Huutiin doonii waraanaa US haleele

Jeettii waraanaa US yeroo hidhattoota Huutii haleeluuf ka’u

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Jeettii waraanaa US yeroo hidhattoota Huutii haleeluuf ka’u

Haleellaa misaa’elaa hidhattooti Huutii dooniiwwan waraanaa US irratti raawwatan qolachuu ministeerri ittisaa US (Pentaagon) beeksise.

Hidhattooti Huutii yoo xiqqaate diroonii saddeet, misaa’elota baalistikii farra-doonii shaniifi misaa’elii kiruuzii farra-doonii sadii dooniiwwan waraanaa Ameerikaatti dhukaasaniiru.

Haleellaa hidhattoota kanaan miidhaan namarras ta’e meeshaarra dhaqqabe hin jiru jedhaniiru pirees sekiretariin Pentaagon Meejar Janaraal Paat Raayidar.

Haleellaan Huutii kan dhagahame erga Ajajaan Giddugalaa US buufatawwan kuusaa meeshaalee waraanaa hidhattoota Huutii Yaman argamu qilleensarra haleele boodadha.

Miidiyaan hidhattoota Yaman Al-Masiraah TV jedhamu akka ibsetti, haleellaan hidhattoota Huutii dooniiwwan waraanaa US lamaafi kan biraa yokko Galaana Arabaa jirurratti xiyyeeffate.

Dubbii Himaan hidhattoota Huutii, Yaahiyaa al-Sareyaa, ibsa X gubbaa katabaniin hidhattooti doonii US xiyyaara baatuufi Abirahaam Liinkaniin mogga’e ‘’milkaa’inaan’’ haleeluu himan.

Dubbii Himaan Pentaagon garuu doonii Abirahaam Liinkan irratti haleellaan gahuu isaa ‘’odeeffannoo akka hin qabne’’ dubbatan.

‘’Haleellaa seeraan alaafi maal na dhibdeedhaan raawwatanif gatiin kanfalan akka jiru Huutiif ifa gochuu itti fufna,’’ jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hidhattoonni Huutii Yaman keessaa buufatan gartuuwwan Baha Giddugalaatti Iraaniin deeggaramanidha. Iraan Hezbollaa fi Hamaasis ni deeggarti.

Erga Gaazaa keessatti waraanni eegalee jalqabee hidhattooti Huutii dooniiwwan daldalaa Galaana Diimaarra imalanirratti haleellaa raawwataa turan.

Hanga yoonaa dooniiwwan lama yoo dhidhimsan, sadaffaa immoo qabachuun hojjettoota doonichaa ajjeesaniiru.

Gaazaa keessa waraana adeemaa jiruun walqabatee Filisxeemota bira dhaabbachuuf kana akka godhan himan.

Yeroo baay’ee dooniiwwan Israa’el, US yookiin UK’tti hidhata qaban qofarratti akka xiyyeefatan himu. Garuu kuni dhugaa miti.

Waggaa darbe biyyoonni Lixaa walumaagala 14 ta’an toora daldalaa Galaana Diimaa eeguuf oppireeshinii gaggeessanii turan.

Onkololeessa keessa waraanni US bakkeewwan Huutii 15’tti haleellaa raawwachuu ibseera.

Ameerikaan kana dura humna dooniiwwan irratti qiyyaafachuu hidhattoota Huutii laaffisuuf tarkaanfii kana akka fudhattu ibsitee turte.