Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Gaazaa xumurarra ga'e - Anga'oota Filisxeem

Madda suuraa, Getty Images
Gaazaatti dhukaasa dhaabuufi namoota butamanii fudhataman hiikuuf Israa'elii fi Hamaas gidduutti waliigaltee xumuramaa akka jiru qondaalli Filisxeem marii kana beeku BBC'tti himaniiru.
Kun kan ta'e yeroo Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden waliigalteen tokko bu'aa argamsiisuuf ''qarqara irra jira'' jedhanii, bulchiinsi isaaniis dhimmicharratti hojjetaa akka jiru beeksisanitti.
Qondaalli Israa'el tokkos Rooyitarsitti akka himanitti, mariin ''sadarkaa olaanaa'' irra akka jiru fi waliigalteen dhukaasa dhaabuus yeroo gabaabaa keessatti mallatteeffamuu danda'a.
Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden Wiixata darbe Ministira Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu waliin , akkasumas jaarsummaan hirmaataa kan jiran ministira muummee Kuwater Sheek Tamiim Bin Hamad Al-Taanii kan Qaxar waliin mari'ataniru.
Qondaalli Filisxeem kun BBC'tti akka himanitti, Hamaas fi qondaaltota Israa'el gidduutti ''mariin teeknikaa yeroo dheeraa fudhate gaggeeffamuu'' ibsaniiru.
Akka walii galtee kanaatti Hamaas guyyaa jalqabaa waliigaltee kanaa namoota booji'aman sadii kan gadhiisu yoo ta'u, isa boodammoo Israa'el loltoota ishee naannoo uummanni itti baay'atu keessaa baasuu akka jalqabdu gamni lamanuu walii galaniiru.
Guyyoota torba booda Hamaas namoota booji'aman afur dabalataan kan gadhiisu yoo ta'u, Israa'el buqqaatonni kibba keessa jiran gara kaabaatti akka deebi'an hayyamti.
Waliigaltichi marsaa jalqabaa keessatti humnoonni Israa'el koridoorii Filadelfii keessa akka turanii fi guyyoota 42'f naanna daangaa bahaa fi kaabaa akka turan eerameera.
Israa'el hidhamtoota Filisxeem 1,000 gadhiisuufis walii galtee jirti, isaan keessaa tilmaamaan 190 kanneen ta'an kanneen murtii waggaa 15 fi isaa olii irratti murtaa'edha.
Hamaas gama isaan namoota booji'aman 34 gadhiisuuf waliigaleera. Mariin waliigaltee kana marsaa lammaffaa fi sadaffaaf guyyaa 16ffaa dhukaasa dhaabuun itti taasifame irraa ni eegala.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gabaasni walii galteen dhukaasa dhaabuu taasifamuufi jedhu baay'achaa dhufuu hordofee, gorsaan nageenya biyyaalessaa Waayit Haawus Jake Sullivan waliigaltichi "torban kana keessa ykn xumura torban kanaa" pirezidaanti Baayideniin raawwatamuu akka danda'u dubbataniiru.
Itti dabaluudhaanis, Baayiden preezdaantii Masrii Abdul Fattaah Al-Siisii waliin haasa'uuf ture jedhan.
Ergamaan Pirezidaantii US haaraa filatamaan Doonaald Tiraamp Baha Giddu Galeessaa Istiiv Wiitkoof Doohaa galaniiru.
Tiraamp Amajjii 20 aangoo fudhachuu isaanii dura, yoo namoonni booji'aman kun hin hiikamne ta'etarkaanfii biraa akka fudhatan doorsisaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Israa'el Gidiyoon Saar gaazexeessitootatti akka himanitti, jijjiirama hedduutu jira, waliigaltichis "kan duraa caalaa baay'ee fooyya'aa" ta'uu ibsaniiru.
Garuu kuni kan ta'e wayita Netaaniyaahuun gamtaa bulchiinsa isaanii keessaa waliigaltee ta'uu danda'u irratti mormii cimaa isaan mudatetti.

Madda suuraa, Reuters
Paartii Likud kan Netaaniyaahuun keessa jiru dabalatee miseensonni paartilee kudhan xalayaa waliigaltee nagaa morman isaaf erganiiru.
Wayita mariin gaggeeffamaa jiruttillee haleellaa qilleensaa Israa'el wixata kana magaalaa Gaazaa irratti raawwateen namootni 50 ol ajjeefamuu ejensiin ittisa siiviilii Gaazaa gabaasera.
Dubbi himaan ittisa siiviilii Mahmud Bassal AFPtti akka himanitti, ''Manneen barnootaa, manni jireenyaa fi bakki walga'ii namootaa illee utuu hin hafin boombiin haleelamaniiru.
Waraanni Israa'el ammoo gabaasawwan kana ilaalaa akka jiru ibseera. Addatti ammoo loltoonni shan Wixata kaaba Gaazaatti ajjeefamuu mirkaneessera.
Waraanni kun Onkoloolessa 7 bara 2023 kan eegale yoo ta'u haleellaa Hamaas kibba Israa'el irratti raawwateen yoo ta'u, namoonni gara 1,200 yoo ajjeefaman, namoonni 251 ammoo booji'amanii gara Gaazaatti geeffamanii ture.
Israa'el deebii kanaaf Hamaas balleessuuf haleellaa waraanaa Gaazaa irratti banteen yoo xiqqaata namoonni 46,500 ol ajjeefamuu Ministeerri Fayyaa Gaazaa kan Hamaasiin hoogganamu ibseera
Israa'el namoota booji'aman keessaa 94 Gaazaatti kan hafan yoo ta'u, isaan keessaa 34 du'aniiru jedhamee kan tilmaamamu, akkasumas lammiileen Israa'el biroo afur waraana dura butaman, isaan keessaa lama du'aniiru jedhame.












