Israa'el kufaatii Asaadiin booda Lafa Sooriyaa humnan qabatte bal'isuuf karoorfatte

Loltoota Israa'el

Madda suuraa, Getty Images

Mootummaan Israa'el karoora Gaarreen Goolaan bakka to'atee jiru keessatti qubsama babal'ifachuu raggaasiseera.

Ministirri muummee Israa'el Benjaamiin Netaanyaahuun sababii erga bulchiinsi Asaad kufee booda gareewwan finciltoota Sooriyaatiif ''addi haaraan'' karaa daangaa Sooriyaatiin waan banameef kunis sochii barbaachisaadha jedhan.

Netaaniyaahuun baay'ina ummata Gaarreen Golaan kan Israa'el bara 1967tti Waraana Guyyoota Jahaatiin qabattee fi seera addunyaa irratti akka seeraan alaatti ilaalamu dachaa lama guddisuu akka barbaadu dubbatan.

Humnoonni Israa'el guyyoota Asaad itti aangoorraa kaafameen booda gara naannoo ittisaa daangeefame (buffer zone) fi Goolaan Sooriyaa irraa adda baasutti kan ce'an yoo ta'u, Damaasqoo keessatti jijjiiramni to'annoo taasifamuunsaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu "diigeera" jechuudhas jedhan.

Israa'el Gaarreen Goolaan qabachuu babal'ifachuu barbaaddi

Sochii taasisaniin alattis ibsa Netaaniyaahuun Dilbata galgala taasisaniin, ''Israa'el Sooriyaa waliin walitti bu'uudhaaf fedhii omaatu hin qabdu'' jedhan.

'''Imaammata Israa'el Sooriyaa ilaallatuu, haaluma qabatamaa lafarra jiruun ni murteessina,'' jedhan.

Ammatti qubsamoota Israa'el 30 ol ta'an Gaarreen Golaan keessatti kan argaman yoo ta'u, tilmaamaanis namoota 20,000 ta'an keessa akka jiraatan ibsameera. Kunis seera idil-addunyaatiin akka seeraan alaatti kan ilaalamu yoo ta'u, Israa'el garuu ni falmiti.

Qubattoonni kunneenis lammiilee Sooriyaa irra caalaan isaanii Araboota Diruuz kan ta'aniif yeroo Israa'el naannicha to'atteetti warra hin baqatiin waliin wal faanaa jiraatu.

Netaaniyaahuun Israa'el ''daangicha to'achuu itti fufuudhaan'' akka misoomuufi tasgabbaa'u ni taasifti'' jedhan.

Haata'u malee, Ministirri Mummee duraanii Israa'el, Ehuud Olmart, biyyattii Gaareen Goolaan keessatti babal'ifachuuf ''sababii omaatuu natti hin mul'atu'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Ministirri Mummee Israa'el, wal dhabdeen Sooriyaa waliin akka babal'atuuf fedhii omaatuu hin qabnu. Akka finciltoota haaraa amma Sooriyaa to'atan waliin wal hin lollee abdanna. Kanaaf, maaliif faallaa kanaa hojjannarree?'' jechuun Saganta BBC World Service'tti dubbatan.

Itti dabalunis, ''rakkoolee gahaa irratti hojjachuu qabnu gahaa qabna,'' jedhan.

Labsiin Netaaniyaahuun kunis kan dhufe, hogganaan haaraan Sooriyaa buulchuaa jiru, Ahmad al-Sharaa haleellaa Israa'el bakka waraana biyyattii itti fufiinsa haleelte irratti jeequumsa erga kaasaanii guyyaa tokkoo booda ture. Israa'elis dhaabbilee waraanaa irratti xiyyeeffachuutu gabaafame.

Dhaabbanni Hordofaa Mirga Namoomaa Sooriyaa UK keessatti buufate (SOHR)n, kanneen Sambata galgala raawwataman 75 dabalatee, Mudde 8 irraa eegalee haleellaa qilleensaa Israa'el Sooriyaa keessatti raawwate 450 ol galmeessee ibse.

Al-Shaaraan kan Abu Mohaammad al-Joolaanii jedhamuun beekamu ammo, ''haleellichi sarara diimaa kan qaxxaamureedha'' jechuun, Sooriyaan biyya ollaa kamuu waliin walitti bu'uu kan hin barbaaddee ta'u himan illeen, haleellaan Israa'el kun ammoo nannawa sana keessatti muddama cimsa jedhan.

Al- Shaaraan tibba wal waraanaaatti dubbii TV Sooriyaa kan akka deeggaraa mormitootaatti ilaalamurratti taasisaniin, ''haalli biyyattii waraanaan dadhabe, walitti bu'iinsaa fi lola waggootaan boda, wal dhabdee gara biraatiif hin hayyamu'' jechuu Rooyitarsi gabaaseera.

Waraanni Israa'el garuu yaada kanarratti ibsa omaatu hin kenniine, garuu duraan haleellichi meeshaaleen waraanaa akka harka ''finxaaleeyyii hin seenee' barbaachisaadha jedhee ture.

Abu Mohaammad

Gareen Islaamummaa al-Sharaa Hayat Tahrir al-Sham (HTS) gareewwan finciltootaa biroo hoogganuun haleellaa saffisaa Damaasqoo irratti yeroo raawwatan pirezidaanti Bashar al-Asad fi maatiin isaanii gara Raashiyaa baqatanii koolu galan.

Gareen kunneen mootummaa ce'umsaa Al-Sharaan hoganamu Sooriyaa keessatti ijaaruu itti fufaniiru

Sanbata darbe Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antonii Bilinken akka jedhanitti, Waashingitan HTS kan Ameerikaa fi mootummoonni biyyoota dhihaa biroo ammallee garee shororkeessaa jedhanii waaman waliin kallattiin wal qunnamtii akka qabdu himaniiru.

Ergamaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Sooriyaa Geyir Pedersen Dilbata kaleessaa akka jedhanitti, qoqqobbii biyyattii irra kaa'ame saffisaan dhaabbachuu fi dinagdeen biyyattii akka dandamatu haala mijeessuuf kan gargaaru ta'uu abdii qaban ibsan

Pedersen mootummaa yeroo Sooriyaa fi qondaaltota biroo waliin wal arguuf Damaasqoo yeroo gahan, "Sooriyaan deebitee akk of ijaartu gochuuf qoqqobbiin dafee akka irraa kaafamu abdii qabna," jedhan.

Kana malees Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Turkii Yasar Guler Ankaaraan mootummaa haaraa Sooriyaaf deeggarsa waraanaa taasisuuf qophii ta'uu ibsaniiru.

"Bulchiinsi haaraan kun maal akka hojjetu ilaaluun barbaachisaadha. Carraa isaaniif kennuun barbaachisaa ta'a jennee yaadna," jechuun Guler waa'ee HTS akka dubbatan dhaabbati oduu mootummaa Anadolu fi miidiyaaleen Turkii biroo kan gabaasan.