Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Uhuruu Keniyaataa ‘leegasii’ akkamii Keeniyaaf dabarse?
Uhuruu Keeniyaattaa bara 2013 irraa kaasee marsaa lamaaf pirezidantii Keeniyaa ta’uun tajaajileera.
Bara 2017 yeroo marsaa lammaffaaf aangootti deebi’e, biyyattiin sabaafi naannootti qoodamtee turte.
Yeroo sanatti morkatasaa kan ture Raayilaa Odiingaa waliin walii galuu baannaan hojii hojachuun itti ulfaata ilaalchi jedhu baayyatee ture.
Kan yaadatamuu qabu garuu ilaalchi kun erga bu’aa filannoo pirezidaantii kan Uhuruun mo’ate, Raayilaan bu’aa kana falmuun oliyyannoo mana murtii olaanatti dhiheffateen booda.
Haata’u malee, erga manni murtii olaanaa injifachuu Pirezidant Keeniyaataa kuffisee filannoon biraa akka gaggeeffamu ajajee, Raayilaan lamaffaa irrattis hin milkoofne.
Waldhabdee ture sirreessuudhaan waliigalteen araaraa (Building Bridges Initiative (BBI)) jedhamu jalqaban.
Bitootessa 9, 2018 Uhuruu Keeniyaataafi Raayilaa Odiingaa harka wal fudhudhuun wal dhibdee uumamee tureefi jeequmsa ture dhaaban.
Wal dhageettiin isaanii ammoo abdii nagaafi tasgabbii tahe jechuun sadarkaa biyyattiifi idil-addunyaattillee gammachuu guddaa uumuun akka seenatti ilaalamaa ture.
Gama kaanin garuu, pirezidantiin itti aanaa Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo harka wal fudhuun isaanii shira aangoorraa na kaasuuf jedhanii godhan jechuun wal qoodinsi paartii Jubilii keessatti akka uumamu ta’eera.
Akka Ruutoon jedhetti, waldhageetiin isaanii akka inni bara 2022 hin dorgomne taasisuuf kan tolfamedha.
Uhuruu fi Raayilaa gaafas mormanii turan- garuu Ruutoon maatii abbootii qabeenyaati bara baraan Keeniyaa bulchuu fedha jechuun maatii Keeniyataa, Odiingaa fi Mooyiirratti duula cimaa geggeessaa ture.
Kan nama ajaaʼibsiisu garuu, haalli siyaasaafi hariiroon isaanii gara jibbatti jijjiiramuun mul’ate.
Dhugaan jirtu ammoo, waliigalteen araaraa (BBI) yaadaa Uhuruu Keeniyataa ture.
Gaafiin jirtu garuu, namoonni gaafas yaadicha deeggaran itti qophaa’anii turanii?
Namoonni garii ammoo hundeen waldhibdee Pirezidaant Uhuruu fi itti-aanaa isaa Wiiliyaam Ruutoo yaadaa BBI kana ta’uu amanan.
Akkuma taphaatti waldhibdeen Uhuruu fi Ruutoo giddutti uumamte, paartiin Jubilii kan aangootti isaan fiduuf gaʼee guddaa qabdu diigamte.
Kana hordofee, Uhuruu Keeniyaataa fi Ruutoon dubbii walitti darbuu eegalan. Walitti dhufeenyisaanii kan siyaasaa daranuu hammaate.
Waldhibdeensaani kun alatti bahuun uumanni hordofaa ture. Fakkeenya, Uhuruun sanada Heera Mootummaa jijjiiru deeggara ture, itti-aanaansaa garuu gowwoomsaa duraan biyyattii keessatti hin beekamne jechuun qeeqaa ture.
Muddamnisaanii akkuma itti fufeen, haalli hammachaa dhufee filannoo Hagayya 9, 2022 geggeeffamerratti Uhuruu Keniyaataa Ruutoo mormudhaan duraan morkataa isaa kan ture kaadhimamaa paartii Azimio La Umoja kan ta’e Raayilaa Odiingaa deeggare .
Eegii gaafasii lamaanuu karaa garaagar baafatan.
Ruutoon paartii Jubilii kan aangootti isaan fide qeeqaa ture.
Kufaatii dinagdeefi qaala’insa jireenya dabalatee yeroo rakkoon mootummaa keessatti uumamtu, aangoorra kan jiru Uhuruu Keeniyaataatu sababa jechuun Ruutoon komii ofirra baasaa ture.
Uhuruu Keeniyaataa gama kaanin, itti gaafatamummaasaa dhiisee biyyattii keessa iyyaa deema jechuun itti-aanaasaa komachaa ture.
Haala hawaasa Kikuyuu keessa jiru
Uhuruu Keeniyaataa Raayila Odiingaa deeggaruun hawaasa Kikuyu biratti akkamitti fudhatame?
Hawaasni Kikuyuu biyyattii keessatti lakoofsaan kan baayyatan yoo tahan, pirezidaant Uhuruun Ruutoo dhiisee Raayilaa deeggarurratti ilaalcha adda adda namoonni qaban turan.
Sababnisaa Kikuyuun akka hogganaa siyaasatti Uhuruu ilaala turte. Ilma keenna jechuun manguddoosaanii maqaa jaalala baafteef.
Garuu BBCn gaafa naannoo Maawunt Keeniyaa Nyeeritti imale, siyaasaa jibbiinsaa dhabamsiisee tokkummaan sabootaa sababa Raayilaa Odiingaa deeggareef Uhuruun amanamumma isaan biraa dhabuu hubate.
Kuni bu’aa filannoo kanarratti kan hubatameedha jedhama. Buufata filannoo pirezidaant Uhuruu dabalatee sabni Kikuyuu irra caalaan Wiiliyaam Ruutoof sagalee kennan.
Ogeessi seeraa Wahome Gikonyo jedhamu, taatee sana booda Ruutoon akka ganameeru isatti dhagaʼama. Uhuruu Keeniyaataan ammoo aangootti deebi’uuf Ruutoon ga’ee guddaa qaba jedha.
“Filannoo bara 2013 fi 2017rratti Ruutoon akka harreetti hojate. Isa malee, Uhuruun pirezidaantii hin ta’u ture. Galata galchuufii male,” jechuun BBCtti dubbate.
Jiraattonni garii ammoo, Uhuruu Keeniyaataa nama isaa bakka bu’uu barbaaduun irra hin ture jedhan.
Si’a lammaffaa bulchiinsasaanii (2017-2022), mootummaan Uhuruufi Ruutoo tarsiimoo misoomaafi diinagdee afur irratti xiyyeeffatanii turan.
Kunneen wabii nyaataa, ijaarsaa manneen hawaasaa, fayyaa hawaasaafi caarraa hojii uumuudha.
Kanatti fayyadamuun, mootummaan diinagdee guddisuu fi jireenya lammileesaa jijjiruu barbaade.
Tarsiimoon bulchiinsasaa milkeessuuf jiraatus, rakkowwan hedduti mootummaa Uhuruu mudatee ture.
Rakkowwan kunneen:
Hoj-dhabdummaa
Akka gabaasa BBCtti, lammilee Keeniyaa miliyoona 50 keessaa harka sadii kan ta’an namoota umrii waggaa 18 fi 35 gidduu jiranidha.
Dandeettii hojii qabaatanis, hedduunsaanii garuu hojii ofiisaaniifi maatiisaanii gargaaraniin hin qaban.
Daldaloonni sektaroota akka oomishaafi qonnaa weerara Koovid-19n miidhamuun namoota hojiirra ariʼaa turan.
Liqii garmalee guddaa
Haalli dinagdee biyyattii keessatti rakkisaa taʼe kana akka sababaatti kan ilaalamu liqii guddaa biyyattiin qabduudha.
Dhuma bara darbeetti liqiin biyyattii doolarii biliyyoona 72.6 ture. Akkas jechuun lammiin Keeniyaa tokko liqii doolarii 1,470 qaba jechuudha.
Gaafa Uhuruu Keeniyaataa bara 2013 aangootti dhufe garuu liqiin lammiin tokko qabu doolarii 499 ture.
Pirezidaant Uhuruun liqii doolarii biliyyoona 56.7 fudhachuun pirezidantootasaa isa dursan caalaa fudhateera.
Kibakiin liqii doolarii biliyyoona 13.5 fudhate, Mooyiin ammoo doolarii biliyyoona 8 fudhate.
Liqiin fudhatame kun bu’uuraawwan misoomaa qaalii ta’an kan jireenya namoota hin fooyyessin irratti fayyadamuu xinxaltoonni ibsan.
Qaala’insa jireenyaa
Filannoon yeroo biyyattiin haala dinagdee rakkisaa taʼe keessa jirtutti geggeeffame.
Waxabajji bara 2022, qaala'insa jireenyaa dhibbeentaa 7.9 ture. Bara darbe yeroo akkasii (bara 2021) garuu dhibbeentaa 6.3 ture.
Akka Biiroon Istaatistiksii Biyyaalessaa argisiisetti, kan Hagayya bara 2017 mudateen ala dhibbeentaan kun biyyattii keessatti argamee hin beekuu.
Gatiin nyaataafi meeshalee bu’uuraa garmalee ol ka’ee jira. Nyaanni gatiinsaanii baay’ee ol ka’e zayitii, qamadii, daakuu boqqolloofi daabboo fa'e.
Torbee lama filannoo duratti, mootummaan Uhuruu deeggarsa kennuun gatii daakuu boqqolloo gad buusee ture, garuu daakuun sun hin argamtu jechuun lammileen biyyattii komii dhiheesaa turan.
Garuu deeggarsi kun amma dhaabbachuun, gatiin bakka duritti deebiteera.
Fayyaa
Biyyattii keessatti namoonni dhibbeentaa 20 inshuraansii fayyaa biyyaalessaa (NHIF)n kan deeggaraman yoo tahan, dhibbeentaa 1 tajaalila dhuunfaa kaffaluu danda’uutu himama.
Ammaatti NHIF kanatti makamuun dirqama miti garuu yoo pirezidaantiin haaraan karoora bulchiinsa Uhuruu Keeniyaataa itti fufee jijjiramuuf deema.
Namoonni hojii qaban hedduun minseensoota NHIF tahun kaffaltii baasan. Shilingiin 500 (doolarii 4.20) kan ji’atti minseensonni kaffalan yaalii fayyaasaaniifi kan maatiisaanii gaha- garuu qoricha bituun maallaqa biraa gaafata.
Karoorri miseensa NHIF ta’uu dirqama godhu jiraatus, namoonni miindaa xinnoo argatan akkamiin kaffaluu danda’an kan jedhu wanti ibsame hin jiru.
Garuu karoorri Pirezidaantiin haaraa Wiiliyaam Ruutoo rakkoo fayyaa furuudha.
Duula na fildhaarratti, kaffaltii ji’a 500 irra hanga 300 gadi buusuuf waadaa galee ture.
Gama kaanin garuu, mootummaan Uhuruu Keeniyataa kan barri aangoo isaa xumurame bu’uuraawwan misoomaa kan akka daandiifi bishaanii argamsiisuun dhaadata.
Fakkeenyi misooma kanaa, baabura magaalaa Naayirobiifi Mombaasaa walitti fidu, daandii guddaa buufata xiyyaaraa biyyattii(JKIA) irra magaala Naayirobii seenuufi daandiwwan hedduu naannoowwan garaa garaa wal qunnamsiisanidha.