Waa'ee namicha US'tti konkolaataan namoota 15 ajjeessee hedduu madeesse jedhamee waan beeknu

Shamsud-Din Jabbar

Madda suuraa, FBI

Guyyaa ayyaana bara haaraa ganama Ameerikaa magaalaa kibba biyyatti Orliyaansitti namichi bakka namoonni heddu walitti qabamanitti konkolaataa irra baasuun namoonni 15 ajjeeffamanii yoo xiqqaate 35 kan ta'an madaa'uu qondaaltonni himaniiru.

Waa'ee waan raawwatamee fi nama yakka raawwate hanga ammaatti waan beeknu kunooti.

Wayita ummanni ayyaana bara haaraa kabajaa jiruti ganama akka sa'aatii biyya keessaa sa'aatii 03:15tti konkolaataan Ford pick-up kan namoota heddu irra bahe ajjeese.

Akka qondaalonni himanitti, konkolaachisaan kun kallattiidhaan bakka namoonni walitti qabamanitti oofun balaa kana qaqqabsiise.

Akka viidiyoon kaameraa CCTV'n waraabame mul'isutti Konkolaatichi namoota lafoorra ba'uun dura konkolaataa poolisitti marsaa ture.

Poolisiin gocha kana haleellaa ''itti yaadamee ta'e jedhamee raawwatame" jechuun ibseera. Haleellaan kunis nama Shamsuddin Jabbar jedhamuun raawwatamu ibse.

"Namni kun namoota hamma danda'e irra bahuuf yaalaa ture," jedhan Hoggantuun Poolisii Niiw Orleensi Anne Kirkpatrik.

Akkasumaallee meeshaa waraanaa kan hidhatee turee ta'uufi poolisoota lamatti dhukaasuun madeessera. Boodarra dhukaasa poolisiitiin ajjeefamera.

Shamsud-Din Jabbar eenyu ture?

Konkolaataa halellaa raawwatee fi naannawa itti haleellaan raawwatame

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waajjirri Qorannoo Federaalaa Ameerikaa FBI'n namni haleelicha raawwate nama ganna 42 Shamsud-Din Jabbar jedhamu kan dur Raayyaa Ittisa Biyyaa fi lammii Ameerikaa Teeksaas irraa dhufe ta'uu mirkaneesse jira.

Konkolaataa inni pikaappii inni oofaa ture keessatti alaabaan garee Islaamummaa waliin walqabatu kan argame yoo ta'u, FBI'n Jabbar gareewwan shororkeessummaa waliin hidhata akkamii qabaachuu akka danda'u qorachaan jira jedheera.

Meeshaaleen elektrooniksii ofumaan dhoo'uu akka danda'an shakkamuus konkolaaticha keessatti argamaniiru.

Qawween dheeraan utuu sagalee hin dhageessifne miidhaa qaqabsiisuu danda'ullee argameera.

Akka odeeffannoon isaa LinkedIn amma haqame jedhutti Jabbar Raayyaa Ittisa Biyyaa Ameerikaa utuu gadi hin dhiisin dura humna namaa fi IT dabalatee gahee adda addaa irra hojjechaa tureera

Guraandhala 2009 hanga Amajjii bara 2010tti gara Afgaanistaanitti ​​bobbaafame.

Viidiyoo YouTube bara 2020 maxxanfame irratti Jabbar yeroo waraana keessa ture hiika tajaajila guddaa fi deebii kennuu akka ciminaatti fudhachua kka isa barsiise dubbateera.

Bara 2015 hanga 2017tti Yunivarsiitii Joorji Steetitti baratee, Sirna Odeeffannoo Kompiitaraatiin digrii isaa eebbifame.

Yeroo lama fuudheera. Gaa'elli isaa inni jalqabaa bara 2012 xumurame, inni lammaffaan ammoo bara 2017 hanga 2022tti kan turedha.

Akkasumas hojii qabeenyaa mana riil isteetii kan hojjete fakkaata, hayyama bara 2021 xumurame qaba.

Galmee yakkaa kan qabu yoo ta'u, yakka tiraafikaa fi hanna waliin walqabatee ture.

Konkolaataan piikaappii inni oofaa ture konkolaataa elektirikaa Teeksaas keessatti karaa appii Turo jedhamu kireeffame jedhamee amanama.

Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden FBI'n haleellaa kana ilaalchisee ibsa kenneera jedhan.

Itti dabaluunis "akka viidiyoo miidiyaa hawaasaa irratti maxxanfametti,shakkamaan kun "haleellaa kana sa'aatii muraasa dura fedhii ajjeechaa'' akka qabu ni mul'ata" jedhan.

Odeeffannoo hanga yoona jiruun namni kun garee Islaamummaa leelisan waliin hidhata akka qabuu fi gocha kanaaf kaka'umsa argachuu akka hin oolle ibsame.

Shakkamtoonni dabalataa ni jiruu?

Garee qorattoota FBI

Madda suuraa, Getty Images

FBI'n shakkamaan kun haleellaa sana raawwachuu keessatti gargaarsa qaba jedhanii amanu, keessumaa meeshaalee dhoo'aa jedhaman argamuun wal qabatee.

CBS akka gabaasetti, qaamoleen seera kabachiisan hanga ammaatti ragaa namoota waliin hojjetan sanaa hin arganne.

Gabaasaaleen kanaan duraa akka jedhanitti, aanga'oonni viidiyoowwaan adda addaa hordofaa jiru, garuu CBS akka gabaasetti suuraawwaan namoota nama kana waliin jiraachuun isaanii mirkanaa'e ykn shakkame hin arganne.

Namoonni miidhaman eenyu fa'i?

Poolisiin akka jedhetti namoonni 15 yoo du'an, yoo xiqqaate 35 ammoo madaa'aniiru. Tokkollee ifatti maqaan isaanii hin ibsamne.

Pirezidaantiin Yunivarsiitii Joorjiyaa barattoota isaanii keessaa tokko haala hamaadhaan miidhamuu ibsan.

Mootummaan Israa'el ammoo namoota miidhaman keessaa lammiileen isaa lama akka argaman ibseera.

Poolisiin akka jedhetti namoonni miidhaman irra caalaa namoota naannoo sanaa kan Niiw Orliyiins irraa dhufaniidha.

Kana malees turistoonni hedduun ayyaana waggaa haaraa fi tapha xumuraa kolleejjii kubbaa miilaa Ameerikaa amma yeroo biraatti darbe daawwachuuf turan illee keessatti argamu.

Taateen kun eessatti raawwate?

naannawa haleellaan kun itti raawwatame kan mul'isu

Bakki taateen kun itti raawwate daandii Boorboon bakka jireenya halkanii fi turistii beekamaa ta'ee naannawa manneen nyaataa, mana dhugaatii fi kilaboota muuziqaa kallattiin darbanitti ture.

Naannawa sanatti jiraattotaa fi turistootni ni heddummatu, dabalataan ayyaana bara haaraa kabajuuf kanneen naannawa sana keessa socho'an heddudha.

Naannoon sun bara 1718tti Faransaayiin kan hundeeffame yoo ta'u, waggaa waggaan namoonni miliyoona tokkoo ol taʼan gara sagantaa yeroo ayyaanaa adda qopha'utti daandii kanaan imalu.