Lammiilee Itoophiyaa dabalatee dureeyyiin addunyaa maaliif Dubaayi mana bitachuu filatu?

Magaalli gamoowwan samii xuqaniin guutamte Dubaayi guddinni saffiisaan waggoota darban keessa agarsiifte, kan itti fufaa jiru fakkaata. Ammalleen gamoowwan dhedheeroo ijaaraa jirti.
Galaana Galoo Arabaatti maxxantee kan hundoofte Dubaayi, gamoowwan ishees kan ijaaraman galaanuma qarqara. Dhiheenya keessa garuu galanni tekinoloojiif haa galuutii galaanni gamoo sana keessatti eessattiyyuu ni uumama.
Dubaayi bulchiinsota Yunaayitid Araab Emireetis torban keessa bal’inaan lammaffaadha. Invastimentii turiziimii, daldalaafi Riil Isteetiif jidduugala ta’udhaan ammo dursarratti argamti.
Biyyattiin invastimantii riil Isteetii ishee kallattii hundaan babal’isaa jirti. Bulchiinsi KIbbaa ykn bakka lafa gogaan jiruutti sochii invastimantii olaanaan kan gaggeeffamu fakkaata.
Kutaan Dubaayi kunis kan galaanni Arabaa bira hingeenye, kan ummanni biyyatti bal’inaan keessa hin qubannee, akkasumas naannoo gammoojjii fakkaatuudha.
Dubaayi magaalaa jidduugala irraa gara magaala guddoo biyyattii Abu Daabiitti bal’ataa jirti.
Naannawa kanattis misoomsitoonni gara 20 ta’an hirmaataa jiru. Tokkoon tokkoo dhaabbata misoomsus lafa magaalaa xiqqoon wal gituu dalleessuun bosona gamoo ammayyaa ijaara.
Bu’uraaleen misoomaa akka daandiifi kaan cimaadha. Galaanni Arabaa ka’umsarraa dabfamuun bakka barbaadamu hundatti yaa’uun ollaawwan haaraa hundaa’an kanneeniif bareedina kennaaf.
Tokkoon tokkoo misoomsitootaas dallaa bal’aa keessatti moodeelii manneensaanii itti agarsiisan qabu. BBCnis dallaa agarsiisa moodeelii nama riil Isteetii misoomsu tokkoo keessatti argamuun dowwateera.
Achittis modeelonni gosa ijaarsa dhaabbatichaa ofilaalii keessa kaa’ameera. Dallaa kana keessattis kan yeroof ijaaraman kan fakkaatan garuu manneen kan meeshaalee ammayyaatiin ijaaraman ni argamu.
Konkolaattonni ammayyaa riil isteetii ammayyaa tokko tokko waliin kennamuuf qophaa’anis dallaadhuma kana keessatti dabalataan akka hawwata gabaatti kaa’amaniiru.
Dallicha keessatti alaabaa Itoophiyaa dabalatee kan biyyoota garaagaraa fannifamaniiru.
Itoophiyaa dabalatee kanneen manneen riil isteetii gurguran biyyoota hedduurraa dhufanis achitti argamu.
Kana mana gurguran kunneenis manneen modeeliifi naannawa itti argaman namoota bitaniitti yoo himan gonkumaa hin gufatan.
Namoota addunyaa mara irraa mana barbaacha gara sana dhaqan afaan hedduun ibsuuf. Kunis eddoo namoonni mana Dubaayi bitachu dhaqan itti murteessaniidha.
Dallaalonnis kan mootummaa biyyattiirraa hayyamni kennameef, kan dhaabbilee misoomsa waliinis waliigaltee daldalaa qabaniidha.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Biruuk Takasta dallaalaa lammii Itoophiyaa Dubaayitti manneen gurguran keessaa tokko.
Biruuk of jalatti hojjattoota 10 mindeessuun, ‘‘dhaabbata Biruuk Riil Isteet’’ jedhu hundeessee wagga tokkoo ol hojjataa jira.
Irra caalaa lammiilee Itoophiyaaafi kanneen biyya biraarraa dhaqaniifi manneen ni bichisiisa.
Turtiisaa kana keessatti Itoophiyaanota 100 ta’aniif mana bichisiisuu dubbata. Akka Biruuk jedhuutti namoonni sababii garaagaraatiif Dubaayitti mana bitatu.
‘‘Haalli nageenyaafi tasgabbii sababii tokkoodha’’ kan jedhu Biruuk, lammiileen Itoophiyaa hedduunis ‘‘filmaata invastimantiif jecha manneen ni bitatu’’ jedha.
Keessattuu manneen kireessuudhaan sharafa alaa argachuuf jecha lammiileen Itoophiyaa ta’e jedhanii mana bitan jiraachu ibsa Biruuk.
Gabaasni qorannoo kana dura Rooyitarsi dhiyeesse tokkos kanuma mirkanneessa.
Abbootiin qabeenya invastimantii riil isteetii irratti Dubaay keessatti hirmaataan irra caalaan kanneen biyyasaaniitti yaaddoo nageenyaa qaban ta’u gabaasichi kaaseera.
Fakkeenyaaf Raashiyaan Yukireen waliin waraanaa keessa galuu hordofuun lammiileenshee hedduun gabaa riil isteetii Dubaayi guutan.
Sababii kanaatiin jalqaba bara 2023'tti riil isteetii Dubaayi bituudhaan lammiileen Raashiyaa addunyaarra dursarra turan.
Akka kutaa addunyaa biraatti kan harbeeffame ta’u baatulleen, invastaroonni Afriikaa invastimantii riil isteetii Dubaay keessatti si’omiinaan hirmaataa jiru.
Lammiin Itoophiyaa Ahimad Zinaab, waggaa sadii darbaniif Dubaayiitti riil isteetii gurguruu keessa dallaalaa ta’un hojjataa ture.
Ahimadis Itoophiyaanota dabalatee namoota addunyaa mararraa dhufan kanneen gurguran waliin walitti fida.
Hanga ammaattiif Itoophiyaanota 100 ta’an karaa dhaabbatasaa ‘Raamzii’ jedhamuutiin keessummeessuu hima.

Itoophiyaanonni hedduun haala mijataa biyya sooretti Galoo Galaanatti fayyadamuun Dubaayi manneen bitatu.
Akka ibsa Ahimadiitti, bittaa riil isteetiin lammiileen Itoophiyaa kan Afrikaanota kaanii biratti sadarkaa sadaffaarratti argamu.
Itoophiyaanonni hedduunis mana kan bitatan jireenyaaf miti. Kireessuun maallaqa ittiin argachuudhaaf. Maamiltoonni isaanii irra caalaan kanneen Awurooppaa fi Ameerikaa irraa dhaqan ta’u hima Ahimad.
Dallaalaan riil isteetii gara biraa Daagmaawii Efreem jedhama. Innis ‘‘jajjabinni mootummaan biyyatti kennuufi misoomsitoonni riil isteetii dhalaan ala kanfaltii yeroo dheeraatiin gurguruunsaanii’’ sababoota riil isteetii Dubaay filatamaa taasisan ta’u kaasa.
Kanaanis namoonni mana bitatan addunyaa mararraa gara sana dhaqu. ‘‘Kanneen manneen bitan keessaa kan %85 ta’an lammiilee biyya biraati.
Gatiin kiraafi gurgurtaa manneenii yeroon waan dabaluuf’’ abbootiin qabeenyaa akka invastimantii bu’a qabeessaatti yaaduun keessatti hirmaatu’’ jedha.
Namoonni Dubaay keessatti mana bitachuudhaan jajjabeessituuwwan gara biraa kennamuufis karaa ittiin invastimantiin hawwatamuudha.
Abbaan qabeenyaa Dubaayiitti mana bitate tokkoos biznasa biraa eegaluudhaaf, herreega baankii banachuudhaan sharafa alaa olkaawwachuufi hayyama jireenyaa dhaabbataa argachuudhaaf akka danda’utti haalli ni mijaa’aaf.
Jajjabeessituuwwan kunneen ammo keessattuu abbootii qabeenyaa biyya sharafni alaa shalphaatti hin argamne kan Itoophiyaattii dhaqaniif xiyyeeffannaa addaatu kennamaaf.
BBC namoota dhiheenya keessa mana Dubaayi bitatan dubbisuuf yaaliin taasise hin milkoofnef.
Haata’u malee, dallaalonni riil isteetii kunneen akka jedhaniitti, lammiileen Itoophiyaa Awurooppaa fi Ameerikaa jiraatan mana bitachaa kan jiran yoo ta’u, kan bitachuuf adeemsa irra jiran jiraachus BBCtti himan.
Adeemsi bu’aa bahiirra bilisa mootummaan UAE qopheesses, saffisa invastimantii damee kanaatiif gumaacha taasisuu Biruuk ni dubbata.
‘‘Namoonni osoo maallaqaa fi yeroosaanii hin gubiin bakkuma jiran taa’uun adeemsa hunda erga xumuraniin booda, yeroo gabaabaa keessatti haala itti manasaanii itti argatan mootummaan diriirseera.’’
Kunis kanneen mana bitatan osoo hin nuffineefi yaada isaanii hin jijjiriin murtee mana bitachuun akka dhaabbatan taasisan.
Dubaayi abbootii qabeenyaa baayyee sooreeyyii ta’aniif manneen bareedaa dhiyeessuun addunyaarratti dursarratti argamti.
Ollaawwaan riil isteetii guddichi boca meexxiin odola nam-tolchaa ‘Jumeeraah’ jedhamu keessatti manneen bareedoo gatiinsaanii addunyaarratti dorgomtoota hin qabneetu ta’eera.
Jumeeraah dabalatee manneen babbareedoo Dubaay ittiin beekamtu bara darbe dolaara miiliyoona 10 fi isaan oliitti guguruun Dubaayi addunyaarratti dursarratti argamti.

Gurgurtaa bara darbeetiin Dubaayiitti tokkoon tokkoo manneen 413 dolaara miiliyoona 10 (birrii miiliyoona 560 olitti) gurguramaniiru. Gatii kanaan manneen hammanaa gurguruutiin kan Dubaayin qixxaatu hin jiru.
Odola nam-tolchee Jumeeraah kanarratti manneen viillaa Guraandhala darbee doolaara miiliyoona 76 fi 82tti gurguramusaanii The Economist gabaaseera.
Dhiheenya kana ammoo bakkuma walfakkaatutti namni viilaa tokko dolaara miiliyoona 114 (birrii biiliyoona 6 olitti) gurguramuun ajab jechisiiseera.
Jumeeraah’tti namni tokko lafa qullaa qofa dolaara miiliyoona 34n bituun ijoo dubbii ta'eera.
Gabaan riil isteetii Dubaay bara kanatti daballii %15 ni galmeessa jedhamee akka eegamu Al-Arabia online gabaaseera.
Baatiiwwan sadan jalqabaa bara 2024'tti qofa Dubaay keessatti damee riil isteetii qofaan daldalli dolaara biiliyoona 15 ol gaggeeffameera.
Ammas hanga baatii keessatti argamnutti ammo daldalli riil isteetii dolaara biiliyoona 27 akka caalu ogeessonni dubbataniiru.
Gatiin gabaa akka qaala’uufi lakkoofsi namoota mana barbaadanii akka dabaluuf sababiin karoora mootummaan biyyatti lakkoofsa ummataa dabaluuf kaa’eedha jedhamee amanama.
Mootummaan UAE bara 2040'tti ummanni Dubaay miiliyoona 3.7 2022'tti ture irraa gara miiliyoona 7.8'tti akka guddatuuf kaa’eera.
Kana hordofuunis fedhii manneenii umamu guutuudhaaf yoo xinnaate hanga bara 2028'tti waggaan manneen kuma 70 ijaaruun akka barbaachisu ogeessoonni ni dubbatu.












