Feesbuukiin odeeffannoo warra Filisxeem akkamiin daangesse?

Feesbuukiin yeroo waraanni Israa'elii fi Gaazaatti jidduutti gaggeeffamaa tureetti miidiyaalee oduu Filisxeem dhaggeeffattoota saanii bira akka hin geenye haalaan daangeessuu qorannoon BBC ifoomse.
Xiinxala bal'aa daataa Feesbuukii akka mul'isutti, kutaaleen oduu Filisxeem keessatti argaman, Gaazaa fi Weest Baankii, keessatti Onkoloolessa bara 2023 irraa eegalee hirmaannaan hordoftootasaanii garmalee gadi bu'uu mirkaneessine.
BBC'n sanadoota miliqananii bahaniis ilaaleera. Sanadoonni kun akka agarsiisanitti, toora qabeenyumman isaa kan Meetaa ta'e Inistaagiraamiirratti yaada hordoftoonni miidiyaalee Filisxeem kennan Onkoloolessa bara 2023 booda daangeessuun dabaluu agarsiisa.
Dhaabbanni abbaan qabeenyaa Feesbuukii Meetaan, himannaan sagalee ta'e itti yaadamee addatti ukkaamsuu akeeku kamiyyuu ''guutumaan guutuutti soba'' jedha.
Erga waraanni Israa'el-Gaazaatti banamee gaazixeessitoota muraasa qofatu alaarra karaa qarqara qaama galaanaarraan Gaazaa seenuuf eeyyama argate. Gaazixeessitoonni seenanis waraana Israa'el qajeeelfama turan.
Namoonni Gaazaa keessaa sagalee dhagahuu barbaadaniif miidiyaan hawaasaa mudoo gama kanaan mul'ate guute.
Fuulli Feesbuukii miidiyaalee oduu kanneen akka TV Filisxeem, dhaabbata oduu Waafaa fi Oduu Falasxiin Al-Watan News, kanneen West Baankiin ala jiran, addunyaa maraaf madda odeeffannoo haaraa murteessaa ta'an.
BBC News Arabic odeeffannoo hirmaannaa hordoftootaa fuula Feesbuukii dhaabbilee oduu beekamoo Filisxeem keessa jiraatan 20 kan waggaa tokkoo walitti qabe.
Odeeffannoon walitt qabame kun bara haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 Israa'el irratti raawwatame dura jiruufi waggaa sana booda jiru of keessaa qaba.
Hirmaannaan safartuu ijoo akkaawuntii miidiyaa hawaasaa tokko dhiibbaa hangamii akka qabuufi namoonni meeqa qabiyyeesaa argaa akka jiran kan agarsiisudha. Wantoota akka baay'ina yaada kenname, deebii kennameefi qooda kenname of keessatti qabata.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroo waraanaa Gaazaatti hirmaannaan hordoftoota miidiyaa tarii ni dabala jedhamee eegama.
Haata'u malee, haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 bara 2023 raawwate hordofee hirmaannaan hordoftootaa %77 gadi bu'uu ragaan kun ni agarsiisa.
TV Filisxeem hordoftoota feesbuukii miliyoona 5.8 qaba. Gaazexeessitoonni kutaa oduu kanaa ragaan nuuf qoodanii akka agarsiisutti, lakkoofsi namoota waani isaan miidiyaa hawaasarratti maxxansan ilaalanii %60 gadi bu'e.
"Horddoftoota waliin hariiroon jiru guutummaatti daangeffame, maxxansi keenyas namoota bira gahuu dhaabe," jedha gaazexeessaan TV Filisxeem Taariq Ziyaad.
Waggaa darbe keessa gaazexeessitoonni Filisxeem qabiyyeen isaan toora interneetii irratti maxxansan ''otoo nuti hin beekiin'' dhaabbanni Meetaa uggure jedhanii yaadda'aa turan. Kan jechuun namoonni meeqa akka ilaalan daangeffame.
Kana qorachuuf ammoo fuula Feesbuukii dhaabbilee oduu Israa'el 20 kanneen akka Yediot Ahronot, Israa'el Hayom fi 'Channel 13' jedhaman qabiyyee waraanaan walqabatu maxxasaa turan garuu hirmaannaan hordoftoonnisaanii %37tti guddate.

Kanaan dura Filisxeemoonnii fi gareewwan mirga namoomaaf falman Meetaan sochii toora interneetirrati mul'atu karaa haqaan hin keessummeessine jechuun komataa turan.
Gabaasni walabaa bara 2021 bahe itti yaadamee osoo hin taane, ogeeyyii afaan Arabaa dubbatan dhabuurra madde jedhe.
Jechoonnii fi gaaleen maxxamfaman akka nama aarsu ykn jeequutti hiikamaa kan turan yoo ta'u, dhugaan jiu garuu jibbarraa kan maddan hin turre.
Fakkeenyaaf, gaaleen afaan Arabaatin "Alhamdulillah" jedhu, hiikni isaas "Galata Waaqayyoo" jedhu, yeroo maashiniin hiiku, ''Galata waaqayyoo, shororkeessitoonni Filisxeem bilisummaa isaaniif falmaa jiru" jedhamee hiikamaa ture.
Kunis tarii hirmaanna hordoftoota miidiyaalee Filisxeem yoo hir'iseef jechuun BBCn maddoota oduu beekamoo afaan Arabaatiin hojjjatan 30 kanneen bakka biraatti hundaa'an kan akka; Sky News Arabia fi Al-Jazeeraaf fuula Feesbuukiisaanii xiinxaleera. Kana madaluuf qorannoon gaggeeffameera
Hirmaaannaan hordotoota miidiyaalee kanaa giddu galeessaan %100tti dhiyaatuun dabale. Qorannoo keenyaaf Meetaan deebii kenneera.
"Tarkaanfiiwwan yeroof fudhatame fi imaammanni Onkoloolessa bara 2023 yeroof geeddarame kan akka iccitiitti qabannu hin jiru'' jedhe.
Mirga bilisummaan yaada ofii ibsachuu madaaluuf rakkachuu ibseera. Dhugaan jiru Hamaas imaammata Meetaa jalatti dhaabbata balaafamaa akka ta'ee fi imaammata Ameerikaan qoqqobame ta'uu ibseera.
Dhaabbanni teeknooloojii guddichi kun akka jedhutti, fuulota miidiyaalee waa'ee waraanaa qofa maxxansan irratti hirmaannaa hordoftootaa jijjirama qabaachu akka malu ibse.
"Dogoggora akka uumnu ni beekna, garuu sagalee qaama murtaa'ee itti yaadamera waanti jedhamu kamiyyuu soba," jedhan dubbi himaan dhaabbaticha himaniiru.

Sanada Inistaagiraamii miliqee bahe
BBC'n hojjetoota Meetaa duraanii fi ammaa shan dhiibbaa imaammanni dhaabbata isaanii fayyadamtoota dhuunfaa Filisxeemirratti fide jedhan gaafateera.
Isaan keessaa namni tokko maqaa isaa dhokfamu gaafachuun, jijjiirama algorizimii Inostagiraamirratti taasifame sanadoota wajjin qoodeera.
Sanadni kun maxxansa Inistaagiraamirratti qeeqa Filisxeemoonni kennaanirratti jabaachuu akeeka.
''Haleellaa Hamaas raawwatee torban tokko booda koodichi jijjiiramee, uummata Filisxeemirratti jabaate,'' jedhan.
Ergaawwan keessoo akka agarsiisanitti, injinariin tokko ajaja kana ilaalchisee yaadda'uu kaasuun, ''sirnichi maamiltoota miidyaa hawaasaa Filisxeemirratti loogii haaraa uumuu danda'a'' jedhee ture.
Meetaan tarkaanfii kana fudhachuu isaa mirkaneessee, garuu waan naannolee Filisxeem ala jiraniirraa ''qabiyyee jibbiinsaa waan dabaleef'' jedhee.
Jijjiiramni imaammataa waraanni Israa'el -Gaazaa yeroo jalqabu ture amma gara duraanitti deebifameera jedhe, garuu kun yoom akka ta'e hin ibsine.
Gaazexeessitoonni Filisxeem 137 erga lollli kun jalqabee Gaazaatti ajjeefamuun gabaafameera, muraasni isaanii garuu balaan kun jiraatus hojjachuu itti fufaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
"Odeeffannoon baay'een garmalee sukkanneessaa waan ta'aniif maxxanfamuu hin danda'u, fakkeenyaaf waraanni [Israa'el] yoo jumlaan nama ajjeeseni ni waraabna, viidiyoon sun hin qoodamu," jedha Omar el Qataa, gaazexeessitoota suura-sagalee kaaba Gaazaa keessa turuu filate.
"Garuu qormaanni hammAatus, balaanii fi uggura qabiyyee jiraatus," waa'ee Filisxeem qooduun itti fufuu qabna."












