Qubatoonni Israa'el Weest Baank jiran Tiraamp pirezidaantii ta'uutti maaf gammadu?

Madda suuraa, EPA
Weest Baank bakka bulchiinsa Filisxeem jala jiru yoo ta'u qubattoonni Israa'el kuma dhibbaan lakkaa'aman humnaan lafa qabachuun iddoo qubataa jiraniidha.
"Tel Aviiv caalaa bakka kanatu heddu naaf mijata," jetti Sondiraa Baaraas Weest Baank bakka Kaarne Shamroon jedhamu waggaa 40 jiraachuu kan himtu.
Bakki isheen qubatte kun lafa Filisxeem osoo hin taane waggoota kuma heddu dura Yihudoonni akka irra turan jettee falmiti.
"Ristii sanyiin keenya waggoota kuma heddu dura irra jiraataa turan irran jiraataa jira. Lafa humnaan qabame keessa miti kanin jiraataa jiru, lafa Macaafa Qulqulluu keesatti Yihudaafi Samaariyaa jedhamee ibsame sana keessan jiraataa jira," jetti.
Qubattoota Israa'el heddu Weest Baank keessa humnaan qubatanii jiran biratti daangaan Israa'elifi lafti isheen bara 1967tti Waraana Guyyaa Jahaatin (The Six Day War) qabatte gidduu garaa garummaan homtuu hin jiru.
Weest Baank kan Filisxeemotaa osoo hin taane akka kan Israa'el taatetti of amansiisaniiru.
Namoonni turistoota garas geessun daawwachiisanis Weest Baank akka naannoo Israa'e tokkootti ibsu. Magaala Filisxeemotaa Nabulas jedhamtu ammoo akka bakka Waaqayyo Yihudootaf kennuuf waadaa galeef jechuun ibsu.
Haa ta'u garuu Israa'el Weest Baank ifatti qaama Israa'el gootee labsuu dhiisun qubattoota akka Sondraatif mataa dhukkubbiidha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Israa'el qubsuma seeran alaa Weest Baankitti taasistu akka dhaabdu UN irra deddeebin akeekkachiisus ammayyuu qubattoonni Israa'el Filisxeemotarraa lafa humnaan fudhachuun mandara qubsamaa ijaaruu itti fufanii jiru.
Doonald Tiraamp pirezidaantii US ta'ee filamuusaa qubattoonni kun akka carraa guddaatti ilaalaa jiru.
"Tiraam mo'uusaatti baay'en gammachuu qaba. Yihudaafi Samaariyaa keessatti birmadummaa itti fufsiisun barbaada. Kanammoo Tiraamp ni deeggara jedheen yaada," jetti Soondiraan.
Tiraamp nama qubsuma Israa'el Weest Baankitti taasistu deeggaru Israa'elitti ambaasaaddara US godhee muudunsaa kanuma waan mirkaneessu fakkaata.
Tiraamp filannoo US akkuma mo'ateen Maayik Hakaambee Israa'elitti ambaasaaddara gochuun muuduu beeksise.
Maayik Hakaambee ijaarsa qubsumaa qubattoonni Israa'el Weest Baankitti taasisan nama ifatti deeggaruudha. Kuni ammoo lafa babal'ifannaa qubattoonni Israa'el Filisxeemota irratti raawwatan cimsanii itti fufuuf abdii itti horee jira.
Yizraa'el Gaantiz gaggeessaa kaawunsilii qubsuma naannoo bakka qubsumaa Kaarnee Shomron kan to'atuudha. Sababa Hamaasa Onkoloolessa, 2023 Israa'el irratti lola baneef Tiraamp irraa dhiibban qubsuma Israa'el taasisturratti akka hin jiraanne wantoonni akeekan akka jiran hima.
"As Israa'el keessattis ta'ee US keessatti birmadummaa keenya asitti [Weest Baank] keessatti akka hojiirra oolchuu qabnu ni hubatu. Adeemsa qaba, bori milkaa'a jechuu hin danda'u. Garuu akka yaada kiyyatti abjuu biyya lamaa [two state solution] inni jedhu du'eera," jedha.
Gadaasaanii xumuraa kan jiran Joo Baayidan rakkoon Israa'elifi Filisxeemotaa lamaansaanituu biyya walabaa ta'anii karaa nagaan akka furamu deeggaraa turan. Tiraamp yaada Baayidaniin adda ta'e akka qabu hima Yizraa'el Gaantiz.

Madda suuraa, Reuters
Haa ta'u malee Israa'el Weest Baank akka of jala galchitu ni deeggara yoo ta'e michoota US kanneen akka Saawudi Arabiyaa fa'aa dhabuu qofa osoo hin taane fudhatamummaa US naannichatti qabdu rakkoo wal-xaxaa keessa seensisuu danda'a.
Akkasumas miseensota Rippaabilikaanii waa'ee qubsuma Israa'elotaa yaaddoo qabaniifi waa'ee fuulduree Weest Baank Israa'el jalatti maal ta'uu mala jedhu yaaddoo qaban moggaatti dhiibuu ta'a.
Weest Baankitti dursituu qubattoota Israa'el kan taate Sondiraa Baaras, Filisxeemonni Weest Baank Israa'el jalatti hin bullu jedhan "bakka barbaadan dhaquu danda'u" jetti.
Lammiilen Filisxeem maalif qe'ee isaanii keessaa baafamu? jedhamtee yoo gaafatamtu: "Ani humnaan isaan hin baasu, garuummoo haalonni ni jijjiiramu. Waraana meeqa ofiidhumasaanitii eegalanii mo'aman?"
"Birmadummaan akka mirkanaa'u yoo itti fufnee hojjanne, waciifi iyyi baay'een inuma dhaga'ama. Garuu bakka ta'e tokkotti dhugaa hin jijjiiramne uuma," jetti.
Ji'a Sadaasaa keessa Tiraamp akkuma filannoo US mo'atee, ministiirri maallaqaa Israa'el Bezaaleel Ismootirich qubsumawwan Israa'el Weest Baank keessa jiran Israa'elitti akka dabalamaniif ifatti waamicha dhiyeessee ture.
"Barri 2025 Yihudaafi Samaariyaa [Weest Baank] keessatti bara birmadummaan itti labsamu ta'uu qaba," jechuun dubbatee ture.

Madda suuraa, EPA
Tiraamp barcuma Waayit gaafa qabatu Israa'el Weest Baank ifatti akka of-jala galchitu deeggarus dhiisus, Israa'el qubsuma gaggeessaa jirtuun durumaanuu of jala galchuun agarsiitudha jedhanii amanu lammiilen Filisxeem hedduun.
Mohaa'ib Salaameh jiraataa lammii Filisxeem Weest Baank keessa jiraatudha. Manni maatiisaa magaala Naabulas qarqara jiru diigamee jira. Manni murtii Israa'el seeran ala jechuuni akka diigamu kan ajaje.
Akkaataa Waliigaltee Oslootti Israa'el dhimma nageenyafi karoraa ilaalchisee Weest Baank 60% irratti to'annoo qabdi.
Qubattoonnishee Weest Baankitti yeroo mandara ijaaranii qubsama babal'isan hin dhorkitu; manneen Filisxeemotaaf ammoo hayyama hin kennitu.

"Kuni hundi tarsiimoo ittiin nu buqqisaniidha" jedha Mohaa'ib. Kan manni murtii akka mannisaanii diigamu itti muruun alatti, qubattoonni Israa'el humnaan kan qe'eesaanirraa buqqa'an heddudha.
Sarbama mirga namoomaa qubattoonni Israa'el Weest Baankitti Filisxeemota irraan gahan sababa godhachuun biyyoonni akka USfi UK fa'aa qubattoota kanarra qoqqoobii kaa'anis qubsuma babal'isuufi Filisxeemota qe'eesaanirraa buqqisuu ammayyuu hin dhaabne.

Madda suuraa, B’Tselem
Waggoota muraasa darban keessatti mandaroonni Filisxeem 20 ol ta'an qubattoota Israa'eliin buqqa'uusaanii aktivistoonni ni himu.
Qubsumni kun ammoo Weest Baank bakkeewwan to'annoo sivilii Israa'el jala jiran qofa osoo hin taane bakkeewwan biroottis humnaan babal'ataa jira.
Jirataa Weest Baank kan ta'e Mohaa'ib akka jedhutti kanaan dura pirezidaantin US kamuu Filisxeemota tiksanii akka hin beekne kaasun Tiraamp irraayis homaa abdii akka hin qabne kaasa.
Doonald Tiraamp Israa'elif michuu cimaadha jedhama. Garuummoo Tiraamp nama waraanafi walitti bu'iinsa hin deeggarreedha.












