Waraana bara 2024 dorgomtoota walitti fide, diina haaraa uume

Giloobii Addunyaa

Haleellaa Fulbaana 11 bara 2001 raawwatameen booda BBC'n ta'iwwaan nageenya addunyaaf aguuggii kennuu erga jalqabe barri 2024 xumura bara heddu rakkisaafi kan diinota heddu walitti horedha.

Barri 2024 taateewwan kan akka kufaatii tasaa Pirezidaantii Sooriyaa Asaad, loltoonni Kooriyaa Kaabaa Raashiyaaf lolan kan itti mudateedha.

Akkasumas misaa'eloonni Ingilizii fi Ameerikaa gara Yukireen ergamuun Raashiyaa irratti dhukaafaman, misaa'eloonni Iraan ammoo gara Raashiyaatti ergaman.

Haleellaa qilleensaa Israa'el, humnoota Iraan hidhachiifte, loluuf Libaanosii fi Gaazaa irratti raawwatte, misaa'eloonni Yaman ammoo Israa'el irratti dhukaafame.

Dambaliin waldhabdee walxaxaa fi burjaaja'aa ta'ee kunis gaaffii murteessaa kan kakaasudha: Toorri waraanaa addunyaa kana caalaa walitti hidhamiinsa argachaa jiruu?

Mee waan tokko kallattiin haa ilaallu: Pirezidaanti Puutiin warri dhihaa meeshaa waraanaa humna guddaa qaban gara Yukireenitti erguu irraa sodaachisuuf dorsiisulleen, kun Waraana Addunyaa Sadaffaa miti.

Garuu ammoo waldhabdeewwan pilaaneetii keenyarra jiran hedduunsaanii kallattii idil-addunyaa akka qaban ifaadha. Kanaaf sararoonni kun akkamitti walitti hidhamu?

Erga Raashiyaan Gurraandhala 2022 Yuukireen irratti weerara bantee as ammoo waraana addunyaa 3ffaa ta'uus baatu sararootni gareewwaan biyyota wal deeggaranii fi morkattoota waraanaa kun ifa bahaa dhufeera.

Yukireen fi Raashiyaa: Waraana balbala Awurooppaa rurrukute

Waraanni Yukireen keessatti geggeeffame kan biyyootni Awurooppaa gara tokko goruun Raashiyaa fi michoota ishee irratti dhibbaa taasisaa jiraniirraa waraana idil addunyaa fakkate,
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Miidiyaaleen Lurid akka gabaasanitti, bara 2024 kanatti loltoonni Kooriyaa Kaabaa muuxannoo hin qabne, humna waraanaa Raashiyaa deeggaruuf gara dirree waraanaatti kan seenaniidha.

Hirmaannaan isaanii kun ammoo waraana Awurooppaa kana keessatti caalattuu dubbii jabeessuun Ameerikaa fi biyyoonni dhihaa biroo meeshaa waraanaa akka Yukireenif eeyyaman taasise.

Yukireenis misaa'ela fageenya dheeraa US fi warra dhihaa irraa argatte fayyadamuun naannoo Raashiyaa keessa jiru haleeluun Raashiyaa guddoo aarse.

Hirmaannaan loltoota Kooriyaa Kaabaa lakkoofsan xiqqaa ta'anis (kuma 10-12,tti tilmaamaman Yukireen kan reefuu hanqina humna namaatiin rakkachaa jirtuuf oduu badaa ture

Ajajaan olaanaa Yukireen Rustam Nugudin gargaarsa waraanaa Raashiyaan Iraaniifi Kooriyaa Kaabaa irraa argattu gargaarsa Yukireen michoota biyyoota dhihaa irraa argattu waliin wal bira qabamee yoo ilaalamuu akka hin dandeenye falman.

"Eeyyee, michoonni keenya warra dhihaa meeshaa waraanaafi leenjii tokko tokkoon nu gargaaru, kanaafis baay'ee galateeffanna, garuu guddinni isaa gargaarsa waraanaa Raashiyaan Iraan irraa argattu fi Kooriyaan Kaabaan yoo ilaalmu ni hafa, dhuguma nuti fi Awurooppaan akka injifannui yoo barbaadame faallaa kanaa ta'uu qaba," jedha.

Yuukireen gargaarsa Ameerikaa, Nato fi Gamtaa Awurooppaa irraa maallaqaa fi meeshaa waraannaa argattuun waraanaa Raashiyaa baay'inaan akka ofirraa ittistu ishee dandeessiseera,

Baha Giddu Galeessaa: Waraana hin xumuramne

Bara 2024 bara mootummaan Israa'el diina isaa 'giddu galeessa' jiran hunda dhabamsiisuuf waraana cimaa taasisaa turedha

Madda suuraa, Getty Images

Waraanni naannoo baha giddu galeessaa wal xaxaa ta'uu irraa kan ka'e kan Yukireen keessa jiru waraana kallattiin biyyota gidduutti taasifamaa jiru fakkata. Sababni isaa Baha giddu galeessa keessatti altokkotti waraana bakka baay'tti gaggeefamuu fi walqabataa ta'etu jira waan ta'eef.

Haa ta'uu malee odeeffannoowwaan naannoo kanarraa bahan baayyee irratti shakkitu jira.

Fakkeenyaa Baha giddu galeessaa akka Dubaayi, Sa'uudii Arabiyaa fi Masrii keessatti balaa waraanatiin utuu hin jeeqamin jireenyi guyyaa guyyaa akkuma barametti fufee jira.

Biyyoota darbee darbe hanga tokko walitti bu'iinsi dhiheenya kana mudate kan akka Iraaq fi Iraan keessattillee jireenyi namoota baay'ee nagaa fi haala idileen gaggeefamaa jira.

Sooriyaa: Hoggansa haaraa jalatti

Loltoonni finciltootaa yeroo gabaabaa keessartti sirna Asaad buqqisuun aangoo qabatan.

Madda suuraa, Getty Images

Waanti kun yeroo gabaabaa kana giddutti raawwata jedhee namni tilmaame hin jiru. Pirezidaantii Sooriyaa aangoo irraa kaafaman Bashar al-Asad mitiiti, deeggartootni isaa Tehran, Moscow fi Kibba Beerut keessa jiran kana yaadanii hin beekan.

Garuu yeroo torban lama hin guunne keessatti gareen finciltoota Islaamaa Hayat Tahrir al-Sham (HTS) jedhamuun beekamu kan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Ameerikaa, Gamtaa Awurooppaa fi Yunaayitid Kingidam garee shororkeessummaa jedhamee moggaafame, Asaad biyyaa hari'ee kan aangoo qabate.

Gareen kun waggoota kurna lama booda sirna bulchiinsa sooriyaa jijjiiran.

Israa'elii fi Hamaas gidduutti dhukaasa dhaabuuf yaaliin godhame hedduun fashalaa'eera

Madda suuraa, Getty Images

Weerarri Hamaas durfamu kibba Israa'el keessa gaggeeffame, michoota Iraan naannicha keessa jiran irratti miidhaa guddaa geessiseera.

Bara 2015 irraa eegalee Iraan, Hezbullaah fi Raashiyaan hundi Asaad gargaaruun finciltoota ari'aa turan

Yeroo kana Raashiyaan Yukireen waliin waraana keessa jirti, Hezbullaan fi Iraanis xiyyaarota waraanaa Israa'eliin reebamaa turan. Keessumaa waraana bara kanaan gareen Hezbollaa akkaan miidhameera.

Kanaaf michoonni Asaad isa gargaaruu hin dandeenye ykn fedhii kan hin qabne yoo ta'u, Turkiin ammoo faayidaa biyyaalessaa ishee ilaalcha keessa galchuun gara toletti taphatti.

Gaazaa: Waraana xumura hin qabne?

Haalli Gaazaa gaddisiisaa jechaan ibsamuu oli

Madda suuraa, Getty Images

Wal waraansi kan dhiyoo Gaazaa keessatti Onkoloolessa bara 2023 loltootni Hamaas Israa'elitti lola banuu hordofee namoonni 1100 ol du'anii, 250 ammoo booji'amaniin eegale

Waraana Israa'el Hamaas irratti geggeessiteenis lammiilee Filisxeem 44,000 ol kan ajjeeffaman yoo ta'u, irra caalaan isaanii lammiilee nagaa ta'uun ibsameera.

Waraanni kun erga jalqabee ji'oota 15 ol booda Gaazaan gargar cicciramtee jirti, namoonni miliyoona tokkoo ol qe'ee isaanii irraa buqqa'anii haala hamaa keessa jiraachaa jiru.

Dhukaasa dhaabuuf jaarsummaan heeddu taasifamuun yaaliin godhamus, Israa'el humna waraanaa Hamaas dhabamsiisuuf waraana itti fufteerti, haleellaan qilleensaa Israa'elis hin dhaabbanne.

Waraanni kun erga xumuramee booda maaltu akka ta'u, ykn bulchiinsa Hamaas waggoota 18f Gaazaa bulcha tureen booda maaltu akka ta'uufi eenyu akka Gaazaa bulchu irratti waliigalteen hin jiru.

Gaazaan naannichatti madda walitti bu'iinsaa kan turte yoo ta'u, Israa'eliifi Libaanos, Yaman, Iraaniifi Sooriyaa gidduutti dhukaasa walitti banuuf sababa taaterti.

Iraaniifi gareewwaan hidhattotaa Iraaniin deeggaraman

Onkoloolessaa 8 bara 2023 Hizbullaah rookkeettii fi haleellaa diroonii kaaba Israa'el irratti roobsuu jalqabe

Madda suuraa, Getty Images

Iraan milishoota michuu ta'an Baha Giddu Galeessaa keessatti "Axis of Resistance" jedhamuun beekaman kanneen diina Israa'el ta'an deeggarti.

Libaanos keessatti Hezbullaan humna waraanaa cimaa naannichaa yoo ta'u, misaa'ela sadarkaa olaanaa fi rookkeettii hidhateera.

Onkoloolessa bara 2023 Hezbullaah kaaba Israa'el irratti rookkeetii fi haleellaa diroonii roobsuu eegaluun waraanni Israa'el fi Libaanos gidduutti cimee namoota kumaatamaan lakkaa'aman ajjeese.

Israa'el haleellaa dhoksaa dhaabbata basaasa ishee fi humna waraanaa Israa'el fayyadamuun Hezbullah laamshessite.

Ameerikaan gargaarsa waraanaa Israa'eliif kennitu itti fuftee jirti, kunis balaa gareewwan islamummaa leellisaan kaneen akka garee al-Qaayidaan bobbaafaman dabaluun nageenya addunyaa daran yaaddoo cimaa keessa galche. Iraan bara kana haleellaa Israa'eliin laaftus gutumatti humna hin dhabne.

Iraan bakka bu'oota ishee baha giddu galeessaa keessatti deeggartu dabalataan, misaa'ela gara Raashiyaatti erguun Yukireen irratti akka fayyadamtu taasisaa jirti.

Afrikaa: Buufata haaraa Moskoo

Raashiyaan michuu ishee barbaachisaa ta'e galaana Meditiraaniyaanii, Sooriyaa yoo dhabdes Liibiyaa hin dhabdu.

Madda suuraa, Getty Images

Xiyyaaronni fe'umsaa humna qilleensaa Raashiyaa buufata xiyyaaraa Liibiyaa qarqara galaanaa fi biyya keessaa naannoo Biraak jedhamutti balali'aa turan

Gareen finciltoota Raashiyaa duraan Waagner jedhamuun beekamu waraana Faransaay kan saboota Saaheeliifi kolonii Faransaay duraanii bakka bu'uun milkaa'eera.

Kana jechuun Raashiyaan rakkoo jihaadistii ISIS biyyoota kanneen keessatti bu'a qabeessa ta'een dhaaltee, waliigalteewwan bu'aa guddaa argamsiisan irraa buufateetti.

Yukireen baatii Adoolessaa keessa humnoota mootummaa maalii fi gorsitoota Raashiyaa irratti haleellaa lubbuu namaa galaafate irratti finciltoota Tuwaareg diroonii fi leenjii kennuu isheetiin himatamtetti.

Moskoo Liibiyaa akka mala galma idil-addunyaashee Galaana Meditiraaniyaanii keessatti galmaan ga'uuf Liibiyaa michuu jabaa godhatteetti.

Kooriyaa Kaabaa: Walta'iinsa qoqqobbii dhabamsiisu

Lola Yuukireen irratti hirmaachuun loltoonni Kooriyaa Kaabaa,Yukireen irratti qormaata haaraa ta’a.

Madda suuraa, Getty Images

Kooriyaan Kibbaa yaaddoo keessa jirti. Loltoota Kooriyaa Kaabaa kumaatamaan lakkaa'aman waraana Raashiyaa akka tumsaniif Yukireen irratti duulchisuu isheef Raashiyaarraa maal argatti kan jedhutu ishee dhiphisaa jira.

Teeknooloojii misaa'elaa ta'aa mooeekumsa niwukilaraa? ykn deeggarsa galaana jalaa moo saatalaayitii ta'a kan jedhu? yaaddoo Kooriyaa Kibbaati.

Hanga ammaatti Kooriyaan Kibbaa of eeggannoodhaan meeshaa waraanaa kamiyyuu kallattiin gara Yukireen erguu irraa of qusachaa turte, harka wayyaa jalaan gara Ameerikaa ergtee achiin gara Yukireenitti akka darbu carraaqaa turte.

Amma garuu Kooriyaan Kibbaa buufata waraanaa ol'aanaa qabdu sodaa kana cabsuun meeshaalee kallattiin gara Kiiv erguuf yaadaa jirti.

Kun hundinuu waldhabdee duraanuu biyyonni waliin ollaa ta'an waraana hin xumuramne qaban bifaa haaran akka walitti bananiif carraa guddaa uuma.

Chaayinaa fi Taayiwaan: Gaaffii hin deebine

Taayiwaan Beejiing keessatti Paartii Koominiistii Chaayinaatiin bulfamuu hin barbaaddu

Madda suuraa, Getty Images

Kun ammatti muddama uumus baatu garuu waldhabdee guddaa ta'uu hin oolu. Chaayinaan naannawa tarsimowaa galaana Chaayinaa Kibbaa keessatti biyya walabummaa ishee gonfatte akka qaama isheetti ilaalti. Biyyoonni lixaa kana waan hin jaalanneef Taayiwaan waliin gamtoomanii Chaayinaa finciluu barbaadu.

Biyyattiin Beejiingiin bulfamuu waan hin barbaanneef, pirezidaantii farra Beejiing kan ta'an Wiliyaam Laayi kan dimokiraasii deggeran filatteetti.

Chaayinaan Taayiwaan yoo weerarte ykn uggure U.S. gidduu seenuu dandeessi, yeroo lammataaf Pirezidaanti Tiraamp kana akka qormaata dantaa U.S. Paasifikii keessa jiruutti ilaalamuu danda'a.

Kunis bu'aa dinagdee idil-addunyaa waliin waldhabdee balaa guddaa geessisuu danda'u ta'uu mala.

Pirezidaantiin Chaayinaa Shii Jinpingi tolaan ta'uu yoo baatullen, barbaachisaa taanaan humnaan Taayiwaan Chaayinaa jalatti akka deebitu dhaadataniiru.

Maaltu itti aanee ta'a?

Doonaald Tiraamp sagantaa niwukilaraa Iraan irratti duuluuf Israa'el waliin tumsuu danda'a jedhamee tilmaamameera

Madda suuraa, Getty Images

Bulchiinsi Tiraamp dhufuun Yukireen keessatti waliigaltee nagaa dirqisiisuuf carraaqqiin cimaan taasifamuu hin oolu. Kun jalqabumatti gufachuu dandaʼa.

Pirezidaanti Puutiin duraanuu jechoota isaanii ifa godhaniiru, isaanis Kiiviif harka kennachuu kun ummata Yuukireeniif waan salphatti liqainfamu miti.

Tiraamp dhiyeessii meeshaa waraanaa Ameerikaa yoo uggure Awurooppaanonni meeshaa waraanaa Yuukireen Raashiyaa ittin qolattu dhiyeessuu irratti rakkoon isaan muudata. Kanaanis Yukireen haleellaa Raashiyaan qilleensaa fi lafa irratti raawwatuuf daran saaxilamtuu taati.

Waliigaltee dhukaasa dhaabuu gidduu seentummaa biyyota tokko tokkoon eegalamen Yukireen jecha Puutiin amanuu baattus waan badaa lama keessaa badaa gaarii ta'e tokko filachuu hin ooltu. Waraana caala waligalteen dhukaasa dhaabuu furmaata ta'uufi mala.

Baha Giddu Galeessaa ammallee gidduu seenummaa biyyoota alaa qaba. Iraaniifi Israa'el hojii hin xumuramne qabu garuu Teehraan dadhabina isheefi ejjennoo Israa'el naannicha keessatti cimaa ta'uu ishee ni beekti.

Haleellaa xiyyaaraa Israa'el marsaa haaraa Iraan irratti raawwattu fi Doonaald Tiraamp kan bara 2020 ajajaa Eegdota Warraaqsa Iraan akka ajjeefamuu mirkaneessan sagantaa niwukilaraa Iraan irratti duuluuf Israa'el waliin tumsuu mala jedhamee tilmaamameera.