Dubaayitti keessummeessituun xiyyaaraa of ajjeesuuf yaalte yakkaan himatamte

Madda suuraa, Detained in Dubai
Dubartiin lamii Ayerlaandi Yunaayitid Arab Emireetis (UAE)tti of ajjeesuuf yaalte yakkaan himatamte.
Dubartiin kun paaspoortiin ishee jalaa balleeffamnaan alkoolii akka malee dhuguun dabalataan of ajjeesuuf yaaluu isheen yakkaan himatamte.
Maqaan ishee Toorii Toowii jedhamti. Umuriin ishee ganna 28 yoo tahu, Dubaayi kan jirattu yoo tahu, xiyyaara keessatti to'annoo balalii irra hojjetti.
Falmaan mirga namoomaa fi abukaatoon ishee dubartiin kun raafamuun dadhabbii keessa jirti jedhe. Garuu dhiyootti Dubaayii akka baatu himte.
Abukaatoon Radha Istirliingi jedhamtu kun garee 'Detained in Dubai' jedhu gaggeesiti. Kaleessa dubartii of ajjeesuuf yaaluun himatamte kana dubbisuun ''haalotni akka gaariitti deemaafii'' jiraachuu himte.
''Mootummaan Ayerlaandi yeroo tahetti dhimmicha hordofuu jalqaban. Ariitiidhaan yeroo dhufanii hordofan hin argine'' jette.
''Dhiibbaa dippilomaasii taasisaa jirruun osoo guyyaan beellama mana murtii ishee osoo hin gahiiniyyuu torban dhufu mana isheetti deebisna jennee abdanna. Garuu dhimmichi gara hin taanetti deemees mana hidhaa bu'uu dandeessi,'' jette.
Abukaatoon kun kana duras dubartiin of ajjeesuun himatamte Aadde Toowiin alkoolii akka malee dhuguun of ajjeesuuf yaaluun himatamuu ishee himte.
UAE keessatti alkoolii akka malee dhuguunis tahe of ajjeesuun yakkadha.
''Poolisiin UAE himaticha akka addaan kutuuf mootummaan Ayerlaandi deeggarsa nuuf gochaa jira,'' jette.
Kaleessa paarlaamaa Ayerlaandi keessatti dhimmi ishee ka'uun yoo dubbatamu, miseensi paarlaamaa Meerii Loo jedhamtu dubartii Dubaayitti himatamte kanatti dubbachuu himte.
Haati Toowii gara Dubaayitti imaluun ishee waliin turuu himte. Toowiin gara mana maatii isheetti deebi'uu akka barbaaddu himan.
''Miidhaa mana keessaa jabaaf saaxilamteetti'' jechuun haala keessa jirtus Meeriin paarlaamaatti himte.
''Paaspoortiin ishee balleeffameera. Akka gara kamittiyyuu hin imalleef ykn hin balaliineef dhorkaan irratti darbeera'' jette.
Mootummaan Ayerlaandi ''gonkumaa dubartiin akkasiin miidhamuu hin qabdu jechuun qondaalota Dubaayitti dubbachuu qabu'' jette abukaatoon ishee.
Ministirri muummee Ayerlaandi Too'ooseech dhimmichi paarlaamaa keessatti kaafamuu isaa galateeffachuun dhimmicha gidduu seenuun akka biyyatti ishee deebisuuf hojjetan himaniiru.












