Marii Baayidanii fi Shii irratti dhimmi ijoon Taayiwaan taati jedhame

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantiin US Joo baayidaniifi dureen Chaayinaa Shii Jinpiing erga bara 2020tti Baayidan aangoo qabatee as yeroo jalqabaatiif qaamaan wal arguuf jiru. Marii isaanii torbee dhufaa kana Irrattis dhimmi Taayiwaan ajandaa ijoo akka ta'u eegama.
Mariin biyyoota jajjaboo lamaan jidduutti eegamaa ture amma wayita walitti dhufeenyi isaan jidduu jiruu erga badeen booda ta'uuf jira.
Walitti dhufeenyi isaanii kan boora'e gaaffii Chaayinaan odola Taayiwaan kan ofiin of bulchaa jirtu irratti kaastuu fi jidduugalummaa ishee Eshiyaa keessaa dabalaa jiruun kan wal qabateedha.
US ammoo argama teeknolojii chiippii kompitaraa irratti dhorkaa kaa'uun deebii kennite.
Tarkaanfiin kun ammoo diinagdee daldala alaa Chaayinaa kan gurgurtaafi bittaadhaa bilbilaa kaasee hanga konkoolaataatiif teeknolojii irratti hundaa'ee miidheera.
Muddamaa fi holoola dhiheenyaa kana dabalaa jiruun wal qabatees, addunyaan fi biyyoonni Eshiyaa michuu Ameerikaa ta'an kan akka Indiyaa, Jaappaan fi Awustiraaliyaa yaa'ii G20 Baaliitti Wiixata gaggeeffamuun dura akka wal argan eegama.
Dureen Chaayinaa Shiin yeroo weerara irra caalaa Chaayinaa keessatti dabarsuun dhiheenya kana keessaa biyyaan ala imaluu eegalan.
''Mirkan waa'ee Taayiwaan ni mari'anna... wayitan isa waliin mari'adhuutti tokko tokkoo keenyaaf sarara diimaa keenya,'' jedhan Baayidan ibsa gaazexessitootaafi guyyaa Kamisaa Waayiti Hawuusitii kennan irratti.
Kan ammaa kanaan akka ''akka wal lolan ykn walii isaanii hin lollee murteessuu danda'u... yoo kan godhan ta'e, kan ittiin hojjatamuufi ittiin furamuudha'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haata'u malee, dhimma imaammata Ameerikaan Taayiwaan irratti qabdu ilaalchisee ''jijjirama waadaa ijoo kamuu taasisuuf'' fedhii akka hin qabne himan.
Beejiingi bulchiinsa odoola ofiin ofi bulchituu akka qaama ofiishee kan guyyaa tokkoo itti deebiite makamtuutti ilaalti. garuu ammoo Taayiwaan akka bulchinsa ofi dandeesseetti of ilaalti.
Baayida ammoo faallaa pirezidantii Ameerikaa duraaniitti, irra deddebiin yoo Chaayinaan Taayiwaan weerarte akka ittistu himan.
Haata'u malee yeroo hunda Waayiti Haawus yaada Baayidan kana yeroo hunda sirreessuun Waashingitan ''iftoomina dhabuu ejjannoo tarsiimoo'' ta'u hima.
Gama biraatiin ammoo Aab Shii Waraanaa Bilisummaa Ummataa (PLA)n ''humnoota hunda waraaniidhaaf... dandeettii injifachuu ni ijaarra'' jedhan akka miidiyaa biyyattii torban kana keessa gabaaseeetti.
Shii waraanni biyyattii ''lolaaf qophaa'uudhaaf shaakkallii waaraanaa cimsuu qaba'' jechuutuu gabaafame. Kanaafis sababiin saa Chaayinaan sadarkaa ''haala hin tasgabboofineefi hin mirkannoofne irratti'' argamti jechuutu dhagahame.
Ameerikaa fi Chaayinaa jidduutti muddamni kan cimee Hagayyaa keessa wayita Afa-yaa'iin paarlaamaa Ameerikaa Naansii Piloosii taayiwaan dowwattee turteedha.
Chaayinaani naannawa odolittiitti shaakaala waraanaa cimaa gaggeessuun deebii kennite turte.












