Mariin dhukaasa dhaabuu cimus Israa'el Gaazaa haleeluu itti fufte

Waldhabdee Israa’elii fi Hamaas gidduutti adeemaa jiruuni, magaalaa Gaazaatti bakka humni qilleensaa Israa’el haleele

Madda suuraa, Reuters

Jaarsummaa Ameerikaa fi Arabaatin waraana ji'oota 14f Israa'elii fi Hamaas gidduutti adeemaa ture xumuruuf yaaliin taasifamaa jiraachuu maddeen marii kanaaf dhihoo ta'an kan himan.

Mariin kun wayita cimee jiruttillee Israa'el haleellaa xiyyaaraa Gaazaatti rawwatteen yoo xiqqaate lammiileen Falasxeem 44 ajjeefamuu ogeeyyiin fayyaa himaniiru.

Marii Masrii fi Kuwatar keessatti taasifame kun waliigaltee waraana dhaabuu qofaa utuu hin taane, lammiilee Israa'el gareen Hamas Onkoloolessa 7, 2023tti butan gadhiisuu fi lammilee Filisxeem Israa'eliin hidhamanii jiran gad dhiisuullee kan dabalatuudha.

Mariisiftootni garaagarummaa kana dura gidduu isaani turan tokko tokko dhiphisuu danda'aniiru, garuu ammallee waanti guutummaan irratti walii hin galamne akka jiru gabaasaleen kan mul'isan.

Ogeeyyiin fayyaa Gaazaa akka jedhanitti, haleellaa xiyyaaraa Israa'el bakka adda addaatti raawwatteen halkan tokkotti yoo xiqqaate lammiileen Filisxeem 13 kan ajjeefaman yoo ta'u, kunis manneen magaalaa Gaazaa keessa jiran lamaa fi naannawa kaampii godaantotaatti kan raawwatameeni.

Ogeeyyiin fayyaa akka jedhanitti haleellan sun naannoo kaampii baqattootaa qarqara galaanaa magaalaa Gaazaatti argamutti namoota sagal kan ajjeese yoo ta'u, dabalataan naannawa mana jireenyaa kaaba Beit Lahihaatti namoota afur ajjeeseera.

Israa'el himannaa kana ilaalchisee yaada hin kennine.

Kiphxata darbes haleellaan qilleensaa wal fakkataan kanneen baqatanii dawoo mana jireenyaa baha Gaazaa naannoo Tuffah keessa jiratan irratti raawwatameen yoo xiqqaate lammiilee Falasxeem 15 kan ajjeefaman yoo ta'u walumaa galatti torban kana keessa lakkoofsi namoota ajjeefamanii 44 gaheera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waraanni Israa'el hidhattoota Hamaas ajajaa fi to'annoo jala socho'an naannoolee duraan akka mana barumsaa al-Karamaa fi Shaban Tufaatti itti fayyadamaa turan rukutuu isaa beeksise.

Jiraattonni magaalaa Jabaliyaa kaaba Gaazaa, bakka waraanni kun Onkoloolessa irraa eegalee bobbaafame, humnoonni kunnen halkan tokkotti manneen jiran barbadeessan.

Adel, jiraataa magaalaa Jabaliyaa ganna 60ti, amma Gaazaatti buqqa'ee jira, "hanguma mariin kun dheerataa deemu Gaazaatti gaaga'ama fi duuti baay'achaa deema. Naannolee akka Jabaliyaa, Behit Hanoun, fi Lahiya dabalatee bakka hedduun dhumaati jala jiru" jedhe.

Dhaabbata Medecins San Frontieres (Hakimoota daangaa maleeyyii ) jedhamu Kamisa darbe ibsa baaseen haleellaan Israa'el mallattoo duguuggaa sanyii akka ta'e ifatti mul'achaa jira, sababiin isaas Filisxiimota humnaan buqqa'anii dawoo baqaa keessa jiran irratti boombii roobsa jedhe

Hogganaan garee gargaarsa kanaa Christopher Lockyer akka jedhanitti mallattoon duguuggaa sanyii fi gaaga'amn itti fufee jiru, ajjeechaa jumlaa, miidhaa fayyaa qaamaa fi sammuu hamaa, dirqiin buqqisuu fi haalli jireenyaa Falasxeemotaa boombii jala akka jiru kan hin haalamne ta'uu ibsaniiru.

"Lammiileen Falasxeem mana isaanii fi siree hospitaalaa irratti ajjeefamaniiru... Namoonni buqqa'anii fi ugguraman illee yoo xiqqaate wantoota bu'uuraa kan akka nyaataa, bishaan, qorichaa fi saamunaa illee argachuu hin danda'an," jedha Dhabbatichi