Hoggantoota addunyaa ja'a ummata duratti kopheen itti darbame

Hoggantoota addunya kopheen ummata duratti itti darbame

Tibba kana Pirezidaantii Keeniyaa Wiliyaam Ruutootti kopheen darbatamuun wal qabatee yadootni hedduun ka'aa jiru.

Aadaa biyyoota adda addaa keessattuu kan Arabaa fi Eeshiyaa keessatti kophee darbachuun mallattoo kabaja irraa mulquu garmaleedha.

Salphina guddaadha.

Kopheen waan lafa tuquuf waan xuraa'aa ta'ee fudhatama, kanaaf kophee nama tokkotti darbachuun gatii fi kabaja akka hin qabne itti himuudha jedhame fudhatamuu danda'a

Haa ta'uu malee, Ruutoon hoggantoota addunyaa taateen akkanaa irratti mudate isa jalqabaa miti. Taateewwan walfakkaatan muraasni muudatan kunooti

1.Wiliyaam Ruutoo, Naayiroobii, (2025)

Wiliyaam Ruutoo

Madda suuraa, Getty Images

Caamsaa 4, 2025 Pirezidaantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoon hiriira ummataa Naayiroobiikutaa bulchiinsa Migori keessatti haasawa utuu taasisaniin taatee hin baratamne irratti raawwate.

Namoota achitti argaman keessaa namni tokko kophee isaa Pirezidaantii Ruutootti darbate

Kopheen kun Pirezidaanti Ruutoo miidhuu baatus, taatee kun lammiilee Keeniyaa fi biyyota birrattillee hikkaan adda addaa akka itti kemnnamu taasiseera.

Biyyoota heddu keessatti hikkaan qopheen rukatamuu adda adda garuu irra caalaa tuffii agarsiisa.

Bakka tokko tokkottimmoo qoosaa yoo ta'u, biyyoota Afrikaa hedduu keessatti garuu mallattoo siyaasaa fi garaagarummaa ilaalcha ykn dhimmoota murtaa'oo siyaasaan walqabatanfaan walqabachuu mala.

Mootummaan Keeniyaa kophee pirezidantiitti darbachuun ''qaaniidha'' jechuun balaaleffate

Namoonni gocha kanaanshakkamanis to'atamanii poolisiin qoratamaa akka jiran gabaafameera.

2. Joorji W. Buush: Bagdaad, Iraaq (2008)

Joorji W. Buush

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mudde 14, 2008 Pirezidaantiin Ameerikaa yeroo sanaa Joorji W. Buush MM Iraaq Nowuri al-Malikii waliin masaraa Rippabilikaanota Bagdaad keessatti walga'ii waliin taasisan irratti taateen kun kan muudate.

Walgahiin kun qaama daawwannaa nagaa dhaamuu osoo bara pirezidaantummaa isaanii hin xumurin dura godhame ture.

Walgahii kana irratti gaazexeessaan Iraaq, Muntadhar al-Zayidi, akka tasaa ka'ee kophee lama saffisaan walduraa duubaan Pirezidaanti Buushitti darbatee.

Al-Zayidiinis battalumatti qondaaltota nageenyaatiin qabamee naannoo sanaa baafame.

Taatee kana booda Al-Zayidi hogganaa biyya alaa irratti duuluu isaatiin hidhaan waggaa sadii itti murtaa'ee ture, garuu adabbiin kun gara waggaa tokkootti gadi bu'eef

Haa ta'u malee naamusaa gaarii qabaachuu isaatin ji'a sagal booda gadhiifame.

Hidhaa keessa osoo jiruu dararammni, reebicha fi miidhaan cimaan akka irra gahe himate.

Taatee kun falmii addunyaa kan kaase yoo ta'u, al-Zayidiin keessumaa biyyoota Arabaa tokko tokko keessatti akka gootatti leellifamaa ture.

Hawaasa heddu birattimmoo taateen kun akka nama hoggantootaaf kabaja hin qabneetti ilaalama ture

3. Wen Jiyaaba'o: Kaambiriijii, Ingilaandi (2009) .

Ween Jiyaaba'o

Madda suuraa, Getty Images

Guraandhala 2, 2009 Ministirri Muummee Chaayinaa Ween Jiiyaabaa'oon haasawa Yunivarsiitii Kaambiriij, Ingilaanditti taasisaniin kophee itti darbatame.

Taatee kun kan mudate yeroo Wen barattootaa fi barsiisotaaf galma barnootaa yunivarsiitichaa keessatti haasaawa taasisaanitti ture.

Barataan Jarmanii, Maartiin Jaahnke, kan Yunivarsiiticha keessatti barataa fayyaa ture, akka tasaa ka'ee, fiigichan ''Ween abbaa irree" jechuun'' kophee isaa gara waltajjiitti darbate, garuu Ween hin rukunne.

Badaye Jahnke to'annoo jala oolee sodaa fi jeequmsa uumuun himatame.

Boodarra garuu Manni Murtii himannaa kana mirkaneessu ragaan gahaan akka hin jirre erga ibsee booda gadhiifame

4. Pervez Musharraf – Landan, Ingilizii (2009)

Pirezidaantii fi Hogganaan Waraanaa Paakistaan ​​duraanii Pervez Musharraf

Madda suuraa, AP

Bara 2009 Pirezidaantii fi Hogganaan Waraanaa Paakistaan ​​duraanii Pervez Musharraf miseensota diyaaspooraa Paakistaan ​​waliin Landanitti walgahii wayita taasisanitti kopheedhaan rukutamaniiru.

Taatee kun kan mudate yeroo Musharraf namoota isa dhaggeeffachuuf walitti qabamaniif haasaa taasisaa turetti ta'e.

Namichi tuuta keessaa tokko akka tasaa ka'ee Musharraf bulchiinsa waraanaa fi imaammata isaa mormuudhaan kophee itti darbate.

Kopheen kun Musharraf kan hin rukunne yoo ta'u, eegduun isaas nama haleellaa raawwate dhaabuu danda'eera, battaluma sanatti to'annoo jala oolchee bakka walgahii sanaa baafame.

Taatee kun aarii fi mormii lammiileen Paakistaan ​​tokko tokko bulchiinsa Musharraf irratti qaban kan calaqqisiise ta'uun ibsamaa ture.

5. Omar al-Bashir: Finfinnee, Itoophiyaa (2010) .

Pirezidaantii duraanii Sudaan Omar al-Bashir

Madda suuraa, EPA

Amajjii ara 2010 prezidaantiin Sudaan yeroo sanaa Omar al-Bashir walgahii hoggantoota Gamtaa Afrikaa Itiyoophiyaa Finfinnetti geggeeffame irratti kophee akka itti darbatame gabafamee ture.

Taatee kun kan mudate yeroo al-Bashir walgahii kana irratti haasaa taasisaa turanitti.

Namoota walitti qabamanii jiran keessaa namni maqaan isaa Adel Mohamed Fath Al-Rahman Mahjub, jedhamu akka tasaa ka'ee al-Bashiritti kophee darbatee,

Bulchiinsa isaa fi himannaa isaa yakka waraanaa Mana Murtii Yakkaa Idil-addunyaa (ICC) irratti murtee hin kennin hafe morme.

Kopheen kun al-Bashir hin rukunne ture. Namni kunis battaluma sanatti qaamolee nageenyaatiin to'annoo jala oole ture.

6. Hilarii Kiliintan – Laas Veegaas, Ameerikaa (2014)

Hilarii Kilinton

Madda suuraa, AP

Ebla 10, 2014 Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa duraanii Hilarii Kilinton konfiraansii Inistiitiyuutii Industiriiwwanii Hoteela Mandalay Bay Laas Veegaasitti gaggeefame irratti wayita haasawa taasisanitti ture kan kophee itti darbatame.

Dubartiin tokko gara waltajjii, bakka Kilinton haasawa itti taasiftutti dhiyaattee kophee ishee itti darbatte.

Hilariin kophee kana jalaa miliquun qoosaadhaan haasawa ishee itti fuftee,

Battalumatti qaamolee tikaatiin to'annoo jala ooltee bakka haleellaa sanarraa baafamte

Taateewwan kunneen hogganaa siyaasaa tokkotti kophee darbachuun akka mallattoo kabaja dhabuu fi namoota tokko tokkoof ammoo mallattoo mormii ta'ee akka ilaalamu agarsiisa

Hoggantoonni hedduun bilchina siyaasaa fi ofitti amanamummaa agarsiisuudhaan bira darban.