Masiriitti dubartoota hijaaba uffatan irra dhiibbaan gahaa jira

Mayar Omar
Ibsa waa'ee suuraa, Hijaaba uffatanii nama keessummeessin raakkisaadha jetti Maayar

Masiriitti dubartoota Musliimaa hijaaba uffatanii deeman irra dhiibban akka gahu gabaasni qorannoo BBC Arabiffaa mirkaneessera.

Keessumaa manneen daldalaa, iddoowwan bashannanaa fi manneen nyaataa gatiin isaanii qaalii ta'an keessatti dubartoonni musliimaa hijaaba mataatti maratanii akka argaman hin jajjabeeffaman.

Bakkeewwan kunneen dubartoonni hijaaba maratan akka hin dhufne taasisuuf waan baay'ee godhu.

Gabaasa qorannoo BBC Arabiffaa hojjateen dubartoonni hijaaba uffatan irratti dhaabbilee tajaajilaa olaanoo keessatti illee qoollifannaan hawaasaa akka isaanirra gahu bira gahame.

Gochaan akkasii heera biyyaattii kan faallessu ta'us itti hammaatee deeme.

Akka heera Masiriitti nama tokko amantii, sanyummaa fi saala irratti hundaa'uun dhiibbaa ykn qoollifannaa irraan gahuun dhorkaadha.

Dhiibbaa dubartoota Musliimaa hijaaba uffatan irra gahu ittisuuf lammiilen biyyattii bara 2015 iraa eegalee falmii kaasaa turaniiru. Dhimmicha gara miidiyaa hawaasatti fiduun dhimma hawaasaa gochuuf kan yaalanis jiru.

Dubartoota miidiyaa hawaasaa irratti duula kan gaggeessaa turan keessaa tokko Maayar omaar ishee tokkoodha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Maayar dubartii ganna 25 yoo taatu dura buutuu garee qorannoo tokkooti. Maayar magaala Kaayiroo keessa kan jiraattu yoo sababa hojiitin restorantiiwwan qaalii ta'an ni deemti.

Balbala irra gaafa geessu hijaaba godhattee restorantii seenuu akka hin dandeenye itti himuu BBCtti himte.

"Bakka tokko gaafa deemtu ofii kee taatee deemuu qabda, warri kun garuu sana hin barbaadan," jetti Maayar.

Miidiyaa hawaasaa irratti gareen "Hijaaba mala jireenyaf" jedhu hundaa'ee garee dubartoota hijaaba uffatan irratti dhiibbaa gaggeessan saaxiluu irratti hojjata.

Bakkeewwan hijaaba uffachuu dhorkan kan deemun BBCn mirkaneeffachuu danda'eera.

Naadaa Naashat ogeettii seera fi falmituu mirga dubartootati. "Rakkoon bu'uuraa sadarkaa jireenyati," jetti.

Akka Naadan jettutti, bakkeewwan dubartoonni hijaaba uffatanii akka hin seenne dhorkan, bakkeewwan sadarkaan tajaajila isaan kennanii qaalii fi sadarkaan isaa olaanaa ta'eedha.

Himannaa dhiyaatu kana qulqulleessuf BBC Arabiffaa restorantiiwwan fi bakkeewwan tajaajila kennan magaala Kaayirootti argamanii sadarkaan siaanii olaanaa ta'e 15 filachuun qorannoo gaggeessee ture.

Bakkeewwan kana keessaa 11 kan ta'an dubartoota hijaaba uffatan akka hin keessummeessine ifatti dubbatan.

Magaala

BBCn qorannoo kana gageessuf abbaa manaafi haadha manaa garasitti ergaa ture. Magaala Kaayiroo keessatti kan argamu restorantiin Laworbarjiinii naannawa Zamaalek jedhamutti kan argamu yoo ta'u namoota sooreyyii fi sadarkaan jireenya isaanii olaanaa ta'etu deema jedhama.

Hijaaba dhorkuu fi dhiisuu isaanii qorachuuf dubartoota hijaaba uffatanii abbaa manaa isaanii wajjin akka restorantii kana deeman godhaman. Namoonni gaafa deeman akka hin seenne dhorkamuu BBCn mirkaneeffatera.

Deebin isaan namoota kanaaf kennan, "Dhugaatii waan gurgurruuf dubartoota hijaaba uffataniif mijataa dhiisuu ta'uu danda'a" kan jedhuudha.

Dhuma irratti hoji gaggeessan reestorantchaa "durbartoota hijaaba uffatan hin keessummeessinu" jechuun keessaa baasee dubbate.

Achuma magaala Kaayiroo bakka Zamaalek jedhamutti dubartoonni hijaaba uffatan hojii eegumsaa akka hin hojjanne dhorkamaniiru.

Restorantii Andiyaamoo jehamutti ammoo abbaa manaa fi haati manaa gaafa seenuf jedhan isheen hijaaba waan uffatteef akka hin seenne dhorkaman. Boodarra himannaa isin irratti banna jennaan, seensisan. Erga seenanii booda bakka dukkana wayii akka teessisan dubbatu.

BBBn Ministeera Turizimii biyyattii gaafannan, dhimmicha akka quba hin qabneefi waanti akkasii jiraannan seeran akka gaafachiisu deebii kenne.

Bakkee hojii fi mana nyaataa qofatti osoo hin taabe bakkeewwan bashannanaattis hoteela qabachuuf illee dubartoonni hijaaba uffatan ni rakkatu.

Kaayiroo keessatti kan argamu dhaabbanni appartimentiiwwan bashannanaa kireessun beekamuu Laavestaa jedhamu fi dhaabbileen kiraa manneen jireenyaa kennan dubartoota hijaaba uffatan hin keessummeessani.

Dhaabbata Laveestaa irraa deebii argachuuf BBCn yaalin godhe hin mirkanoofne.