Namni dheerinaan beekamu Awwaluu Buxxuulaa mana hidhaatti dhukkubsatee yaala dhabe - Maatii

Madda suuraa, Awelu Butula/FB
Namni dheeraan Itoophiyaa dhalataan Godina Gujii Bahaa Awwaluu Buxxuulaa mana hidhaatti, sababa hojjaasaa haala rakkisaa keessa jiraachuun itti ulfaatee, dhukkubsatee akka jiru maatiin BBCtti himan.
Ramadaan Hasan Awwaluu Buxxuulaaf maatiidha, akka hiriyaattis waliin jiraachaa turan.
Awwaluun erga Sambata darbe gaafa Waxabajjii 10, 2023 hidhamee hanga ammaatti mana murtiitti hin dhihaanne jedha Ramadaan.
''Sambata darbe osoo inni gara magaalaa Adoolaa deemuuf jedhuu buufata konkolaataa magaalaa Shaakkisootti qaban. Achii waajjira poolisii erga geessanii ammallee mana murtiitti hin dhihaanne,'' jedhe.
Awwaluun hojii albuuda baasuu hojjetee maatiisaa kan jiraachisu ta'uu kan hime Ramadaan, guyyaa qabame sana maamila isaa Finfinneerraa dhufan arguuf gara Adoolaa imalaa ture,'' jedhe.
Ramadaan akka maatiitti Awwaluun maaliif akka hidhame kan quba qaban yoo jiraate gaaffii gaafanneef, ''ajaja mootummaa naannootiin hidhame deebii jedhu arganne,'' jedhe.
''Albuudi gabaarratti akka hin dhihaanne gidduu mootummaa fi uummataa seente jedhaniin. Kan biraa ammoo uummata Booranaa fi Gujii walitti buuste kan jedhuudha.''
Dhimma kana poolisii magaalaa Shaakkisoo irraa adda baasuuf yaaliin taasifne hin milkoofne.
Awwaluun hundeeffama magaalaa haaraa Nageessoo jedhamtuunis himatamuu Ramadaan hime.
Magaalaan Godina Gujii Bahaa, Aanaa Gooroo Doolaa keessatti haaraa hundoofte kun magaalaa Nageellee irraa kiilomeetira shan fagaatti.
''Awwaluun wayita magaalaan Nageessoo hundooftu uummata waliin dhaabate malee kophaasaa hin hundeessine. Kan inni ittiin qabame keessaa tokko ammoo magaalaa kana hundeessite kan jedhuudha.
"Magaalaa haaraa hundeessitee magaalaa Nageelleerraa galii kutte jedhan,'' jedhe Ramadaan.
Akka Ramadaan jedhutti Awwaluun yakka ittiin shakkame kana ofirraa faccisus, warri isa shakkan himannaa irratti bananii dhaddachatti hin dhiheessine.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Awwaluu Buxxuulaa dhalataa Godina Gujii Aanaa Gooroo Doolaa yoo ta'u nama hojjaansaa akkaan dheeraati. Kun ammoo kunuunsa addaa kan gaafatuudha.
Erga qabamee mana murtiitti hin dhiyaanne kan jedhu Ramadaan, ''iddoon bulu isaaf mijataa waan hin taaneef dhibamee jira,'' jedhe.
''Bakki ciisichaa isaaf ga'aa miti. Qulqullinas hin qabu. Bakki qaama isaaf yaadamee hojjetame hin jiru. Keessaa waan itti hin mijanneef bakka ciisichaa alaa kennaniif. Kanarraa kan ka'e yeroo ammaa miilli isaa akkaan dhukkubee jira.''
Dhimma Awwaluu itti dhiheenyaan hordofaa jiraachuu kan himu Ramadaan, ''akka mana yaalaa geessinuufillee warri waajjira poolisii hin eeyyamne,'' jedhe.
Awwaluun maatii horatee ijoollee lama qaba kan jedhu Ramadaan, erga inni hidhamee maatiinsaa rakkoof saaxilamuu hime.
''Waan inni guyyaa guyyaan tattaafatee fiduun maatiinsaa jiraatu. Amma erga inni irraa hidhamee namni maatiisaa gargaaru hin jiru.''
Awwaluun maatii horate waliin qe'eesaa magaalaa Shaakkisootti argamu keessaa hidhame.
Abbaa fi haati isaa ammoo Aanaa Gooroo Doolaa ganda Diilalleessaa Reebaa keessa jiraatu.
Awwaluun haala kanaan hagam akka turu waan hin beekneef maatiin yaaddoo keessa jiraachuu hime Ramadaan.
''Dhimmi isaa gara tokkotti akka ba'u jennee deemnee gaafanneerra. Har'a, bor waan haaraa ni dhageessu nuun jechuun alatti furmaata hin arganne. Haala kanaan hagam akka turu hin beeknu,'' jechuun yaaddoo qabu ibsa.
Namni dheeraan Itoophiyaa Awwaluu Buxxuulaa hojii horsiisa beelladaa hojjetaa ture keessaa ba'uun hojii daldalaa irratti bobba'ee hojjetaa ture.
Beelladaa fi albuudota magaalaa Shaakkisoo fi Finfinnee gidduu daldala.
Namni dheeraan hojjaansaa meetira lamaa fi seentimeetira 35 ta'uu himu kun kan hidhames osoo daldala albuudaaf imaluu ta'uudha maatiin kan BBCtti himan.
Hanga kana dheerachuu isaa isumatu himate malee qaamni mirkaneesse hin jiru.
Awwaluun dheerina qofa osoo hin taane ulfaatina qaamaatiiniis nama laayyoo miti. Hamma kuntaala tokkoo fi ruubii (125kg) ulfaata.
Itoophiyaa keessatti namni dheeraan galmee wantoota dinqisiisoo Afrikaa irratti galmaa'ee jiru Nagawoo Jimaa yoo ta'u, innis meetira lamaa fi seentimeetira 25 dheerata.
Erga waa'een dheerina Nagawoo Jimaa karaa BBC hawaasaatti beeksifamee booda, namoonni dhedheeroo fi gaggabaaboo hedduun miidiyaatti ba'an.
Naannoo Amaaraa irraa Birihee Gaashuu meetira lamaa fi seentimeetira shantama akka dheeratuu fi Itoophiyaa keessatti namni isaan gitu akka hin jirre himate.
Naannoo Oromiyaa Godina Horroo Guduruu, Aanaa Jimmaa Gannatii irraa ammoo Yaneenesh Araarsoo dubartii dheertuu Itoophiyaa ta'uun galmee dinqisiisoo Afrikaa irratti galmoofteetti. Meetira tokkoo fi seentimeetira sagaltamii shan dheeratti.












