifi Jarmanii- dhiheenya magaala Barliiniitti argamu keessatti akka argamtu haati ni dubbatti.
Waraabbii viidiyoo maatiin BBCf qoode irrattis daa’imi tun wayita maatii ishee agartutti baayyee yoo gammaddu agarsiisa.
Manni murti Barliin garuu Waxabajjii keessa mirga maatii daa’ima tanaa kan Diinaa fi Amiin jedhamanii kan haqe.
Sababii seeraatiif jecha BBC eenyummaa maatii daa’ima tanaafi teessoo isaanii ibsuu hin dandeenye.
Daa’imattiin biiroon eegumsa nageenya ol adeemoo Jarmanii eegumsa akka taasisuuf murtee dabarseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maatiin daa’ima tanaa gara Hindiitti geessuuf gaaffii dhiyeessan illeen manni murti kufiseera. Maatiinis adeemsi murtichaa sirrii miti jechuun ol iyyannoo dhiyeessan.
Haati daa’ima tanaas gara Hindiitti fudhachuuf deeggarsa walitti qabachuuf Deelihiitti argamti.
Diiyaan turtii BBC waliin taasifteen, gadda daa’ima isheetiin adda bahuun itti uumee kan ibsitu immimmaan waliin ture.
Abbaan mucaa tanaa Amiit bara 2028 keessa Bariliiniitti hojii argachuun ture haadha warraa saa waliin gara jarman kan imale. Daa’imti tunis Guraandhala 2021 keessa achumatti dhalatte.
Wal dhabdeen maatiifi aanga’oota Jarman jidduutti kan eegale ammo miidhaa daa’ima tana yeroo kan baatii torbaa jirtu irra gaheen ture.
Kunis miidhaa qaama saalaa daa’ima tanarra qaqabeen akka ta’e galmeewwan maan murte ni mul’isu.
Hakimiin tokkoos ‘‘miidhaa qaama saalaa cimaa akka kanaa daa’imarra gahe argee’’ akka hin beekne dubbate. Kana sirreessuufis wallaansa baqaqasanii wallaanu akka barbaadu hime.
Tajaajillii eegumsa daa’immanii Jarman gamasaatiin, daa’ima tanarra miidhaan saal-quunnamtii gaheera shakkii jedhuun kan fudhate yoo ta’u, maatiinshee garu himannicha kufaa taasisan.
Daa’imtis hospitaala itti wallaanamaa turteen waraqaa raga maatii bilisa taasisu kennameef.
Oggeessoonni hospitaalichaa miidhaan quunnamsii saalaa irra qaqabuuf ‘‘ragaan omaatu hin jiru’’ jechuun kan mirkanneessan yoo ta’u, poolisiinins osoo himannaa hin baniin galmee cufeera.
Maatinis miidhaan kun akka tasaa kan umame jedhanii akka amanan dubbatan. Doktaroonni walabaa Amaarikaafi Hindiirraa ta’an lama qorannoo daa’ima tanaa xinxaluun maatii dhageessisaniiru.
‘‘Miidhaan daa’ima tanarra gahe balaadhaan ta’u akka hin ollee amanna. Maatiin ishee ta’e jedhanii erga balaa irraan gahanii booda, atattamaan gara wallaansaa geessaniiru jedhamun waan hin taaneedha,’’ jechuunture oggeessoonni fayyaa gabaasa kan mana murtiif dhiyeessan.

Oggeessoonni kunneenis miidhaan kun tuxuqaa qorannoo irra deddebii ta’en cimu akka hi nolle himan. Haata’u malee, Abbaan Taayitaa Eegumsa Daa’immanii daa’ima tana nama keessatti nageenyishee ni eegama jedhee akka hin amanne dubbate.
Manni murtis erga falmii gama lamaanii dhaggeeffateen booda jidduugala eegumsaa keessa akka turtu murteesse.
Yeroo ammaattis daa’imti tun wagga lama dhaabbaticha keessatti dabarsite jirti. Maatinis daa’imasaanii waliin wal arguun baayyee akka hin ayyamamneef dubbatu.
Hojjattoonni dhimma hawaasummaa maatiif ramadaman yoo maatii ibsan, ‘‘kan namaaf yaadda’aniif nama jaalalaa’’ jechuun kan ibsan yoo ta’u, walitti dhufeenyi daa’imasaanii waliin qabanis kan gammachuun guutame ta’u dubbatu.
Akkasumas oggeessi qor-qalbii mana murtiin ramadame maatii keessaa tokko to’ataa jalatti akka daa’ima waliin jiraatan yaada dhiyeesseera.
Haata’u malee torban darbe keessaa biiroon nageenya ol-adeemoo, ‘‘daa’ima geessee kan deebiisu hin jiru’’ jechuun dowwannaa hunda haqeera. Haatii daa’ima tanaa Diiyaan viidiyoon bilbilunis mucaashee argachun akka hin ayyamamneef dubbatti.
‘‘Erga daa’imtisaanii garaa jidduugala daa’imanni fedhii addaatti dabarfamteen eegalee eenyuun kunuunfamaa akka jirtu irratti odeeffannoo hin qabnu. Iccitiin daa’ima keenyarratti mul’ataa jiru waan hin baramneedha’’ jetti.
Diiyaan aanga’onni Jarman ‘‘sababii garaagarummaa aadaafi waliigalte dhabuutiin daa’imakoo na jalaa fudhatan’’ jechuun himatti. Afaan Jarmanii dubbachu akka hin dandeenye kan himtu Diiyaan, namni turjumaanaa kennameefis kan afaan Hindii dubbatu ta’ulleen afaan isheen ittiin afaan hiikkattee Gujuraati akka hin dandeenye dubbatti.
BBC’n biiroo nageenya Ol-adeemoof gaaffii dhiyeessee deebii eegaa jira.
Dhimmi daa’ima tanaas Jarmaniifi Hindiitti xiyyeeffannaa olaanaa argateera.
Magaaloota Hindii hedduutti akkasumas Jarmaniittis Firaankifartiifi Daarmistaaditi keessatti diyaaspooraa Hindiitiin hiriirri mormii gaggeeffameera.
Akkasumas hedduun maatiidhaaf sagalee deeggarsaa dhageessisaa jiru.

Diiyaan aanga’oota Ministeera Dhimma Alaa Hindii waliin wal arguun mari’attee jirti. Akkasumas miseensoota paarilaamaa Hindii hedduu waliin dubbachuun Ambaasaadar Jarmanii Hindiitti argaman, Fiiliippi Akarmaan daa’imatii gara Hindiitti akka deebiituuf xalayaa akka erga taasifte jirti.
Miseensi mana mare tokkos mootummaan Hindii daa’ima tana gara biyyaatti akka deebiisuuf tarkaanfii barbaachisu hunda akka fudhatuuf yaadachiisan.
Namni siyaasaa kan biraa ammo, Ministirri Mummee Naareendiiraa Moodiin, Chaansilarii Jarnam OLaaf Sholizii kan yaa’ii G-20 hirmaachuuf baatii ittaanu keessa gara Hindii imalan waliin dhimma daa’ima tanaa kaasuun akka mari’atan eegama.
Haatii daa’ima tanaas MM jidduu akka galaniif gaafachu dubbatti.
‘‘Abdiin qabu tokkichi MM Moodiidha. Isaan jidduu yoo galan mucaankoo naaf deebiiti,’’ jetti.
Kana duras wal dhabdee daa’ima irratti mudateen bara 2011 keessa ijoolleen Hindii Nooriweetti argaman aanga’ootaan maatiirraa fudhatamy yaadatte. Daa’mma sunis turtii wagga tokkoon booda gara Hindiitti deebiifaman.
Abbaan seeraa duraaniifi rooggeessi dhimma maatii daa’imman Noriwee qabatee tureeti ammas kan dhimma daa’iam tanaan gargaaraa jiru Suuraaniyaa Ayaayar, dhimmoonni akkasi kun waan baraman ta’u hima.
‘‘Argamaa kan jiru rakkoo cimaadha. Gochaan kan jiranis ofii isaanitiin tarkaanfii gaariidha jedhan fudhachuun alatti marii gara biraa dhaabaniiru,’’ jedhe.
Waldhabdee maatii daangaa qaxaamuru keessatti gaheen Biiroo Nageenya Ol-adeemoo Jarman paarlaamaa Awuroppaan qeeqameera.
Gabaasa cimaa paarlaamichi bara 2018tti baaseen, dhaabbatichi ijoollee baqattootaa ittarri haqa malee fi loogii raawwachuu fi mirga daa’imanii fi warraa sarbaa jira jechuun himatee ture.
Gabaasa haaraa paarlaamaan kun baatii Caamsaa keessa baaseen ammo, koreen iyyata simatu ammas ammas dhaabbata eegumasaa kanarratti komiiwwan hedduun akka qaqabaa jiru beeksiise.
Ammas dhaabbattichaan maatiiwwan baqattootaa irra haqa-maleessummaa fi loogii qaqabsiisaa jira jedhe.
Suraaniyaan wal dhabdee akkasiif furmaata gaariidha jedhanii kan dhiyeessan, mootummoonni maatiin ijoollee akkasii kunuunsuu akka gargaaraniif hojjattoota hawaasaa ramadu akka ta’e dubbata.
Dhimma daa’ima tanaatiif furmaanni jiru mootummaan jidduu galuu qofaadha jedhe.
‘‘Daa’imatii badii omaatu hin raawwanne. Gara Hindii haa deebiisan. Lammii Hindiiti. Baiyya kana turuuf mirga guutuu qabdi‘‘ jedhe.
Mootummaan Hindii gamasaatiin, dhimmichaaf xiyyeeffannoo olaanaa kennun hojjataa jiraachu ibsa.
Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Hindii, Oriindaam Baagichii dhiheenya kanan Ambaasaadara Jarnamiin Hindiiyaa jiran waamuun yaaddoowwan Hindiyaan qabdu mootummaa isaaniif akka gahaniif itti himu ibsaniiru.
‘‘Mirgoonni daa’imtu tun qabduufi mirgoonni akka lammii Hindiitti qabdu sarbamaa jirra jennee amana. Gara Hindiitti akka deebiisaniifis gaafanneerra. Dhiibbaa gama kanaan Jarman irratti goonu itti fufna,‘‘ jedhan dubbii himaan miniterichaa.
Dubbi himaan Imbaasii Jarmanii Deeljiitti argamu garuu dhimmicharratti yaada kennuuf hayyamaa hin taane.
Ta’us maddeen mootummaa Jarmaniitti argamanii dhimmichi mana murtiitti akka qabameefi isaaniin ala ta’u ibsuun, dhimmicha furuuf mootummaa Hindii waliin hojataa jirra jedhan.
Aanga’oonni Hindii maatii daa’imti haala guddisaatiin waliin turu dandeessu Gujiraati keessatti adda baasuu dubbatan.
Gama biraatiin ammoo, hakimiin daa’immanii amma sooramarra jiraniifi miseensi duraa Koree nageenya daa’imman dhaabbata mootummaa, doktar Kiiraan Agaarwaal daa’imti tun maatii waliin ta’u akka qabdu falamu.
“Hindiin eegumsa daa’imaa cimaa qabdi. Kanaafu manni murtii Jarman gara biyyasheetti yoo deebiise biyya keessatti kunuunsi taasifamuufi ni danda’a‘‘ jedhan.
Akkuma yeroon adeemuun haatii daa’ima kanaa dhiphina olaanaa keessa seenaa jirti.
“Afaan Gujiraati akka afaan jalqbaasheetti barachu hin dandeenye. Afaan Jarmanii qofa dubbatti. Attamiinan ishee dubbisu danda’a?‘‘ jechuun yaaddoo ishee kaafti.
Akkasumas ruppii miiliyoona 9 (doolaara kuma 108) maatiin dhaabbata guddisaa fi baasii mana murtiif akka kanfalaniif gaafatan kanfaluuf yaalaa jiru.
“karaa adda adaattiin kan walitti qabne ruuppii miliyoona 5 kanfalleerra. Nuti sooreessa miti. Maatii galii jidduugaleessa qabuudha. Haamiileefi qor-qalbii keenya cabsaniiru. Amma ammoo maallaqaan nu cabsuu yaalaa jiru,‘‘ jette haatii daa’ima kanaa.












