Baayidan meeshaa waraanaa doolaara biil. 8 baasu Israa'elitti gurguruuf

Pirezidant Joo Baayiden

Madda suuraa, EPA

Ministeerri Hajaa Alaa Ameerikaa biyyattiin karoora meeshaa waraanaa biiliyoona saddeetii Israa'elitti gurguruu akka qabduu Kongireesiitti beeksisuu qondaalli Ameerikaa tokko BBCtti himan.

Meeshaan waraanaa misaayelii,boombiifi kaan Israa'elitti ergamuuf jiru kuni koree mana mareefi seneetiidhan raggaasifamuun irra jiraata.

Tarkaanfii Baayidan waajira gadhiisuuf yeroo torbeen lama isaan hafu dhagahame.

Gaazaa keessatti sababa namoota nagaa ajjeefamaniif jecha Israa'eliin meeshaa waraanaan deeggaruu akka dhaabdu waamicha taasifamu Waashingitan hin fudhanne.

Hagayya darbe Ameerikaan gurgurtaa jeettii loltuu doolaara biiliyoona 20 fi meeshaalee waraanaa biroo Israa'elitti gurguruuf mirkana kenniteetti.

Gurgurataan meeshaalee waraanaa miilanaa misaayeloota qilleensarraa haleelaniifi kaan dabalata jedhan qondaallii Ameerikaa BBCtti dubbatan.

Qondaalli gurgurataa kana dhihootti hordofan, ''pireezidantichi seera namoomaa fi idil-addunyaa otoo hin cabsiin Israa'el mirga lammiilee ofii eeguu qabdi kana malees weerara Iraaniifi biyyoota kaanirraa dhufuu malu ofirraa ittisuu akka qabdu ifatti dubbataniiru,'' jedhan.

''Humna Israa'eliif eeguuf barbaachisu hunda kennuu keenya itti fufna.''

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Baayidan deeggarsa Ameerikaan Israa'elii qabdu waan hin cabne akka tahetti ibsu.

Ameerikaan Israa'eliif meeshaa waraanaa dhiyeessuun biyya jalqabarra jirtu yoo tahu kanaanis biyyattiin waraana teeknoloojii ammayyaa wal-xaxaa addunyaa kanaa qabdi.

Dhaabbaii Qorannoo Nagaa Siwiidiin agarsiisutti meeshaa waraanaa bara 2019 hanga 2023 Israa'el biyyatti galchite keessaa harki 69 Ameerikaatu erge.

Caamsaa bara 2024 Israa'el magalaa Gaazaa ijoo Raafaa keessatti haleellaa lafoo jalqabuufi jedhamnaan Ameerikaan meeshaa waraanaa erguu addaan kuttee turte.

Haa tahu malee, Baayidan battalumaan warra Rippaablikaanaa irraa mormiin isaan mudate dabalauunis Netaaniyaahuu ''dhorkaa meeshaa waraanaa'' ittiin jedhan. Sanaan booda Baayidan dhorkaa kaa'ame hanga murtaa'e kaasuun ergasii irra deebiin dhorkaa hin keenye.

Baayidan legaasiin isaanii akka hin badneef yaalii taasifamuun tarkaanfiiwwan Baayidan waajira gadhiisuun dura fudhachaaa jirani dha.

Kana malees Amajji 20, 2025 Waayit Haawus gadhiisuun dura gurgurataa meeshaa waraanaa isa dhumaati.

Pireezidantiin filatamaa Donaald Tiraamp waraana biyyoota alaa akka dhaabuufi hirmaannaa Ameerikaa akka hir'isuu yeroo duula na filadhaa geggeessaa turtettillee himaa ture.

Tiraamp deeggaraa Israa'el amanamaa akka tahe himus tahus Israa'eliin oppireeshinii Gaazaa keessatti geggeessitu akka xumurtu itti himeera.

Israa'el Hamaas balleessuudhaaf duula kan bante yoo tahu kunis deebii haleellaa Hamaas Onkololeessa 7,2023 kibba Israa'elitti raawwachuun booda dha. Kanaanis namoonni 1,200 yoo ajjeefaman kanneen 251 tahan ammoo butamaniiru.

Ergasii Gaazaa keessatti namoonni 45,580 ajjeefamuu ministeerri fayyaa Hamaasiin hogganamu ibseera.