TikTok daa'imman akka qabiyyeewwan saal-quunnamtii daawwatan taasisaa jira- Qorannoo

Madda suuraa, Getty Images
Algoorizimiin TikTok akkaawuntii daa'immanii irratti qabiyyeewwan gocha saal-quunnamtii of keessaa qaban fi fiilmiiwwan quunnamtii saalaa akka baayyinaan mul'atan gochaa jira jedha qorannoon.
Argannoo kana qorannoo garee mirgoota dhala namaaf quuqamuun duula gaggeessaniin qoratametu ibse.
Qorattoonni kunneen jalqaba akkaawuntii sobaa kan daa'immanii fakkaatu banan, nageenyummaa akkaawuntii banamee eeguufis tarkaanfii barbaachisu fudhataniiru.
Garuu akkasis ta'ee qabiyyeewwan quunnamtii saalaa of keessaa qabantu bal'inaan isaanitti dhufaa ture.
Fiilmii saal-quunnamtii fi wayita namoonni quunnamtii saalaa raawwatan qofa akka barbaadan gorsa.
TikTok nageenyummaa maamilaa eeguuf kutannoo qabaachuu hima. Akkasumas namoonni waan daangaa umriisaanii madaalu qofa akka fayyadaman taasisuu ibsa.
Miidiyaa hawaasummaa kun yoo rakkoon akkanaa jiraate tarkaanfii akka fudhatu ibseera.
Bara kana xumura Adoolessaa fi jalqaba Hagayyaa gareen qorattootaa Global Witness jedhaman akkaawuntii TikTok afur kan daa'imman umriinsaanii waggaa 13 ta'ee fakkaatu banan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Guyyaa dhalootaa sobaa galchan, kanaachi odeeffannoo eenyummaasaanii isa dhugaa mirkaneessu kamuu hin gaafatamne.
Akkaawuntiiwwan kunneen erga banan booda tarkaanfiin itti aanu waan of eeggannoof barbaachisu gochuudha. Kanaaf ammoo ammoo TikTok ''restricted mode'' kan jedhamu qaba, isa kana banan.
TikTok akka jedhutti tajaajila kana bantee jennaan qabiyyeewwan nama jeeqan fi naamusaan ala ta'an kanneen akka qabiyyee saalquunnamtiifaa nama bira hin ga'an.
Qorannoo fagoo osoo hin deemin namoonni akkaawuntiiwwan banaman kunneen to'atan qabiyyeewwan saal-quunnamtii akka banan appii kanarraa gorsa argachuu eegalan.
Appii kana, kutaa ''you may like'' jedhu jalatti jechoonni quunnamtii saalaa ifatti mul'isu hedduutu dhihaatan.
Jechoonni dhihaatan kunneen yoo tuqaman gara hin taanetti nama geessu. Dubartii ofumaan fedhii saalaa ishee galmaan ga'attufaatti nama geessu.
Viidiyoon kaan ammoo dubartii uummata keessatti paantii ofirraa baasuun qaama saalaa agarsiistufaa mul'isu. Kaan harma isaanii mul'isu.
Viidiyoon gariin yeroo namoonni quunnamtii saalaa raawwatan agarsiisu. Kana hunda daa'imman akka ilaalan kan godhu TikTok mataasaati.
Viidiyoowwan akkanaa qabiyyeewwan nagaa qaban kaan keessa dhokfamanii taa'u. Kunis akka to'annoon irratti gaggeeffamuun hin baramneef yaadameeti.
Garee Global Witness qorannoo kana gaggeessan keessaa kan ta'e Ava Lee bu'aan qorannoo kun qorattoota ''akkaan rifaasise'' jedhe.
''TikTok daa'imman akka qabiyyee hin taaneef hin saaxilamne baraaruu dhiisee inumaa akka argatan gargaaraa jira.''
Jaarmiyaan Global Witness jedhamu kun dhiibbaa teknooloojiin mirgoota namoomaa, dimokiraasii fi jijjiirama qilleensaa irratti qabu kan hordofuudha.
Qorattoonni kunneen rakkoon akkanaa isaan mudachuu eeruun TikTok akka furuuf itti iyyatanii turan.
Garuu bara kana Adoolessa gara dhumaa fi jalqaba Hagayyaatti rakkoon ture furamuu mirkaneeffachuuf ammas qorannooma walfakkaataa irra deebi'an.
Ammas TikTok qabiyyee saalquunnamtii akka banan gorsa.
TikTok maloota ittiin nageenyummaa daa'immanii mirkaneessu 50 qabaachuu hima.
''Namoonni akkaataa daangaa umrii isaaniin nageenya isaaniif barbaachisu akka argatan kutannoon hojjenna,'' jedha miidiyaan hawaasummaa kun.
Viidiyoowwan qajeeltoo isaa cabsan 10 keessaa sagal osoo isaan hin ilaalamin balleessuu hime TikTok.
TikTok waa'ee argannoo Global Witness irratti wayita yaada kennu qabiyeewwan ittiin himatame balleessuu ibse.












