Gaggeessitoonni Oromoo-Keniyaa beekamoon filannoo miillanaan maaliif milkaa'uu dhaban?

Uummanni Oromoo Keeniyaa warra daayaasporaallee dabalatee bu’aa filannoo Keeniyaa bara kanaa hawwii guddaan eegaa jiru.

Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasummaa ammoo namoota beekamoo naannoo garagaraa bulchaa turan injifataniiruu jechuun gammachuu isaanii ibsaa turan.

Gaggeessitoonni Oromii-Keeniyaa buleeyyii aangoo dhabanis, bakka tokko tokkotti ammoo wartri paartiin bakka bu'uun teessuma paarlaamaa argatan ammoo ni jiru.

Abba Mohaammud Alii bulchaa Kaawuntii Marsabiit ta'un irra-deebiin filatamaniiru. Naawomi Waaqoon immoo bakka buutuu dubartootaa ta'un filatamte.

Namoonni siyaasaa Oromoota biratti beekamtii qaban akka Diidoo Raasoo, Mohaammad Tupii, Muuminaa Goolloofi Piroof Guyyoo Jaldeessaas milkaa'aniiru.

Haata'u malee, gaggeessitoonni jajjaboo akka Aab Alii Waariyoo fi Aadde Rahiimaa Jaldeessaa aangoo dhabuun dhimmi rakkoo jiru adda baasuun irratti hojjechuu feesisu jiraachuu akeeka jedhu namoonni.

Namoota jarreen kana hawwiin eegaa turaniif wanti kun hibboo itti ta'ee maal ta'inna jechuun gaaffii guddaa kaasaa jiran.

Maaltu ta’e?

Keeniyaa keessatti yeroo baay’ee gosti filannoo keessatti bakka qaba. Warri gosti isaanii lakoofsaan guddaa ta’an injifachuun isaanii salphaadha.

Gara naannolee uummanni Oromoo kan akka Booranaa, Gabraafi Ormaa itti baay'ataniitti rakkoon kuni jira.

Dhiheenna kana ammoo gama hawaasa Booranaafi Gabraatti hawaasni qomoodhaan/miiloon wal-foo’uun namoonni gosa tokkoo barcuma takka barbaaduun sagalee walirratti qabuu isaaniin ykn hirachuu isaaniirraa kan ka'een dorgomaan hawaasicha keessaa hin taane akka mo'atu taasiseera.

Waliif ooguu dhiisanii wal irratti dorgomuun harka qullaa akka hafan taasiseera jedhu namoonni filannoo kana itti dhiyeenyaan hordofan BBCn dubbise.

Keeniyaa naannoo Taanaa Riivaar waggoota hedduuf akka miseensa paarlaamaatti bakka bu'anii kan turan Obbo Alii Waariyoo daafaadhuma kanaan dhabaniiru.

Akkasumas, bakka buutuu dubartootaa naannoo Isihooloo kan turte Aadde Rahiimaa Jaldeesaa dabalatee namoonni beekamoo ta'an hawaasa Oromoo-Keeniyaa filannoo miilanaa kanaan hin filatamiin hafaniiru.

 “Warri amma mo'achuu dhaban kunneen namoota hawaasa isaaniifi biyya isaanii jaalatan turan.

''Osoo isaan darbaniiru ta'ee Kaawontii afaan keenna dubbatu keessatti walii-galla ture.

''Kanaaf, gosti biraa itti duuluun isaan keessaa galchite,” jedha maanguddoon Ormaa Aab Usmaan Guutuu.

 “Isaan osoo argataniiru ta'ee lafa teennaaf milkii guddaa ture. Waan hedduu waliin hojjatanii ummata keenna hiyyummaa keessaa baasuu danda’an ture,” jedha.

Namoonni kunneen jaarsoliin eebbifamanii filannoof kan dhiheessan yoo ta’u, namoonni biraa kan yeroo biraaf dabarsan ammoo dubbii jaarollee diduun [isaanirratti] filannoof dhihaatan.

Naannoo Taanaa Riivaaritti, jaarolleen aangoo [Gavarnaraaf] Alii Wariyoo akka eebbisan hima Aab Usmaan.

Haata’u malee, Gaavarnara duraanii kan ture Obbo Huseen Daadoo dubbii kana diduun irratti dorgome, akka Aab Huseen jedhanitti.

Alii Waariyoo fi Huseen Daadoo gosa Oromoo Ormaa yoo ta’an, lamaanuu adda addaan dorgomanii sagalee wal saamuun carraa ummata isaanii bulchuu waldhorkaniiru. Bakka isaanii namni biraa dorgomee argateera.

“Kuni tokkummaa dhabiinsa, maaliif obboloonni waliif dhiisuu didan?'' jechuun gaafata Diimaa Haasan, dargaggeessi siyaasa kana dhiheennan hordofaa tureefi Alii Waariyoo akka filatamu duula lallabaa kan ture.

'Siyaasni maallaqa guddaa gaafata'

Keeniyaa keessatti aangoo siyaasaaf dorgomuun maallaqa guddaa gaafata.

Maallaqni kun bakka walgaʼii kireessuu, barreeffamoota lallabaa maxxansuu, beeksisa, namoota duula geggeessaniif kaffaluufi loojistikiif oola.

Kaadhimamtoonni deeggarsa akka baasii hospitaalaa, kaffaltii mana barumsaa, mana jireenyaa ijaaruu, daldala eegaluu dabalatee waan hedduuf hawaasni maallaqa gaafata.

“Namni hedduun kura isaanii gurguraaf dhiheessan. Namni hedduun sababa hiyyummaafi sassata sagalee isaanii namoota biroof gurguran. Faayidaa nama biyyaaf ta’u dhiisanii kan kaffaluuf hordofan,” jedha Aab Usmaan.

Gaaddisa jaarrolee qancarsuu

Keeniyaa keessatti uummanii sirna dimokirasiin bula. Haata’u malee, ummata horsiisee-bulaa hedduu keessatti garuu ummata amansiisuun jaarsoliin bulchoota hawaasaaf ta’u filu.

Naannoo Isiholootti mareen jaarsolii Booranaa barcuma gavarnaraa [bulchaa], senaataraa, bakka buutuu dubartootaa dabalatee kan miseensota paarlaamaaf namoota filee ture.

Ta’ullee namoonni siyaasaa Boorana ta’an murtoo kana fudhachuu dhabuun dorgomanii hundi isaanii dhaban.

Dursaan ogeessota Booranaa naannoo Marsabeet Aab Goollichaa Soraa gara Isihooloo kanatti dogoggorri uumamuu ibsa.

“Waan hunda ofiin fudhannee gosa biraa alatti hidhuuti akkan nu godhe. Isihooloon gosa hedduu qabdi. Akka jaarsaatti, jaarrolee Isihoolootti himeen ture, garuu isaan waan Booranni wal-guula galee sagalee kennate se’e,'' jedha

Naannoo Taanaa Riivaaritti maree jaarsolii keessa kan jiru Aab Usmaan Guutuu, rakkoo kana kan fide dubbii jaarsoliifi gaaddisa isaanii qancarsuuti jedha.

“Namni siyaasaa dubbii jaarsolii hin fudhatu, keessattuu yoo maallaqa qabaate. Amma gurbaa keenna kan gaavarnar ture Husseen Daadoo siif eebbifne Alii Waariyoof dhiisii jenne kadhanne.

Ammoo maallaqaafi deegarsa namoota duraan qacare waan qabuuf dubbii teenna didee ammaa ummatii Ormaa qullaa hafe.”

Akka yaada dargaggootatti garuu, jaarsolii dhagahuu dhabuu yookaan murtee isaanii qancarsuu osoo hin taanee, jaarsoliin garii maallaqaan bitamuu dubbatu.

“Fakkeennaaf, naannoo Marsabeetitti mareen jaarsolii lama. Tokko maree jaarsolii Booranaa(Borana council of elders) jedhama, kaan ammoo maree jaarsolii Ballittii Boorana (Ballitti Borana council of elders) jedhama,” jedha Sa'id Umar dargaggeessi siyaasa hordofu.

Jaarsoliin wal-dhageettii dhabuun dhiibbaa hamaa siyaasaa hawaasa Oromoo Keeniyaa irratti geesissuu ibsa.

Aab Usmaan Guutuu gama isaatiin, uummati gorsaafi marii jaarsolii hin hordofne ammaaf fuula duralleen akkanuma kasaaraa argata jedha. 

Hubannoo siyaasaa dhabuu

Ummati keenna galgalaa ganama waan siyaasaa haasa’a, garuu hubannoo siyaasaa hin qabu jedha Aab Gollichaa Soraa.

“Gosti biyyaa paartii garagaraa keessa jiraatullee kaayyoof galmi isaanii tokko. Siyaasaan soba, Booranni hanga amma soba hin beekuu. Kanaaf, nama ofii dhiisee kan biraaf sagalee kenna,” yaada jedhu qaba.

Nama ofii aangoorraa qabachuun dhimma dhuunfaa hawaasa tokkoof ga’ee guddaa qaba. Uummati ammoo hubannoo siyaasaa waan hin qabneef, tarsiimoo osoo hin taane miiraan sagalee kenna.

“Namooti siyaasaa gariin qoxxee irraa kan ka’e uummataa miiraa keessa galchee lama sadiin barcuma tokkoof dorgomee hundisaanii dhaba.”

“Kun waan ta’uu hin qabne addunyaa keessa jiru tanatti akka uummata tokkotti wal-qabannee bulchoota faayidaa uummataa qabdu filachuu dhabuun keenna salphina hamaadha.”

Siyaasaa miiloo/qomoo

Booranni damee lama qaba; Sabboo fi Goona. Gosa lamaanuu jala damee hedduuti jira.

Siyaasa hammachaa jirtu kanaan duratti Booranni tokko- wal hin foo’u, amma ammoo damee adoo hin taane miiloon/qomoon wal foo’aa jira.

Fakkeennaaf, Rahiimaa Jaldeesaa fi dubartiin har’a bakka buutuu dubartootaa injifatte Goona keessaa gosa Warjidda jedhamtuudha.

Akka Aab Gollichi jedhutti, Warijidda miiloon gargar bahuun kaan Rahiimaa deegaree, kaan Muuminaa Gooloo deegare.

Miseensaa Paarlaamaa Kaaba Isihooloo kan ture Obbo Odaa Hullufoo Sabboo keessa Maxxaarri, nami isaan dorgomuun murtoo jaarrolee dide Abdii Bankiin gosa isaati.

“Amma lamaanu dhabanii, namni Turkaanaa jidduu bahee miseensa paarlaamaa ta’e,” jedha.