Kaalifoorniyaatti xiyyaarri gamootti bu'uun lubbuun namootaa darbe

Ameerikaa, kibba Kaalifoorniyaatti xiyyaarri gamoo daldalaa tokkotti bu'uun balaa mudateen namoonni lama du'an, 18 miidhaman jedhan qondaalonni.

Guduunfaa

  • Xiyyaarri gamootti bu'uun lubbuun namootaa darbe
  • Konkolaataan boba'a fe'ee hoteela Tiraamp biratti dho'e
  • Namichi US'tti konkolaataan namoota 10 ajjeese eenyu?
  • Zimbaabween adabbii du'aa haqxe
  • Yukureen ujummoo boba'aa Raashiyaa cufuuf dhaadatte
  • Pirezidantiin duraanii US, Jiimii Kaartar, boqotan
  • Xiyyaara Kooriyaa namoota 179 galaafate waan beeknu
  • Wayita Israa'el Yaman haleeltu hoogganaan WHO achi turan
  • Tamsaasa kallattii kanaan duraa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Mootummaan Sooriyaa haaraan karikulamii barnootaa jijjiruusaansaa yaaddoo kaase

    Manni barnootaa eegaluun dura Dilbata mormiif bahuuf waamichi taasifameera

    Madda suuraa, Reuters

    Sooriyaa keessatti aangawoonni haaraan Islaamummaan durfaman osoo hawaasa garaa garaa irraa yaada hin dhagahin, kaarikulamii barnootaa irratti jijjirama gochuuf murteessuun isaanii yaaddoo cimsaa jira.

    Fuulli Feesbuukii ministeera barnootaa mootummaa ce’umsaa, kaarikulamii haaraa barattoota umurii hundaatiif qophaa’e maxxanseera. Innis irra caalaatti Islaamummaa kan kan hammatu yoo ta’u, gosoota barnootaa hunda keessaa ammoo kan waa’ee bara Asaad eeruun kamiyyuu ni haqa.

    Jechi "Saba ittisuu" jedhu kanneen jijjiiraman keessaa tokko yoo ta'u "Rabbiin ittisuu" kan jedhuun bakka bu'eera.

    Ministirri Barnootaa, Naazir al-Qaadri, tarkaanfii kana xiqqeessuudhaan, kaarikulamiin bu’uuraan kan hin jijjiiramne yoo ta’u, hanga koreewwan addaa gamaaggamuudhaan fooyyessuuf hundeeffamanitti akkasuma ta’a jedhan.

    Waaqolii dur Sooriyaa keessatti waaqeffatamaa turan, akkasumas fakkiin siidaa isaaniis ni haqamuu jedhameera.

    Barbaachisummaan gootittii guddittii Sooriyaa Giiftiin Zeenoobiyaa, kan bara ta'eetti jaarraa Roomaa keessa Paalmaayiraa bulchaa turte, gadi xiqqeefamuun fakkeeffamteetti.

    Barri Asaad, walaloowwan Bashaar al-Asaad fi abbaasaa Haafeez dabalatee, gutummaan kaarikulamii, korsiiwwan Afaan Araabaa keessaa baafamaniiru.

  2. Israa'el hoggannaa hospitaala Gaazaa Abbuu Saafiyaa to'achuu mirkanneessite

    Daarektarri hospitaalichaa kun Jimaata darbe sakatta'iinsa Israa'el raawwateen to'atame

    Madda suuraa, Reuters

    Israa’el daareektarri hospitaala Gaazaa Dr Husaam Abbu Saafiyaa, kan kanaan dura dhaabbata mit-mootummaa biyya keessaa tokkotti dhimmasaanii akka hin beekne erga himtee booda, dhimmi nagummaasaa yaaddoo kaasee ture, amma harkaa qabachu mirkanneessite.

    Ibsa Raayyaa Ittisa Israa'el (IDF) ''Abbu Saafiyaan ammaan tana humnoota nageenyaa Israa'eliin qaamaan qoratamaa jiran'' jedhe.

    Ibsichi burjaajii kanaan duraatiif ibsa osoo hin kennine, garuu ''shororkeessaa'' ta'uu fi hidhattoota Gaazaa keessatti Israa'el waliin wal waraana irra jiran, Hamas keessatti ''sadarkaa qaba'' jedhamuun shakkamuu isaa irra deebi'ee ibseera.

    Dr Abbuu Saafiyaan yeroo waraanni Israa'el dhukkubsattootaa fi hojjattoota wallaansa fayyaa akka kaaba Gaazaatti hospitaala Kaamaal Adwaan keessaa bahaniif dirqiisaniitti ture kan to'annoo jala oolfame.

    Hospitaalichi ''bakka Hamaas shororkeessaan'' keessa buufateedha jedhee himata waraanni Israa'el.

    IDF Kamisa darbe Hakiimota Mirga Namoomaa Israa'el (PHRI)n, ''nama dhuunfaa gaaffii keessa jiru kana hidhamuu ykn to'atamuusaa wanti agarsiisu hin jiru'' jedhee ture.

    PHRIn ammoo gaafa Kamisa darbe Mana Murtii Ol’aanaa Israa’elitti iyyata dhiheessuun, bakki Dr Abbuu Saafiyaa jiru akka ifa ta’u gaafate. Manni murtichaa IDF akka ajajamuuf torban tokko akka kenne ibseera.

    Gama biraatiin ammoo, itti gaafatamtuun dhaabbata Amanasitii, Aginas Kaalamaard akka jedhanitti, aanga'oonni Israa'el ''bakka inni jiru hatattamaan ibsuu qabu'' jedhan.

    Isheenis Israa'el ''hojjattoota eegumsa fayyaa Filisxeemoota dhibbaan laakkaa'aman himannaa ykn ajaja mana murtii malee Gaazaa keessaa'' hitee jirti.

    Israa'el ''hojjetoota eegumsa fayyaa Filisxeemoota dhibbaan lakkaa'aman Gaazaa irraa himannaa fi ajaja mana murtii malee to'annoo jala oolchuudhaan, dararaa fi haala hamaa biroo irraan ga'aa fi hidhaa wal hin mallee keessatti hidhamaa jirti'' jetteetti.

    Israa'el ammoo namoota to'annoo jala jiran haala hamaadhaan hin qabne jechuun haalti.

  3. Yaaliin Pirezidantii Kooriyaa Kibbaa hidhuuf taasifame fashale

    Deeggartoonni pirezidantichaa hiriira bahanii turan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Deeggartoonni pirezidantichaa hiriira bahanii turan

    Poolisiin Kooriyaa Kibbaa pirezidantii biyyattii aangoorraa kaafaman hidhuuf yaaliin sa’aatii jahaf taasise osoo hin milkaa’in hafe.

    Kunis, eegdota pirezidantichaa waliin muddamni waan cimeefi.

    Yoon Suk Yewol aangoo isaanii sirnaan ala fayyadaman akkasumas mootummaarratti fincila kaasuf yaalan jedhamuun qoratamaa jiru.

    Sochiin isaan labsii muddamaa labsuuf taasisan yeroo gabaabaafis turu rakkoo siyaasaa uumeera.

    Eegasii booda ture paarlaamaan biyyattii aangoorraa buqqisee waajjirarraa kan isaan dhorke.

    Erga si’a sadii mana murtii akka dhihaatan gaafatamanii didan booda Manni murtii See’ul keessatti argamu akka isaan hidhaman ajajeera.

    Ta’us, milkaa’uu hin dandeenye.

  4. Xiyyaarri gamootti bu'uun lubbuun namootaa darbe

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Wayita xiyyaarri gamootti bu'u viidiyoodhaan

    Ameerikaa, kibba Kaalifoorniyaatti xiyyaarri gamoo daldalaa tokkotti bu'uun balaa mudateen namoonni lama du'an, 18 miidhaman jedhan qondaalonni.

    Poolisiin Kamisa kaleessaa waaree booda karaa toora X akka ibsetti namoonni 10 hospitaala geeffamaniiru.

    Saddeet bakkuma sanatti wal'aanamanii ba'an.

    Balaan kun akkamiin akka mudateerratti qondaalonni ammallee odeeffannoo bal'aa hin baasne.

    Namoonni balaa kanaan du'an lameen hojjettoota gamoo keessa turan yookiin imaltoota keessaa ta'uu adda hin baane.

    Poolisiin namoonni gamoowwan naannawa balaan kun itti mudate jiran keessaa akka ba'anii fi iddoo balaa kanaattis akka hin argamne akeekkachiiseera.

    Kaawuntii Oreenji bakka bu'uun miseensa Kongiresii kan ta'an Lowu Koreyaa kanneen miidhaman hedduun hojjettoota warshaa gamocha keessa tureeti jechuun X irratti barreessan.

    Gamoo xiyyaarri itti bu'e sana keessa warshaa manufaakchariingii meeshaalee mana keessaa hojjetutu jira.

    Suuraan taatee sana booda ba'e akka mul'isutti qaamni xiyyaaraa gar-tokkeen gamicha keessa seeneera.

    Sababa kanaan balaan abiddaa mudatee ture garee ittisa balaa abiddaan to'atame.

    Gamoo sana keessaa namoonni 100 ta'an baafamuu gaazexaan Kaawuntii Oreenji jedhamu gabaaseera.

    Ji'a lama keessatti balaan xiyyaaraa haala kanaan naannawa kanatti yeroo lama mudachuusaati jedha gabaasi CBS.

    Sadaasa 25 naannooma kanatti xiyyaarri gamootti bu'ee balaa uumee ture, garuu miidhaan hin gabaafamne.

    Gamoon xiyyaarri itti bu'e sun, bilookii kan amma balaan irratti mudatetti aanee jirutti argama.

  5. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo eegale.

    Oduuwwan biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Facebook, akkasumas Chaanaalii WhatsApp gubbaa nu argachuu dandeessu.

    Lafa nagaa oolaa!

  6. Daa'ima paarkii leenci jiru keessa guyyaa shaniif ture nagaan bahe

    Tinootendaa Puuduu

    Madda suuraa, Mutsa Murombedzi/Twitter

    Daa'imni ganna saddeetii paarkii kaaba Zimbaabwee leencaafi arbi keessa jiraatu keessatti guyyaa shan dabarsuun booda nagaan bahe jechuun himan miseensi paarlaamaa.

    Daa'imni Tinootendaa Puuduu jedhamu qarumatti otoo deemuu manasaarraa km23 fagaatee deemuun booda waan balaaf isa saaxilu Paarkii Maatuusaadoonaa keessa gale jedhan miseensi paarlaamaa Muroombeedzii ergaa miidiyaa hawaasaa X irratti barreessaniin.

    Daa'imni kuni guyyaa shaniif ''dhakaa irra rafaa otoo leenci naannoosaatti barooduu, arbi bira otoo taruu, firii mukaa nyaataa dabarse,'' jedhan.

    Paarkiin kuni leenca 40 tahu kan qabu yoo tahu, kanaan dura Afrikaa keessatti lakkoofsa leencaa isa guddaa qaba ture jedha dhaabbanni miti-mootummaa bineensotaa irratti hojjetu Afrikaan Paarkis.

    Daa'imni kuni beekumsa bosonaa qabuufi, dandeettii lubbuun turuuf taasifamu fayyadame jedhan Muroombeedzii

    Daa'imni Tinootendaa jedhamu kuni haala rakkisaafi saaxilamaa tahe keessatti ija mukaa nyaachuun dabarse. Bishaan ammoo lafa qoteetu baafate; dandeettiin kunis naannoo hongeen baay'atutti barsiifama.

    Miseensonni hawaasaa Nyaaminyaamii daboon barbaachasaatti bahan, dibbee rukutaa kallattii akka argatuuf yaalaa turan.

    Boodarra garuu eegduun paarkichaa isa aragchuu danda'eera.

  7. Namoota haleellaa Israa’el Gaazaatti raawwateen ajjeeffaman 11 keessaa hogganaan poolisii Hamaas tokko

    Haleellaan Israa'el dursaa poolisii Hamaas ajjeessse

    Madda suuraa, EPA

    Haleellaan Israa’el kibba Gaazaatti kaampii dunkaana maatii buqqaattota irratti raawwatte, hogganaa humna poolisii naannoo sanaa kan Hamaasiin geggeeffamu dabalatee yoo xiqqaate lammiilee Filsixeem 11 ajjeesuu maddeen fayyaa himan.

    Magaalaa Kaan Yuunis irraa gara lixaatti kan argamtu al-Mawasi keessatti namoota du’an keessaa daa’imman sadii fi dubartoonni lamas akka jiran himameera.

    Ministeerri biyya keessaa Hamaasiin geggeeffamu ''ajjeechaa'' daayreektarri olaanaa poolisii Mahmuud Saalaa fi gargaaraa isaanii Husaam Shaahwan ''dirqama namoomaa fi biyya isaaniitiif raawwachaa turan'' jedhe balaaleffatan.

    Warranni Israa'el gabaasa kana akka qoratu hime. Waraanni kun lafti cirrachaa qarqara galaanaa al-Mawaasitti argamu Filsixemoota lola Hamaas waliin taasiseen buqqa'aniif, ''naannoo namoomaa'' ta'uu labseera.

    Haata'u malee, hojjettoonni Hamaas lammiilee nagaa buqqa’an gidduutti dhokatanii iiru jechuun himattee irra deddeebiin haleelti.

    Haalli qilleensaa qorraa fi jiidhaan dhiheenya kanaa, haala kaampii buufata yeroof keessaa hammeessera.

    Guyyaa darbe keessas, haleellaan qilleensaa Israa’el naannoo magaalaa Gaazaa, kan Jabaaliyaa gara kaabaa fi Burej -giddugala Gaazaa, bakka waraanni Israa’el jalqaba Bara Haaraarratti rookkeetonni gara kibba Israa’elitti dhukaafaman jedhe keessatti raawwatameera.

  8. 'Namni Saakaa bakka bu'u hin jiru' - Etaan Waneerii garuu Arsenaalitti abdii hore

    'Namni Saakaa bakka bu'u hin jiru'

    Madda suuraa, Getty Images

    ''Eenyullee isa bakka hin bu'u. Taphattoota ciccimoo addunyaa keessaa inni nama tokkodha.''

    Waa'ee hiriyaasaa Bukaayoo Saakaa kana kan dubbatu taphataa Arsenaaliif akkaan murteessaa ta'e Gabrel Maartineeliidha.

    Kun kilabichi hangam taphataa Ingilaand qarqara irra taphatu kana akka abadatu mul'isa. Kun tapha kaleessa galgala jalqaba bara faranjootaa irratti Bireentiford waliin taphatan irratti mul'ateera.

    Arsenaal duubarraa ka'ee gooliiwwan Gabreel Jesuus, Gabreel Martineelii fi Mikeel Merinoo galchaniin 3 fi 1n mo'atus jalqaba rifatee ture.

    Goolii Jesuus fi Maartineeliif sababa kan ta'e taphataa umurii waggaa 17 Etaan Waneeriidha. Dabalataaf asiin seenaa.

  9. Miidhamtoonni haleellaa Niiw Orliyaansi eenyu fa'iidha?

    Namoota haleellaa guyyaa Bara haaraatiin miidhaman keessaa

    Madda suuraa, Michelle Bech

    Taphataan kubbaa miilaa kolleejjii Ameerikaa beekamaan, dargaggeettiin narsii hawwituu fi haati mucaa waggaa afur haleellaa guyyaa Bara Haaraa Niiw Orliyaansitti raawwatamuun yoo xiqqaate namoonni 15 ittiin ajjeefaman keessatti argamu.

    Aanga'oonni qorannoo reeffaa osoo hin xumuriin dura ture kan maatii fi firoottan isaanii maqaansaanii ifa taasisan. Hanga ammaatti wanti beeknu kunooti.

    Maartiin 'Tiger' Beek

    Maartiin 'Tiger' Beek taphataa kubbaa miilaa duraanii Yunivarsiitii Pirinsiston ture. Duutisaas ibsa yunivarsiitichi baaseen mirkanaa'e.

    Leenjisaan kubbaa miilaa Pirinsiston, Boob Surace ibsa kennaniin, ''maqaan maqaa ijoollee taphataa Pirinsiston ani leenjise kana caalaa sirrii ta'e hin turre,'' jedhan.

    "Innis karaa hundaan 'Qeeransuma' ture, dorgomaa cimaa humna dadhabu hin qabne, hiriyyaa garee jaallatamaa fi hiriyyaa namaaf yaadu ture."

    Obboleessi Maartiin Beek Jaak Beek barruu oduu du'asaa gabaasu maddiitti kabaja isaaf qabu toora X irratti maxxanse. "Obboleessakoo yeroo hundaa si jaalladha!" jedhee barreesse.

    "Guyyaa hunda na kakaaste, ammas yeroo hunda na waliin taata. Maatii T kana argadheera, hin yaadda'in, kun nuufiidha." Maartiin Beek miseensa garee Shaampiyoonaa Liigii Ivy bara 2016 fi 2018 ture.

    Nikyra Cheyenne Dedooksi

    Isheenis narsii cimtuu umuriin waggaa 18 turte. Duutii ishee haadhshee, Melisaa Dedooksi'n miidyaa hawaasaa irratti mirkanaa'e.

    ''Mucaakoo dhabeera maaloooo anaafi maatiikoof kadhadhaa!!! Waaqayyoo amma sin barbaada!!,'' jechuun ergaa kadhataa suuraa intalashee kan gaawoonii eebba bara kanaa kaawwattee kaate waliin qoodde.

    Haati shamarree tanaa, kan ofiisheetinis narsiin taate, intallishee leenjii narsummaa dhuba baatii kanaatti eegaluuf akka turte miidiyaa biyya keessatti himte. Isheenis intala adaadaa fi hiriyaa waliin gadi bahanii kan ture yoo ta'u, jarri lamaan garuu irraa oolaniiru.

    Reegee Hantar

    Duutii gaggeesaa daldalaa fi abbaa ijoolle lamaa ta'es firasaatiin Oduu CBS, miichuu BBC Ameerikaatti mirkanaa'e.

    Akka miseensa maatiisaa Ms Jaaksaniitti, 'Reegee Hantar jireenyaan kan guutameefi dargaggeessa umuriin waggaa 37, halkan wallakkaa keessa Bara Haaraas hawwiiisaa maatiif ergaa ergee akka ture himte.

    Innis fira biraa kan haleellichaan miidhaan irra gahe waliin ture.

    Niikool Peereez

    Kimberlii Ashaar Feel, hiriyyaa Niikool Peereez fi hoggantuun mana daldalaa deliii bakkasheen hojjettuun, ''of kennituu, qaroo fi nama garaa qajeelaa" jechuun waamte jedha CBS.

    Dargaggeettiini ganna 27 sunis haadha mucaa waggaa afuris ture.

    Maatewoos Tenedoriyoo

    Teeknishiyaaniin suura-sagalee ganna 25 kun "hafuura tasgabbaa'aa fi kolfa namatti darbu" kan namoota naannoosaatti argaman hundaa maada gammachuu ta'e qaba ture'' jedha namni sagantaa maallaqa walitti qabuuf maatiinsaa hundeesse gaggeessuu tokko.

    Haatisaa, Kaatii Tenedoriyoo, tamsaasa Ameerikaa NBC News'tti akka himtetti, yeroo dhumaaf guyyaa ayyaana Bara Haaraa akka biyyaatti sa'aatii 21:00tti ilmashee kan agartee turte yoo ta'u, yeroo sanattis hammattee akka dhungattee ibsiteetti.

  10. Tigraayitti shamarran Muslimaa hijaaba uffatanii akka hin baranne dhorkamuu hordofee maaltu mudate?

    Barattoota shamaran Muslimaa

    Madda suuraa, SM

    Manni Maree Waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa xalayaa mata duree ''dhiittaa mirgaa sababa amantiin hawaasa muslimaarra ga'aa jiru,'' jedhuun barreessee Feesbuukii isaarratti maxxanse keessatti Tigraayitti rakkoo barattoota Muslimaa irraa ga'aa jiru balaaleffateera.

    Manni maree kun, manneen barnootaa magaalaa Aksum keessa jiran barattoota hijaaba uffatan alatti gadi ittisuu booda ibsa baase kana keessatti biiroo barnootaa magaalichaa himateera.

    Naannoo Tigraay magaalaa Aksuumitti barattoonni dubaraa Muslima ta'an sababa uffannaa dambii amantiisaanii ta'e uffataniin miidhaan irra gahuu himataa turaniiru.

    Keessattuu maatiifi barattoonni kanneen hijaaba uffatan mana-barumsaarraa dhorkamuu BBC Tigiriffaatti himaniiru.

    Manneen barnootaa magaalattii keessatti argaman dubartoonni hijaaba uffatanii mana barumsaa deemuu akka hin dandeenye erga ibsanii as barattoonni murtee kana morman hidhamaniiru.

    Odeessa kanarratti dabalataan dubbiifachuudhaaf Asiin galuu dandeessu.

  11. Waa'ee namicha US'tti konkolaataan namoota 15 ajjeessee 35 maddeesse jedhamee waan beeknu

    Shamsuddin Jabbar

    Madda suuraa, FBI

    Ibsa waa'ee suuraa, Shamsuddin Jabbar

    Guyyaa ayyaana bara haaraa ganama Ameerikaa magaalaa kibba biyyatti Orliyaansitti namichi bakka namoonni heddu walitti qabamanitti konkolaataa irra baasuun namoonni 15 ajjeeffamanii yoo xiqqaate 35 kan ta'an madaa'uu qondaaltonni himaniiru.

    Waa'ee waan raawwatamee fi nama yakka raawwate hanga ammaatti waan beeknu kunooti.

    Wayita ummanni ayyaana bara haaraa kabajaa jiruti ganama akka sa'aatii biyya keessaa sa'aatii 03:15tti konkolaataan Ford pick-up kan namoota heddu irra bahe ajjeese.

    Akka qondaalonni himanitti, konkolaachisaan kun kallattiidhaan bakka namoonni walitti qabamanitti oofun balaa kana qaqqabsiise.

    Akka viidiyoon kaameraa CCTV'n waraabame mul'isutti Konkolaatichi namoota lafoorra ba'uun dura konkolaataa poolisitti marsaa ture.

    Poolisiin gocha kana haleellaa ''itti yaadamee ta'e jedhamee raawwatame" jechuun ibseera. Haleellaan kunis nama Shamsuddin Jabbar jedhamuun raawwatamu ibse.

    "Namni kun namoota hamma danda'e irra bahuuf yaalaa ture," jedhan Hoggantuun Poolisii Niiw Orleensi Anne Kirkpatrik.

    Akkasumaallee meeshaa waraanaa kan hidhatee turee ta'uufi poolisoota lamatti dhukaasuun madeessera. Boodarra dhukaasa poolisiitiin ajjeefamera.

  12. Dooniin waraanaa Raashiyaa qarqara galaanaa UK irraa guyyoota shaniif hordofte

    Doonii waraanaa Raashiyaa

    Madda suuraa, Royal Navy

    Hojjettoonni humna galaanaa Devonii fi Kornweel irraa, dooniiwwan Raashiyaa naannoo qarqara galaanaa Biriteenitti ilana hordofuuf ergamaniiru.

    Humni Galaanaa Royaal akka jedhetti, hojjettoonni doonii HMS Somerset kan Devonport keessatti argamuu, guyyaa lama booda osoo hin deemin dura guyyaa AyyaanaQillee yaadatamaniiru.

    Dooniiwwan RFS Soobrazitelny fi dooniiwwan deeggarsa ishee lamaan MV Sparta II fi MV General Skobelev Chaanaalii Ingilizii qaxxaamuranii deeman.

    Yeroo ergama kanaattis deeggarsi qilleensaa helikooptara Merlin frigate gosa 23 kan kenname yoo ta’u, kunis 814 Naval Air Squadron kan RNAS Culdrose keessatti argamuun kan kenname ta’uu humni galaanaa dabalee ibseera.

    Dubbi himaan humna galaanaa akka jedhanitti, oppareshiniin dahoo kennuu kunis guyyoota shan kan fudhate yoo ta'u, gaafa jala bultii bara haaraa xumurameera.

    Ajajaan 'HMS, Somerset Cdr Joel Roberts' akka jedhanitti, hojjettoonni xiyyaarichaa kan namoota gara 200 ta'an of keessaa qaban yoo ta'u, yeroo ayyaanaatti illeen yeroo hunda UK eeguuf qophaa'oodha.

    "UKn biyya odolaa waan taateef, yeroo hunda Humni Galaanaa Royaal kutaawwan isaa kaayyoo biyyaalessaa UK deeggaruun oppareshiin akka gaggeessaniif qophii baayyee olaanaa ta'e qabu," jedhan.

    Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa, Luke Poolaard, kan miseensa paarlaamaa Plymouth Sutton fi Devonport ta'an, hojjettoonni doonii dhojiicha keessatti hirmaatan ''ogummaa'' guddaa agarsiisaniiru.

  13. Tiraamp aanga'oonni biyyattii 'hojiisaanii hin hojjanne' jedhan

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Doonaald Tiraamp haleellaa Niiw Orliyiinsi kan lubbuu namoota galaafateen booda, aangawoota Ameerikaa fi qaamolee seera kabachiisan qeequudhaan, ''gahumsa kan hin qabneedha'' jechuun ''qabatamaatti hoggansi hin jiru jechuun ni danda'ama'' jedhan.

    Pirezidaantiin filataman kun waa'ee haleellaa Kibxata kaleessaa mudaterratti kallattiin osoo hin dubbatiin, aanga'oonni biyyattii kan akka FBI fi Ministeera Haqaa, Ameerikaanota eeguudhaaf "hojii isaanii hin hojjenne" jechuun himatan.

    Itti dabaluudhaanis: "CIAn keessatti hirmaachuu qaba, amma, osoo yeroon hin darbiin," jedhan.

    "USAn diigamaa jirti. Biyya keenya guutuu keessatti jeequumsi nageenyaa, tasgabbii biyyaaleessaa fi dimokiraasii mudataa jira," jechuun barreessa miiidyaa Truth Social irratti.

    "Humnaa fi hoggansa caamaa humna qabu qofatu kana dhaaba. Ammajjii 20 wal haa argarru. AMMAS AMEERIKAA GUDDOO GODHAA!"

  14. Dhaabbilee Finfinnee 20,000 keessaa ulaagaa ittisa balaa kan guutan 42 qofa

    Hojjattoota balaa ibiddaa

    Madda suuraa, FDRMC/FB

    Dhaabbilee magaalaa Finfinneetti argaman 20,000 keessaa ulaagaa balaa dandamachuu kan danda'an 42 qofaa akka ta'an Komishiniin Hoggansa Hojii Balaa fi Sodaa Ibiddaa Finfinnee ibse.

    Ittaanaan Komishinara Damee yaaddoo balaa hir'isuu, Obbo Yikafalawu Waldamasqal BBCtti akka himaniitti, holeelonni, warshaalee, gamoowwan, raabsaaleen boba'aa, jidduugalli gabaa, man-kusaalee fi dhaabbileen kaan kan ulaagaa nageenya balaa guutan miti.

    ''Deeggarsi teeknikaa fi gorsi taasifamuuf yeroodhaa gara yerootti fooyya'u qabaatulleen, baayyeensaanii kan sadarkaa gahumsaa mirkanneessuu fudhachu irra gahan miti'' jedhu.

    Komishiniin Hoggansa Hojii Balaa fi Sodaa Ibiddaa Finfinnee dhaabbilee ulaagaa guutaniif waragaa ragaa akka kennu kan ibsan Obbo Yikafalawu, waggoota shanan darbaniitti walitti fufiinsaan dhaabbilee gara kuma 20tti siqan irratti qorannoo gaggeessuu beeksise.

    Odeessa kanarratti dabalataan dubbiisuufhaaf karaa kanaan seenuu dandeess.

  15. Waa'ee haleellaa US hanga ammaatti kan beeknu

    Poolisiin daandii Boorboon irratti

    Madda suuraa, Reuters

    Yoo waa'ee gabaasa haleellaa US, Niiw Orliyaansiitti kaleessa guyyaa bara haaraatti mudate ilaalchisuun amma kan gara keenya dhufatan yoo ta'e, kan hanga ammaatti beeknu kunooti:

    • Haleellaa namni lammii Ameerikaa Shamsaddii-Diin Jaabbar jedhamuun beekamu, tokko konkolaataa pikaappiitiin saffisa olaanaadhaan naannoo Faransaay Niiw Orliyeens keessatti namoota baay’ee walitti qabamaniitti oofuun namoota 15 ajjeessee, yoo xiqqaate 35 madaa’aniiru.
    • FBIn konkolaataa sana keessatti alaabaan garee Islaamummaa (IS) argamuu fi haleellaa kanas ''gocha shororkeessummaa'' jechuun qorachaa akka jiran dubbata. Qorattoonni Pirezidaantii Joo Baayidaniif ibsa kennan akka jedhanitti, shakkamaan kun "haleellichaan sa'aatii muraasaan dura" viidiyoo miidiyaa hawaasaa irratti kan maxxanse yoo ta'u, IS irraa kaka'umsa akka qabuu fi "fedhii ajjeesuu" akka qabu agarsiisa.
    • Haleellaa kanaan sa'aatii muraasaan booda konkolaataan Tesla Cybertruck jedhamu Laas Veegaasitti Hoteela Tiraampiin alatti dhohuun konkolaachisaan du'ee, namoota torbas madaa'aniiru. Baayidan, qorattoonni dhohinsi kun kan taatee Niiw Orliyaans keessatti mudateen hidhata qabaachuu fi dhiisuusaa ilaalaa jiru, garuu ammoo ''sadarkaa kanatti ...waan gabaasamu hin jiru,'' jedhan.
    • Angawoonni namtichi Niiw Orliyiinsi keessatti haleellaa raawwate kun, keessumaa meeshaalee dhoo’an, kanneen konkolaataa pikaappii fi bakka biraa naannoo sanaa keessatti argaman kaa'urratti gargaarsa qabaachuu isaas qorachaa jiru.
    • Pireezidaanti Joo Baayidan haleellaa kanaan ''tuffii'' jechuun maatii namoota firoonni jalaa ajjeefamanii waliin gadda guddaa keessa akka jiran himaniiru.
  16. Waraanni bara 2024 dorgomtoota walitti fide garuu diina haaraa uume

    Kaartaa addunyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Haleellaa Fulbaana 11 bara 2001 raawwatameen booda BBC'n ta'iwwaan nageenya addunyaaf aguuggii kennuu erga jalqabe barri 2024 xumura bara heddu rakkisaafi kan diinota heddu walitti horedha.

    Barri 2024 taateewwan kan akka kufaatii tasaa Pirezidaantii Sooriyaa Asaad, loltoonni Kooriyaa Kaabaa Raashiyaaf lolan kan itti mudateedha.

    Akkasumas misaa'eloonni Ingilizii fi Ameerikaa gara Yukireen ergamuun Raashiyaa irratti dhukaafaman, misaa'eloonni Iraan ammoo gara Raashiyaatti ergaman.

    Haleellaa qilleensaa Israa'el, humnoota Iraan hidhachiifte, loluuf Libaanosii fi Gaazaa irratti raawwatte, misaa'eloonni Yaman ammoo Israa'el irratti dhukaafame. Dabalataaf asiin seenuu dandeessu.

  17. Konkolaataan boba'aafi dhodhootuu fe'ee hoteela Tiraamp biratti dho'e

    Konkolaachisaan konkolaataa kanaa ajjeefamuutu ibsame

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Konkolaachisaan konkolaataa kanaa ajjeefamuutu ibsame

    Konkolaataan fe’umsaa Teslaa baaldii boba’aa itti guuraniifi dhodhootuu ayyaana itti kabajan fe’ee ture Nevaadaa Hoteela Tiraamp fuuldura dho’e poolisiin qorachuu eegale.

    Taateen kuni bulchiinsa Ameerikaa, Laas Veegaasitti mudate.

    Konkolaachisaan yeroo ajjeefamu namoonni torbammoo madaa’uu poolisiin ibseera.

    Miidhaan dhaqqabe hundi kan balaaf nama saaxilu miti jedhe poolisiin.

    Konkolaataan kuni koloraadootii kireeffamuufi Roobii ganama Nevaadaa dhaqqabee osoo hin turin dhohe, akka poolisiin jedhetti.

    Konkolaataan kuni seensa hoteelaa biratti aara erga gadhiisuu eegale booda dho’e.

    Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan humnoonni nageenyaa taatee mudate akkasumas haleellaa Niiw Orliyaansitti mudate waliin yoo wal qabateera ta’es akka qoratamaa jiru himan.

    Haleellaa Niiw Orliyaansitti jala bultii Ayyaana Bara Haaraa faranjootaatti mudateen namoonni 15 ajjeefamaniiru.

    Akkasumas yoo xinnaate 36 madeesse du'uusaa miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.

    Miidiyaan michuu BBC Ameerikaa, CBS News akka jedheetti, namtichi du'uu maddeen lamarraa mirkanneeffateera garuu maddi du'a isaa maal akka ta'e hin baramne.

  18. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo eegale.

    Odeeffannoo biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Lafa nagaa oolaa!

  19. Namtichi UStti konkolaataan namoota 10 ajjeesee kaan hedduu maddeesse ajjeeffame

    Aanee Kirkipaatrikii

    Konkolaachisaan UStti konkolaataan namoota 10 ajjeessee yoo xinnaate 36 madeesse du'uusaa miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.

    Miidiyaan michuu BBC Ameerikaa, CBS News akka jedheetti, namtichi du'uu maddeen lamarraa mirkanneeffateera garuu maddi du'a isaa maal akka ta'e hin baramne.

    Ibsa dursituun poolisiin Niiw Orliyaans, Aanee Kirkipaatrikii, gaazexeessitootaaf kennaniin, sababa haleellaa har'a ganama mudateetiin, namoonni 10 ajjeefamanii, yoo xiqqaate namoonni 35 madaa’aniiru jedhan.

    Waa'ee namoota lubbuun darberratti wanti hanga ammaatti beeknu kunooti:

    • Namoota miidhaman keessaa lama qondaaltoota poolisoota yoo ta'an, isaanis rasaasa shakkamaatiin rukutaman. Ammattis haala tasgabbaa'aa irratti argamu.
    • Poolisiin namoota miidhaman irra gahee baayyeen isaanii jiraattoota naannoo Niiw Orliyaansi akka ta’anan amana jedha.
    • Namoonni 26 gara Giddugala wallaansa Yuunivarsiitiitti geeffamaniiru.
    • Namoonni afur ammoo Hospitaala Tuurootti argamu Namoonni afur kan biroo ammoo KaampaasiiBaaptiisti Ochsner keessa jiru.
    • Namni tokko ammoo gara Giddugala yaalii Tulaneetti geeffameera.
    • Namni biraa tokko ammoo hospitaala biraa jira jedhamee amanama, garuu hin mirkanoofne
  20. Atileetiin Keeniyaa Chebeet Baarselonaatti meetira 5,000nin rekardii ofii cabsite

    Bitriis Cheebeet

    Madda suuraa, Getty Images

    Olompiikii irratti shaampiyoonaa dachaa kan dhuunfattee Bitriis Cheebeet waggaa warqee taheef kana Baarseloonaatti meetira 5,000 dubartootaan rekardii ofii cabsuun xumurteetti.

    Atileetiin Keeniyaa ganna 24 dorgommicha daqiiqaa 13, sekoondii 54 yoo xumurtu, dorgommii kanaan daqiiqaa 14 gadi galuun dubartii jalqabaati.

    Olompiikii Paariis 2024'n dorgommii meetira 5,000 fi 10,000 warqee injifachuun xumurte.

    ''Waan hundi akka karoora kootti waan deemeef gammadduudha,'' jette. ''Daqiiqaa 14 gadi akkan galu amaneen ture, kanas raawwachuu danda'eera. Baarseloonaatti dorgoommii lama, rekardii addunyaa lama, kana caalaa maalan barbaada?" jette.

    ''Xiyyeeffanaan koo kana boodaa Shaampiyoonaa Addunyaa bara dhufu Tookiyootti adeemsifamuun meetira 5,000 fi 10,000 warqee argachuu dha''

    Cheebeet yeroo dorgommii kana gara xumuraa geessu qofaan kan fiigaa turte yoo tahu dhumarratti hiriyyoonnishee yeroo galan hammatteetti.

    Milkaa'inashee Olompiikii bara 2024 dabalataan Caamsaa darbe meetira 10,000 Yuujiniitti taasifame rekardii cabsiteetti; Fulbaana keessas Daayaamand Liigii meetira 5,000 mo'ateetti.