Waliigalteen dhukaasa dhaabuu mallatteessuun waraana dhaabuuf gargaaraa?

Isaayaas Afawarqeefi Mallas Zeenaawii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dhukaasa dhaabuun bara 2000tti Itoophiyaafi Ertiraa jidduu mallattaa'ee ture gara waliigaltee nagaa dhaabbataatti geesse

Itoophiyaa fi Ertiraan wal waraansa cimaa biyyoota lamaan jidduutti gaggeeffamaa ture dhaabuuf waliigaltee kan mallatteessan ji'a Waxabajjii bara 2000 keessa ture.

Waliigalteen sunis dhukaasa dhaabuun waara'aa ta'e akka mallattaa'uuf akka taa'anii waliin mari’ataniif karra baneef.

Dhaabbataan dhukaasa dhaabuuf waliigalteen Muddee keessa kan mallattaa’e yoo ta’u, innis Waliigaltee Aljeers jedhamee beekamuun waraanichi akka xumura argatu taasiseera.

Gaazaa keessatti dhukaasa dhaabuuf waliigaltee

Waliigalteen Israa'elii fi Hamaas gidduutti Gaazaa keessatti dhukaasa dhaabuu taasifamuuf baayee kan milkaa'uutti dhiyaatee ta'uu jarsoliin biyya Galoo Galaana, Kaataar, himan.

Abdiin haaromfame kun kan dhufe lola gara ji'oota 15 booda yoo ta'u, akkasumas osoo Doonaald Tiraamp Amajjii 20 prezidaantii Ameerikaa ta'uun marsaa lammaffaa aangoo qabachuu isaatiin guyoota muraasa dura.

Dhukaasa dhaabuun, yeroo jalqabaaatiif yeroodhaaf qofa ture kun, gara nagaa dhaabbataatti akka ce'u abdatama.

Haata'u malee, akkuma waldhabdee biroo, adeemsi dhukaasa dhaabuu kun ogummaa dippilomaasii guddaa barbaada.

Ofii dhukaasa dhaabuu jechuun maalidha?

Akka UN jedhutti, jecha "dhukaasa dhaabuu" jedhuuf hiikni tokko kan addunyaa irratti fudhatama qabu hin jiru.

Jechichi ajaja waraanaa "dhukaasa dhaabuu" jedhurraa kan dhufe yoo ta'u, kunis ajaja "dhukaasa banuu" jedhuutiin faallaadha.

Qaamoleen wal waraanaa jiran lamaan mariisaanii keessatti waanuma isaan fedhan jechuu danda'ama.

Akkasumas jechoota "trace" fi "armistice" jedhan waliin wal jijjiiruun hojiirra oola.

Haata'u malee, UN yeroo baay'ee jechoota "dhukaasa dhaabuu" fi "diinummaa dhaabuu" jedhan gidduu garaagarummaan akka jiru dubbata.

"Diinummaa dhaabuun" waliigaltee lola dhaabuuf al-idileetiin taasifamu ta'uu akka danda'u dubbata.

"Dhukaasa dhaabuun" kan caalaatti sirnaawaa ykn seera qabeessa yoo ta'u, bal'inaanis waliigaltee kan akka:

  • kaayyoo dhukaasa dhaabuu kanaa,
  • adeemsa siyaasaa isaa hordofu,
  • yeroo hojiirra ooluu fi
  • naannoo teessuma lafaa inni uwwisu kan ilaallatudha.

Akkasumas sochiin waraanaa maaltu akka hayyamameefi kan hin hayyamamne, akkasumas dhukaasa dhaabuun akkamitti akka hordofamu eeruu mala.

Bara 1993'tti mootummaa Laayibeeriyaafi finciltoota jidduutti dhukaasa dhaabuun mallattaa'ee ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bara 1993'tti mootummaa Laayibeeriyaafi finciltoota jidduutti dhukaasa dhaabuun mallattaa'ee ture

Fakkeenyaaf, Laayibeeriyaatti wal waraanni gaggeeffamaa ture erga bara 1993tti Mootummaan Yeroo Gamtaa Biyyaalessaa, Adda Sabboonummaa Biyyaalessaa Laayibeeriyaa fi Sochii Bilisummaa Tokkummaa Laayibeeriyaa Dimokiraasii wajjin waliigaltee taasiseetti waraanni Laayibeeriyaa keessatti geggeeffame xumura argate.

Gareewwan lachuu meeshaa waraanaa fi rasaasa biyya alaa galchuu dhaabuuf, buufataalee waraanaa akka hin jijjiirre ykn irratti haleellaa akka hin raawwanne, diinummaa dabalataa akka hin kakaasneefi albuudaa fi meeshaalee ibidda kaasan akka hin fayyadamne waliigalan.

Dhukaasa dhaabuun dhaabbataadhamoo yeroof?

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) lachuu ta'u danda'a jedha.

Yeroo tokko tokkoos, gareewwan wal waraanan lamaan yeroodhaaf ykn dursanii dhukaasa dhaabuudhaaf walii galuu danda'u.

Kunis jeequmsa hir’isuuf ykn rakkoo namoomaa salphisuuf ta’uu danda’a.

Gareewwan Israa’elii fi milishoota Hamaasiin durfamu wayita yeroodhaaf dhukaasa dhaabuu irratti waliigalanii beeku.

Kunis Sadaasa 24 - 30 bara 2023 gidduutti kan raawwatame yoo ta’u, Hamaas booji'amtoota 105 yoo gadhiisuu bakkasaa hidhamtoonni gara 240 ta’an hiikaman.

Dhukaasa dhaabuun haalduree marii gargaaruu fi dhukaasa dhaabuu dhaabbataaf ykn murtaa’aa ta’eef daandii saaquuf gargaaruun waliigaltee irra gahuuf ni dandeessisa jedhamee yaadama.

Dhukaasa dhaabuun yeroof immoo dhaabbataadha

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dhukaasa dhaabuun yeroof immoo dhaabbataadha
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Israa’elii fi Hamaas Gaazaa keessatti dhukaasa dhaabuuf waliigaluuf sochiin taasifamaa jira.

Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun yaadota yeroo dhiyootti araara dhaabuuf dhiyaatan irratti kaabinee nageenyaa isaanii waliin Hamaas waliin mari’achaa akka turan yaadama.

Garuu dhukaasni dhaabuun waldhabdee Gaazaa dhaabbataadhaan ni xumura moo yeroo muraasaaf qofaaf dhaabbata laata?

Dhukaasa dhaabuun walitti aansuun yoo milkaa'uu baate ykn yoo fashalaa'e ykn dadhabaa yoo ta’e waraanni itti fufuu danda’a.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) wal waraansa Liibaanoon keessaa dhaabuudhaaf yeroo garaa garaatti dhukaasni akka dhaabbatuuf yaalii taasisaa ture, fakkeenyaaf bara 1978, 1981 fi 1982tti.

Haata'u malee, lola yeroo garaa garaatti ka'uun waraanni bara 1975tti eegalees bara 1990tti gara xumuraatti dhufe.

Yeroo tokko tokkos, gareen waraanaa tokko ykn lamaan wal waraanan iyyuu to'annoosaanii lafa irraaa cimsuuf dhukaasa dhaabuu duraa (preliminary) fayyadamuu barbaaduu danda’u.

Yeroo baayyee dhukaasa dhaabuun murtaa’aan (ykn dhaabbataa) kan dhufu marii nagaa qama wal waraanaa jiran lamaan gidduutti milkaa’aa ta’e hordofeeti.

Akka adeemsaatti, humnoota addan baafamanis hidhannoo hiikkachuu ykn diigamuu kan hammatu yoo ta’u, garuu ammoo erga waliigaltichi mallattaa'een booda waggoota dheeraaf hordoffiin qophiin nageenyaa jiraachuu barbaachisa.

Waliigaltee Ayirlaand bara 1998 mallattaa'e

Madda suuraa, Getty Images

Fakkeenyaaf, waliigaltee guyyaa Jimaata Faasiikaa bara 1998 Kaaba Ayerlaanditti gaggeeffame waliigaltee, IRA fi gareewwan amanamoo meeshaa waraanaa isaanii "faayidaan ala" gochuuf ture kan waliigalanii turan.

Waliigaltichi keewwattoota nagaa gaggeeffamaa turee jajjabeessuu fi daangaa Kaaba Ayerlaandi fi Rippabiliika Ayerlaandi gidduu jiru daldala waldhabdee hin qabne, taarifa irraa bilisa ta’eef banaa taasisuuf walsimsiisaa kan hammate ture.

Dhukaasa dhaabuun hanqinoota attam qaba?

Boji'amtoota Israa'el

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Boji'amtoota Israa'el

Israa'elii fi Hamaas Sadaasa 2023 keessa yeroof dhukaasa dhaaban ''boqonnaa namoomaa'' jechuun waamuun isaanii ni yaadatama.

Boqonnaan namoomaa yeroo tokko tokkos lola hir’isuuf ykn rakkoo namoomaa salphisuuf hojiirra oola.

Fakkeenyaaf, mootummaan Sudaan gareewwan hidhattoota lama, Sochii Bilisummaa Sudaan fi Sochii Haqaa fi Walqixxummaa waliin dhukaasa dhaabuuf waliigalanii turan.

Kanaanis Daarfur keessattii lolli guyyoota 45f dhaabachuun ejensiiwwan gargaarsa namoomaa ummata naannoo sanaa akka geessan ta'ee ture.

Bara 2004 keessa, erga Indoonezhiyaan sunaamiin rukutamtee booda, mootummaan Indoonezhiyaa fi Sochiin Bilisaa Aceh lamaan isaanii iyyuu, naannoo lolli keessatti gaggeeffamaa tureetti gargaarsi akka gahuuf jecha dhukaasa dhaabuu labsan.

Akkasumas waliigalteen lola naannoo murtaa’e tokkotti gaggeeffamu dhaabuuf akka danda’amuuf taasifamu kunis dhukaasa dhaabuu teessuma lafaa (geographical ceasefire) jedhama.

Bara 2018 keessa ammoo, Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) ummata naannoo sanaa eeguuf jecha naannoo buufata doonii Galaana Diimaa Hodeyidaatti lola godhamu akka dhaabbatu mootummaa Yamanii fi Huutii gidduutti waliigalteen akka taasifamuuf gargaareera.