Haadha warraa Pireezidantii haaraa Keeniyaa Reechal Ruutoo waliin walbaraa

Raacheel Ruutoo dubartii calliftuufi gad of qabduudha. Tarkaanfii ishee mara keessatti jaalala Waaqayyoof qabdu dursuun beekamti.

Akkasumas, wangeelaa bakka buʼuudhaan namoota hedduuf fakkeenya taateetti.

Kun akkaataa uffannaa isheefi nagaa isheen nama gaafatu irratti kan mul’atuudha.

Bara bulchiinsa Uhuruu Keeniyaataa keessa pirezidantii itti-aanaa ta’uun abbaan manaa ishee Wiiliyaam Ruutoo beekamaa ta’us, lammilee Keeniyaa Aadde Raacheel waliin akka fedhantii walbaruufi walitti dhiyaachuu hin dhorkine.

Uummanni carraa beekamtii abbaan manaa ishee qabuun ishee waliin erga walbaree nameenyaa dubartii kanaa hordofaa tureera.

Safuu eeguufi dubartii kameettii gadi of qabdu ta’uu ishees raga ba’uufiif jalqaban.

Akkamiin Wiiliyaam Ruutoo waliin walbaran?

Raacheel Sadaasa 20 bara 1968 lixa Keeniyaa bakka Kakameegaa jedhamtutti dhalatte. Barnootashee sadarkaa lammaffaa mana barumsaa dubartootaa Buteeretti xumurte.

Achiin booda Yunivarsiiti Keeniyaatatti Sirna Barnootaan (Education) digirii argatte. Akkasumas, Yunivarsiiti Kaatolikii Baha Afrikaarra Maasters Digirii bara 2011 argatte.

Yeroo dheeraaf garuu carraa barsiistuu ta’uu hin arganne. Haata’u malee, hojii daldala tuurizimii eegalttee, Keeniyaa keessaattiifi biyyoota birootti namoota geessaa turte.

Aaddee Raacheel fi Wiiliyaam Ruutoo jalqaba bara sagaltamoota keessa wal baran. Kun ammoo yeroo lamaan isaanii yunivarsitiitti barumsa turanidha.

Bu’uurri jireenya isaanii wal qorachuu achitti eegalanidha.

Raacheel yeroo sanatti digirii jalqabaashee Sirna Barnootaan barachaa turte. Jaalalleen ishee yeroo Sanaa, abbaan warraashee ammaa Wiiliyaam Ruutoon ammoo gosa barnootaa Saayinsii Biqiltuu Qoratu (Botanny) barachaa ture.

Raacheel fi Ruutoon bara 1991 keessa gaaʼela godhatanii jireenya waliin eegalan. Amma ijjoollee ja’a – durba sadii fi dhiira sadii qabu.

Ijoollee isaanii keessaa intalli maqaan ishee Juun Ruutoo jedhamtu lammii Naajeeriyaa pirofeesara Yunivarsiitii ta’e Aleeksaandar Ezenaguu (PHD)tti eerumteetti.

Kanaaf, Aadde Raacheel amma amaatii lammii Naayijeeriyaa taateetti.

Raacheel Ruutoo akka haadhaa warraa itti-aanaa pirezidantiitti

Aaddee Raacheel Ruutoo bara 2013 haadhaa warraa pireezidaantii itti-aanaa taate. Kun erga abbaan warrashee Wiiliyaam Ruutoo pirezidantii itti-aanaa Keeniyaa ta’un filatameeti.

Ergasi mirga dubartootaaf falmuufi sochii hawaasa keessatti isaan cimsuuf humna kennaa turte.

Karoorasheen dubartootaaf humna kennuuf dhaabbata ‘Joyful Women Organization’ jedhamu keessatti taasifte televijiinii Keeniyaa ‘Citizen’ jedhamu ibsee ture. Sochiinshee dubaroota hedduu deegaraa jiraachuu himeera. 

Pirojektiisheen eegalte kanaan, dubartoonni gariin daldala jalqabanii, maallaqa kuufatanii, akkasumas lafa bitachudhaan ofitti amanamummaa isaani kakaaseera.

Investimeentii dubartootaa: ‘Table Banking’ jedhamu mijeessuun dubratoonni gareedhaan maallaqa torbanitti yookan ji’atti waliti kuufatani baankii akka geeffatan godheera.

Akkanaan namni yaada daldalaa qabu baankirra liqii fudachuun jireenyasaanii jijjiruu danda’an.

Kanaan dura, dubartoonni akkanuma walitti kuufatanii, garuu namni tokko torbanitti yookan ji’atti maallaqa fudhata.

Sagantaa bishaan qulqulluu dubartootaaf dhiyeessuu irrattis hojjeteetti Aadde Raacheel.

Boshaan: Biyyatii keessatti dubartoota naannoo garaa garaatii argaman waliin haasa’uudhaan, Raasheel dubartoonni baay’een yeroo dheeraaf bishaan barbaaduu irratti akka dabarsan hubachuun irratti hojjechuu eegalte.

Kana hordofe, mootummaan waliin hojechuun sagantaa kanas hundeessite.

Hojii-arkaa (hodhaa): Sagantaan kun dubartoota mana hidhaa jiran gargaaruuf hundeeffame. Wanti isaan hodhan gurguramee, maallaqni dubartoota kanaaf kennama yeroo bilisa ta’an.

Akkasumas, indaanqoo horsiisuun, cuucota dubartoota naannoo garaa garaatti argamaniif qarshii kaffaluu danda’anitti raabsaa turte.