Burj Kaliifaa waliin walfakkaattu jedhanii walbiratti suuraa na kaasaa turan- Awwaluu Buxxuulaa

Awwaluu Buxxuulaa

Madda suuraa, Awwaluu Buxxuulaa

Namoota dhedheeroo Itoophiyaan qabdu keessaa tokko kan ta'e dhalataan Godina Gujii Bahaa Aanaa Gooroo Doolaa Awwaluu Buxxuulaa daawwannaaf gara Yunaayitid Arab Emireetis, magaalaa Dubaay imaluun carraa hedduutti akka ba'e hime.

Affeerraa hiriyaasaan carraa argatee garas imaluu kan hime Awwaluun, erga achi ga'ee booda namoota hojii biizinasii keessa jiraniin walbaruu turtii BBC waliin taasiseen ibseera.

Magaalaa iddoo jireenya lammiilee biyyoota addunyaa garaagaraa ta'uun kan beekamtu Dubaay keessatti hojii beeksisaa fi piromooshinii adda addaa isa hojjechiisuuf namoonni isa dubbisan jiraachuu hime.

''Yoo tattaafannee sosochoone uumama addaa Waaqni nu baase diingadeetti geeddaruu dandeenya,'' jedha Awwaluun.

Awwaluun magaalaa Dubaay erga seenee booda haala argerraa ka'uun karoora hojii haaraa baafachuutti akka jirus ibseera.

Turtii magaalaa Dubaay fi walumaagalatti waa'ee imalasaafi carraa argate akkasumas karoorrisaa itti aanu maal akka ta'erratti BBC waliin gaaffii fi deebii taasiseera.

Carraa kana akkamiin argate?

Awwaluu Buxxuulaa affeerraa hiriyaasaatiin torban tokko gara magaalaa Dubaay imale.

''Carraan yookiin sagantaan addaa jiraatee osoo hin taane hiriyaa kiyya kanan akka obboleessa kiyyaatti ilaalutu na affeere. Hiriyaa hojii wajjiin hojjennudha,'' jechuun akkamiin gara Dubaay akka imale ibse.

Lammiileen biyyoota addunyaa garaagaraa wayita gara Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) imalan eeyyama viizaatiin yoo ta'u, Awwaluun garuu kanarra kan fooyya'e ''Golden Visa'' jedhamuun garas imale.

Namoota kaanirraa dheerina hojjaasaan beekamuun carraa kana argachuuf akka isaaf gumaache kan dubbatu Awwaluun, ''akkuma kana ittis milkaa'eera,'' jedha.

Mudannoo xiyyaara keessaa...

Awwaluuf wayita tikeetiin xiyyaaraa bitamu teessumni addaa bifa addaan qabameef hin jiru. Akkuma imaltoota kaanii kutaa xiyyaaraa- Economy jedhamuun qoodame keessaa teessoon qabameef.

Awaaluun sababa hojjaasaa teessoorra taa'uu dadhabee wayita rakkatu namoonni argan garuu callisanii bira hin dabarre.

''Namoonni xiyyaara keessa jiran wayitan teessoorra taa'uuf wal'aansoo qabu na arganii bakka naaf jijjiiran. Iddoo addaa namoota sadarkaa olaanaa qabaniif qabame (VIP) naaf kennan,'' jedhe Awwaluun.

Awwaluun sababa dheerinasaa xiyyaara keessatti rakkoon isa mudate kan teessoo qofa miti.

''Yeroon Dubaay ga'u kaameeraa keessa seenuun dadhabe. Kaameeraan goda jira, fuulli kiyya gubbaa jira. Kanaaf fuula kiyya kaameeraa keessa galchuuf daqiiqaa 30 natti fudhate,'' jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

UAE keessa irra jireessaan kan jiraatan lammiilee biyyoota biraati. Lammiileen biyyattii lakkoofsaan muraasa, namoota miiliyoona 10 biyyattiin qabdu keessaa miiliyoona tokko hin caalan.

Kanaafuu lammiilee biyyattiis ta'e hojjettoota mootummaa lammiilee biyyattii ta'an bakka hundatti argauun waan baratame miti.

Garuu manneen hojii mootummaa isaan ijoo ta'an keessatti hooggantoonni isaani. Buufanni xiyyaaraa, keessattuu bakki paaspoortii namoota seenanii fi ba'anii itti to'atan, kana keessaa tokko.

Awwaluun wayita kaameeraa keessa seenuuf wal'aansoo qabu kan inni waliin dubbataa ture warra biyyaati jechuudha.

Akkamiin isa tajaajilan?

''Baayyee na tajaajilan. Namoota kaan yoo viisaa yookiin ammoo doolaara 1,000 hin qabaanne hin dabarsan. Of duuba deebisu. Ana garuu homaa na hin gaafanne. Biiroo hoogganaa na geessanii xiqqoo ergan boqodhee booda teessuma naaf kaa'anii suuraa kiyya fudhatan,'' jedhe Awwaluun.

Namni dheeraan Itoophiyaa, Awwaluu Buxxuulaa, adeemsa kana hunda keessa wayita darbu kophaasaa ture.

''Jarrillee sirriitti na hubataa, na gargaaruufis fedhii agarsiisaa waan turaniif. Na hin rakkisne. Afaanillee guddoo hin rakkanne. Afaanuma Ingiliziin hangan beeku itti himaa ture, isaanillee salphaatti na hubataa turan.''

Awwaluun haala kanaan Dubaay erga seenee booda simannaan uummanni taasiseef akka is agammachiise hime.

Yeroo gabaabaa keessatti namoota hedduu waliin walbaruufis carraa akka argate dubbata.

Daawwannaa Dubaayirraa maal buufate?

Awwaluu Buxxuulaa Dubaay keessatti namoota akkumasaa uumama addaa qaban waliin mana elektirooniksii tokkotti viidiyoo waraabuun, kanaanis miidiyaa hawaasummaarratti guddoo beekamuu hima.

''Manni elektirooniskii sun- Zemzem Electronics jedhama. Kan namoota Hindiiti. Isaan obboloota. Na affeeranii, kennaas naaf kennanii viidiyoo waliin waraabne,'' jechuun turtii isaa Dubaayiin wantoota raawwate ibsa Awwaluun.

Namoota kunneen kan wal isa barsiise hiriyaasaa Dubaayitti isa affeere kana ta'uu kan himu Awwaluun ''hiriyaa kiyya waliin durumaanuu wal beeku. Hiriyaan kiyya ammoo osoon achi hin deemin dura waa'ee kiyya jaratti himeera. Wayitan Dubaay dhaqu akka isaaniin wal na quunnamsiisu itti himee ture. Haala kanaan an deemnaan walitti nu fide,'' jedhe.

Namoonni Awwaluun walbareen kunneen Dubaay keessatti meeshaa elektirooniksii guruguruun qofa miti kan beekaman, hojii Riil Isteetiinis baayyee beekamu.

''Gama kanaan akka waliin hojjennu na gaafataniiru. Hojii beeksisaa akkan hojjedhu na affeeran. Waan irratti hojjennuu fi waliigalteellee naaf erganiiru,'' jedha Awwaluun.

Itoophiyaadhaas hojii akka qabuu fi sababa dheerinni hojjaasaa hojii kamirraayyuu akka isa hin daangessine kan himu Awwaluun, ''Dubaay kanan deeme daawwannaafi. Kana gonkumaa hin eegne. Garuu carraan tasa na mudate. Ammatti hojii naaf dhihaate eegaluu akkan hin dandeenyee fi fuulduratti karoorsee akkan deebi'u ibseeraaf,'' jedhe.

Kana malees lammiilee Itoophiyaa Dubaay keessatti hojii Riil Isteetii keessatti haala adda addaan hirmaataa jiran keessaa- Biruk Real Estate kan jedhamu waliin hojjechuuf affeerraan akka dhihaateef hime Awwaluun.

''Warri Biruk Real Estate jedhaman na dubbisaniiru. Afaan Oromootiin akka beeksisa hojjedhuuf akka fedhan natti himan. Isaanis waliigaltee hojii naaf erganiiru. Isaaniinis isinittin deebi'a jedheeraan.''

Gamoo dheeraa- Burj Kaliifaa, nama dheeraa- Awwaluu...

Awwaluu fi Burj Kaliifaa walbiratti

Madda suuraa, Awwaluu Buxxuulaa

Awwaluun erga Dubaay ga'ee booda fulaawwan tuurizimii biyyattii hedduu daawwateera, tokko giddugala gabaa- Dubai Mall.

''Namoota keenya qofa osoo hin taane namoonni biyya biraallee suura waliin kaana jedhanii na dhiphisaa turan. Dubai Mall keessattifaa karaa darbuun dadhabe,'' jechuun kun akka hamilee isaaf ta'e hima Awwaluun.

Karaarra osoo deemuu taphattoonni kilaba kubbaa miilaa tokko addatti baafachuun yeroo dheeraaf akka suuraa waliin ka'aa turan kan himu Awwaluun, carraan kun hunduu ''waanan alatti ba'eefi,'' jedhe.

Namoonni hedduun wayita suuraa waliin ka'an ofii namoota kaan irraa adda ta'uusaatti wanti itti dhagahamu jiraattus, haala kana gara carraatti geeddaruun irraa fayyadamuun ammoo haxxummaa gaafata jedha Awwaluun.

''Fakkeenya anaan gamoo dheeraa Dubaay- Burj Kaliifaa bira na dhaabanii suuraa na kaasaa turan. Gamoo dheeraan Burj Kaliifaa, namni dheeraan Awwaluu jechaa turan. Kun anaaf carraa guddaadha.''

Taphattoonni Awwaluu waliin suuraa ka'an

Madda suuraa, Awwaluu Buxxulaa

Ibsa waa'ee suuraa, Taphattoonni suuraa na waliin ka'uuf sa'atii tokko ol na dhaaban

Awwaluun wayita gara Dubaay imale karoorri isaa achi jiraatee hojii hojjechuu hin turre, daawwannaa qofa ture.

''Ammatti an karoora biyya kana keessa jiraachuu hin qabu. Kanan as dhufeef daawwannaa guyyaa gabaabaafi. Guyyaa 15 qofa. Kanaafuu hojii naaf dhihaate kanaaf deebi'ee karoorsuu na gaafata,'' jedha.

Garuu tattaafannaan, bakka jiran irraa sosochoonaan carraa bal'aan akka jiru imala gabaabduu kanarraa baradheera jedha Awwaluun.

Itoophiyaa keessatti namoonni hojjaa dheeraas ta'e gabaabaa qaban hojii dhabuudhaan komii kaasu.

Awwaluun ammoo hojiin yoo tattaafatan fagoo hin jiru jedha.

''Wanti guddaan kabaja fi naamuusa qabaachuudha. Namoonni wayita sittu siquu barbaadan fuula gaariin, kabajaan simachuudha. Haala kanaan wayitti ba'u.''