Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Wantoota 10 filannoo Keeniyaa biyyoota Afrikaa kaanirraa adda godhan
Keeniyaan filannoo biyyaalessaa Hagayya 9,2022 geggeessiteen Wiiliyaam Ruutoo pirezidaantii shanaffaa gochuun filatteetti.
Ruutoon, nama siyaasaa buleessaafi kanaan dura marsaa shaniif pirezidaantummaa dorgomee kan ture Raayilaa Odiingaa mo'ate.
Odiingaan filannoo miillanaa kanaan deeggarsa pirezidaantii ammaa aangoo dhiisuuf deemuu Uhuruu Keniyaataa qaballee ture.
Filannoon kun erga sirni paartii danuu hirmaachisu hudeeffamee si'a 7ffaa, erga Komishiniin Filannoofi Dhimma Daangaawwan Walabaa (IEBC) ijaarame ammoo yeroo 3ffaaf kan gaggeeffamedha.
Biyyoota Afrikaa kaaniin maaltu adda godha? Wantoota ijoo ta’an armaan gaditti walitti qabneerra.
1. Iftoomina biyyoota Afriikaatti hin beekamne
Namni hundi filannoon kun seena Afriikaa keessatti kan iftoomina qabu ta’uu waliigaleera.
Filannoo bara 2007 booda ajjeechaan namoota 1000 fi manni murtii olaanan bu’aa filannoo bara 2017 haquun akaataa filannichi geggeeffamu jijjiireera. Mufannaan kamiyyuu akka hin uumamnefi hokkari akka hin uumamne Komishinishiin Filannoo sirriitti haala mijeeseera.
Komishinichi toora interneetaa guddaa (online portal) banuun namni kamuu bu’aa filannichaa kallattiin akka hordofu taasiseera.
Kutaawwan bulchiinsaa (Kaawontiiwwan) 47 keessaa sagaleen buufatalee 46,000 unka 34A kan jedhamu kessatti galmaa’ee marsariitii Komishinicharraa garagalfachuun ni dandaʼame.
Namoonni bilbila tajaajila Intarneetii qabuufi kan Kompiitara qaban bu’aa filannichaa aangaa’ota komishinicharra eeguu hin qaban ture .
Miidiyaleen hunduu bu’aa filannichaa marsariitii Komishinichaarraa fudhachuun gabaasaa turan.
Kanaaf, namni filannoo kalatidhaan horodofaa turuun mufannaafi hokkarri duraan argamu dhaabeera.
2. Teknooloojii filannoorratti cimistee invasti gochuu
Biyyoota Baha fi Giddu-galeessa Afriikaa jiran hunda keessaa Keeniyaan filannoorratti teknooloojii fayyadamuun maallaqa guddaa kan baaste.
Biyyattiin filannootiif teknooolojii fayyadamuun kan eegalte bara 2013 irraa eegalteeti.
Bara 2017 Keeniyaan meeshaa filannoo Integrated Electoral Management System (KIEMS) 45,000 Shilingii Keeniyaa biliyoona 6.8 itti baasuun bittee fayyadamte. Filannoo bara kanaaf ammoo meeshaa kana 10,000 kan ta'u dbalataan bitteetti.
Bu'aa filannoo yeroodhaan kallattiidhaan dabarsuuf buufataleen filannoo jiram 46,000 hunda keessatti ammoo tajaajila intraneetii qabdi turte.
3. Seeraafi adeemsa filannoo dimookraasiif mijataa ta'e diriirsuu
Seeraawwan filannoo garaa garaa jiraniin alatti, filannoon Keeniyaa seera torbaan ittiin hogganamu qaba.
Dabalataan heerri biyyattii Komishinii filannoo dhiibbaa namoota siyaasaa yookan ajaja hogganaa biyyattii malee bilisummadhaan akka hojetu taasiseera.
Kaadhimamtoonni buufatalee filannoo seenani adeemsa ilaaluuf hin dhorkaman, akkasumas namoonni kaadhimamtoota bakka bu’un adeemsa filannicha too’atan danqaa tokkoo malee buufatalee keessa turan.
Seerri Keeniyaa bu’aan filannoo falmii godhate mana murtiitti oliyyannoon dhihaatus heyyama.
Kanaaf, Raayilaa Odiingaa bu’aa filannichaa fudhachuu dhabuun mana murtii olaanaatti oliyyannoo dhiheeffachuuf deema.
4. Kaadhimamtoota dubarootaa, dargaggootaafi qaama-miidhamtoota ta’an dorgomsiisuun fakkeenya
Dubartoonni gariin gaavaranara, seenetaroota, miseensoota paarlaamaafi bakka bu’oota naannoo tahun filamaniiru.
Kaawontii Meeruutti dubartiin duraan hojii mana hojechaa turte nama siyaasaa beekamaa Kiraitu Murungi jedhamu mo’achuun gaavarara taate.
Shamaraan Lineet Chepkoriir jedhamtu kan umurii ganna 24 taate bakka buutuu Kaawontii Boomet ta’uun filatamteetti.
Kun ammoo dubartii umurii xiqqaan paarlaamaa keessatti tajaajiltu ishee jalqabaa akka taatu godheera.
Kaawuntii Naakuruu jedhamtuttis gaavarnar irra kaasee aangoo hedduu irrratti kan filataman dubartootadha.
Namoonni qaroo-dhabeeyyii ta’anis akkuma kana filannicharratti dorgomuun injifataniiru.
Kun biyyoota Afrikaa biroon garaagarumaa guddaa bulchiinsa dimokiraasii irratti argiisa.
Kaadhimamtoonni paartii malee dorgoman filatamaniiru. Kun filatamuun nama paartii, saalaafi uumam aosoo hin taane dandeetiirra ka’u argisiisa.
5. Bilisummaa oduu gabaasuufi qooduu
Wanti biraa kan filannoo Keeniyaa biyyoota Afrikaa biroorraa adda godhu lammileen biyyattii sodaa malee oduu filannoo waliif dabarsu.
Waaree booda sa’aa saddeetitti miidiyaleen bu’aa gabaasuu eegalan, namoonni hordofan salphaatti argatu.
Tajaajiltoonni Komishinichaa gaazexeessitootaaf carraa kennuun gaaffii isaan qaban buufatalee filannootti kennaafii turan.
Namoonni oduu dabarsuuf yookaan bu’aa filannoo qooduuf jedhanii rakkoon irra gahe hin jiran.
6. Poolisoonni eegdota nagaa malee kan paartii miti
Hojiin poolisii nagaa lammileefi qabeenyasaanii eeeguudha. Buufataalee filannoo keessatti poolisoonni sagalee paartii eeguu osoo hin taane nagaa tiksaa turan.
Biyyoota gariitti garuu akka namni aangoorra jiru mo’u poolisoonni humnaan sagalee namoota kennisiisuun beekamu.
Filannoo kana irratti garuu, poolisoonni rakkoo uumame karaa nagaan tasgabbeessuufi akka seeraatti hojiisaanii hojjachaa turan.
7. Kaadhimamtoonni hunduu walqixxee kabajaafi bakka argatan
Kaadhimamaa pirezidaantummaa kan ta’e Joorj Wajakooyaa kan duula na filadhaa isaa irratti Keeniyaa biyya maruwaanaa (baala sammuu hadochuu) goochuun dinagdee biyyattii nan foyyessa jechaa ture akkuma warraa kaanii kabaja argate.
Wajakooyaan akkuma Wiiliyaam Ruutoo guyyaa filannoo mootummaan eegumsa ramadeef.
Ruutoon, pirezidaant Uhuurun waldhibdee qabatus, tajaajila mootummaa hunda akkuma Raayilaa Odiingaa kan mootummaan deeggarame argateera.
8. Yoo maallaqa hin qabaanne, filamuun gaara fiixee hin qabne koruudha
Keeniyaa keessatti aangoo siyaasaaf dorgomuun maallaqa guddaa gaafata.
Yoo maallaqa hin qabne filatamuun waan hin yaadamnedha.
Aangoo siyaasaaf dorgomuun yoo xiqqaate doolarii Ameerikaa 200,000 gaaffachuu isaa namoonni baay’een himu.
9. Cimina paartii caalaa cimina namaatiif filatu
Biyyoota hedduu keessatti paartiin siyaasaa murteesaadha. Kaadhimamtoonni filatamuuf paartii qabaachuu qaban.
Keeniyaa keessatti ammoo namoonni hedduun paartii malee filatamaniiru.
Humna paartiin qabdu osoo hin taanee, namoonni dandeettii namaa ilaaluun filatan.
Paartiin UDA jedhamtu waggaa lamaan dura ijaaramte. Garuu Pirezidaant Ruutoo dabalate miseensota parlama 100 ol argate.
Bulchiinsa 290 keessaa 261tti kaadhimamtoota dhiheessateera. Paartiin Uhuruu Keniyataa Jubiliin miseensota 23 qofa argate.
Biyyattiitti paartii jalqaba kan taate KANU ammoo 3 qofa argatte.
10. Afaan ofiin duula geggeessuu
Filannoo Keeniyaa keessatti afaan itti fayydaman bakka gara garaatti jijjiirama fidee argameera.
Duula filannoo kutaalee biyyattii gara garaa keessatti gaggeeffamaa tureen filatamtoonni saboota bira deemanii na filadhaa yeroo lallaban afaanuma saba sanaa fayyadamaa turan.
Raadiyooniiwwan FM gara garaas afaanota saboota biyyattii gara garaan dabarsu.
Hangam afaan filannoo Keeniyaa keessatti murteessaa akka ta'e hubachuuf kan filannoo miillanaa kanaan pirezidantummaa injifatan Wiliyaam Ruutoo ilaaluun dansa.
Ruutoon Kaaba Keeniyaa dabalatee wayita bakka hawaasni Oromoo jiran deemanitti afaan Oromoon nagaa gaafachuun qalbii ummataa hawwatanii turan.