'Ruutoon filatamuu labsuun tarkaanfii ijoodha' - US

Imbaasiin Ameerikaa Keeniyaatti argamu lammileen Keeniyaa nagaan sagalee filannoo kennuu isaanii dinqisiifachuun, warri filannoorratti hirmaatan yaaddoo jiru waliin hojjachuun karaa nagaa akka furan waamicha dhiyeesse.

Imbaasiin Ameerikaa akka ibsetti, Wiliyaam Ruutoon Pirezidantii Keeniyaa haaraa filataman ta’uu labsuun ''adeemsa filannoo keessatti dhimma bu’uuraati'' jedhe.

''Gara fuulduraatti tarkaanfachuun, paartiiwwan hundi waliin hojjachuun yaaddoowwan hafan karaa nagaatiin akka furan waamicha dhiyeessina,'' jedhe.

Ruutoon filannoo biyyaaleessa Keeniyaa kanarratti sagalee % 50.49 argachuun morkataa isaanii Ministira Muummee duraanii Keeniyaa Raayilaa Odongaa garaa garummaa sagalee xiqqaatiin injifatani.

Eegasii deeggartoonni morkataa pirezidantii kan Raayilaa Odingaa mormii dhageessisaa turan.

Imbaasichi qondaaltonni siyaasaa deeggartoonni isaanii karaa nagaan deeggarsa isaanii akka itti fufan fi adeemsa filannoo keessatti jeequmsarraa akka fagaatan gaafateera.

Buufataalee filannootti bakka buutoonni Raayilaa Odingaan garuu bu’aa filannoo kana akka hin mirkaneessine eeran.

Komishinaroonni Filannoo Keeniyaa muraasni ‘'bu’aa filannoo ibsamu kan keenya jennee hin fudhannu,’’jedhanii beeksisan.

Ruutoon ammoo lammilee Keeniyaa hunda akka tajaajilan kaasuun, bu’aan filannoo ’’seenaa Keeniyaa keessatti isa iftoomina hunda caalaa qabudha,’’ jedhaniiru.

Iddoowwan Ruutoon deeggarsa olaanaa qabanitti namoonni hedduun karaatti bahuun gammachuu isaanii kan ibsataa turan yoo ta’u, iddoowwan muraasa Odingaan deeggarsa fooyyee qabaniitti mormiin dhalateera.