Israa'el Yaman haleeltus Huutiin haleellaa akka itti fufu ibse

Deeggartoonni Huutii mormii magaalaa Sana'aatti Israa'el fi US irratti gaggeeffamerratti hirmaataniiru

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Deeggartoonni Huutii mormii magaalaa Sana'aatti Israa'el fi US irratti gaggeeffamerratti hirmaataniiru

Qondaalli siyaasaa Huutii tokko Israa'el irratti haleellaa gaggeessan itti fufuun Filisxeem bira dhaabbachuu isaanii ammas akka mirkaneessan ibsan.

Qondaalli kunis wayita tibbana Israa'el qilleensarraan Yaman haleeltetti kan kana dubbatan.

Mohammad al-Bukayitii ''Israa'el irratti qiyyaafachuun haleellaa keenya itti fufna,'' jechuun ejjennoo Huutii BBC'tti himan.

Hanga Israa'el duguuggaa sanyii Gaazaa keessatti raawwachaa jirtu dhaabdutti gareensaanii haleellaa akka itti fufu himan qondaalli Huutii kun.

Israa'el Kamisa darbe buufata xiyyaaraa Yaman kan magaalaa Sana'aatti argamu haleeluun yoo xiqqaate namoota afur ajjeeste, kaan madeessite.

Haleellaan Israa'el buufataalee handaara galaanaa fi buufataalee humna ibsaa qarqara Galaana Diimaa irrattis kan qiyyaafate ture.

Ministirri Muummee Israa'el Beenjamiin Neetaniyaahuu humna Iraaniin deeggaramuu fi waggootaa oliif misaa'elaa fi dirooniin Israa'e'el haleelaa ba'e kanarratti tarkaanfiin ni eegalame malee ammallee ganaadha jechuun dhaadatan.

Huutiin halkan keessa misaa'eloota baalistikii Israa'el irratti dhukaaseera, waraanni Israa'el misaa'eloonni kunneen osoo daangaasaa hin seenin qilleensarratti fashalaa'uu ibse.

Hoogganaa olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii dhibdee bifa haaraan hammaataa jiru kanaan yaaddoo qabu ibseera.

Kaaba Lixa Yaman keessa socho'uun kan beekamu gareen Huutii haleellaa Israa'el irratti kan eegale erga Hamaas Onkoloolessa 2023 daangaa Israa'el seenuun haleellaa tasaa raawwateeti.

Israa'el kana haaloo ba'uuf erga Adoolessa darbeetii as yeroo afur Huutii haleelteetti.

Humni waraanaa Israa'el hanga ammaatti misaa'eloonni fi dirooniiwwan 400 ta'an Yaman irraa gara daangaasaaniitti dhukaafamuu fi hedduunsaanii qilleensarratti rukutamuun fashalaa'uu ibsaniiru.

UK fi Ameerikaanis haleellaa Huutiin dooniiwwan daldalaa Galaana Diimaa fi Galoo Galaanaa Edan qaxxaamuran irratti raawwatuuf deebii kennuuf jecha Israa'el cinaa goruun Yaman keessatti raawwachaa ba'an.

Wayita Israa'el buufata xiyyaaraa fi madda anniisaa Yaman haleeltu
Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa Israa'el buufata xiyyaaraa fi buufataalee anniisaa Yaman irratti raawwatte
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qondaalli damee siyaasaa Huutii Mohammad al-Bukayitii lammiileen Yaman yeroo ammaa ''kallattiidhaan US, UK fi Israa'el dura dhaabbachuuf qophiidha,'' jechuun Jimaata kaleessaa BBCtti dubbatan.

Waraana biyyattii erga eegalee waggaa kurna tokko lakkoofsiseef biyyoonni lixaa kunneen Sa'uudiitti fayyadamuun lolaa turan. Qondaalli kun meeshaa warra lixaa jechuun Sa'uudii waaman.

Erga Huutiin bara 2015 magaalaa guddoo Yaman kan taate Sana'aa to'attee booda waraanni qindaa'aan Sa'uudiidhaan durfamu karoora warri lixaa baasaniin Yaman keessatti eegalame, ammallee hin dhaabbanne.

Qondaalli Huutii kun waraana kanaan Sa'uudii erga bakkatti galchanii booda gara UK, US fi Israa'el ofirraa loluutti akka deeman dubbatan.

''Gaazaa deeggaruun oppireeshinii waraanaa gaggeessuu ittuma fufna. Hanga yakki duguuggaa sanyii Gaazaa keessatti dhaabbatutti nutis haleellaa hin dhaabnu. Haleellaa Israa'el irratti gaggeessinu cimsinee itti fufna,'' jedhan.

Israa'el loltoonni ishee Gaazaa keessatti lammiilee Filisxeem irratti yakka duguuggaa sanyii raawwachaa jiraachuu cimsitee haalti.

Huutiin deeggarsa Iraan irraa akka hin barbaanne Bukaayitiin dubbatan. Deeggarsa Iraaniin kan socho'an Hamaas fi Hezboollaan ji'oota 14 darban keessatti guddoo barbadaa'an.

''Nuti humna ga'aa qabna. Humna waraanaa, diinagdee fi deeggarsa uummataa ga'aa qabna. Kana qabannee waraanatti bobba'uu dandeenya. Deeggarsa qaama biraa malee,'' jedhan qondaalli Huutii kun.

Ministirri Muummee Israa'el Beenjamiin Neetaniyaahuu Kamisa darbe dhimma haleellaa Yaman irratti wayita dubbatan, ''dhaabbata shororkeessaa Huutii irratti xiyyeeffanne,'' jedhan.

Kunis haleellaa garee kanaa haaloo ba'uuf akka ta'e ibsan.

''Garee shororkeessaa kana Iraan irraa kutuuf kutannoon hojjenna. Hanga kana milkeessinutti hojii keenya itti fufna,'' jedhan qondaalli Israa'el kun.