Sooriyaa haaraa keessatti Mooskoon hiree argachuu dandeessii?

Loltuun mormitoota Sooriyaa karra guddaa buufata waraanaa Raashiyaa kan buufata xiyyaaraa Hmeyimim naannoo magaalaa Laataakiiyaaa, lixa Sooriyaa jirutti osoo eegaa jiru

Madda suuraa, AFP

Barootaaf Raashiyaa fi Sooriyaan michuu turan. Mooskoon ulaa buufataalee galaanaa fi Qilleensaa Mediteraaniyaa yoo argattu, Damasqon ammoo lola finciltoota waliin gochaa turteef deeggarsa meeshaalee waraanaa Raashiyaarraa argachaa turte.

Amma erga Bashaar al- Asaad aangorraa buufamee booda lammiileen Sooriyaa hedduun humni Raashiyaa biyyasaanii gadhiisanii akka bahu barbaadu.

Bulchiinsi yeroo garuu hariiroo waltumsaaf ammayyuu karri banaa ta'uu hima.

"Yakkoonni warri Raashiyaa nurratti raawwatan kan ibsamuun oliidha" jedhu Doomaa keessatti ajajaa waraanaa warra finciltootaa kan ta'e Ahmad Xahaan. "Yakka ibsuuf namatti ulfaatudha" jedha.

Bakki Doomaa kun yeroo wayii bakka badhaadhinaa ture. Inumaa "Korojoo buddeenaa' warra Damasqoo jedhamuunuu waamamti turte.

Bakki kun amma waraana waliinii waggoota 14 irratti adeemsifamaa tureen unkutoofteetti. Qaamoleen walabaa qorannoo taasisan badii kanaaf haleellaa qilleensaa humnoota Raashiyaatti quba qabu.

Bara 2015 mootummaa biyyattii deeggaruuf biyyattii kan seente Raashiyaan haleellaan isheen raawwatte shororkeessitoota qofarratti kan xiyyeeffate jechuun waakkatti.

Ahimad Tahaa
Ibsa waa'ee suuraa, Ahmad Tahaan sirna Bashaar al-Asaad lolaa kan turan yoo ta'u, Raashiyaa isa deeggaraa turteen ammoo "diina" jechuun waaman

Bara 2011, Ahmad Xahaa nama nagaa hojii ijaarsaa fi daldalaa irratti bobba'ee jiraatu ture. Mormii karaa nagaa sirna Asaad irratti bahameen harkasaa kan dhabe. Eegasiin booda ammoo Doomaa keessatti ajajaa garee hidhate tokkoo kan ta'e.

Bara 2018 waggoota walwaraansaa cimaa shaniin booda qaamoleen hidhatan kunneen karaa nagaatiin harka kennatan.

Bu'uura waliigaltee kanaatiin qaamoleen Poolisii Mootummaa Doomaa yeroo seenanitti harki 40 magaalattii manca'ee kan jiru yoo ta'u, namoonni hedduun ammoo beelaf saaxilamanii ture.

"Akka warra Raashiyaatif osoo hin taane, akka sirna kanaatii fi deeggartotasaatiifis osoo hin taane, nuti qe'ee keenyatti deebineerra," jedha Xahaan.

Akka Xahaan jedhutti, shakkii tokko malee amma loltoonni Raashiyaa Sooriyaa gadhiisanii bahu qabu.

"Raaashiyaan nuuf diina keenyadha" jedhu.

Barbadooftuu Doomaa
Ibsa waa'ee suuraa, Irra jiraan barbadaa'insa Doomaa keessatti mudateef haleellaa qilleensaa Raashiyaatu balaaleeffatama

Daandii Damsqo irratti Abu Hisham, kan giddugaleessa siiriyaa, Hama irraa dhufe arginee dubbisnee ture.

Inni gara magaala guddoo Sooriyaa kan dhufe hiriyootasaa waliin gammachuu kufaatii sirna Asaad kabajuufi.

"Warri Raashiyaa biyya kana seenanii warra weerartoota fi cunqursitoota deeggaraa turani" jedha.

Gaggeessaan hawaasa kiristaanaa Sooriyaa keessaa, kan Raashiyaan isaan tiksuufani jettuuf illeen Moskoo irraa gargaarsi argatan xiqqaa ta'uu himan.

Bab Toomaa, keessatti paatiraarkii mana amantaa Ortodoksii Sooriyaa, Efreem II gaaffii fi deebii gochuuf heeyyama argannee ture.

"Nuti Raashiyaas ta'e qaama alaa kamirraayyuu gargaarsa akka nu eeganii argannee hin beeknu. Warri Raashiyaa kan asjiran kaayyoo fi faayidaa mataa isaanitiif," jedhan.

"Yeroo jalqaba biyya keenya seenan 'Nuti isin gargaaruuf dhufne' jechaa turan. Garuu isaan nu gargaaran osoo hin taane Sooriyaa barbadeessan," jedhan.

Paatiraarkii mana amantaa Ortodoksii Sooriyaa, Efreem II
Ibsa waa'ee suuraa, Paatriyaarkiin mana amantaa Ortodoksii Sooriyaa Ignaatiyus Aphrem II, yeroo waraana biyya keessaatti humnoonni biyya alaa Kiristaanota gargaaruuf waan xiqqoo hojjetan jedhu
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka Ahmad Xahaa jedhutti, mootummaan ce'umsaa fi Sharaan, gaggeessaan amma jiran sirritti itti yaaduu qabu.

Mootummaan Sooriyaa bara bulchiinsa Bashaar al-Asaad buufataalee galaanarraa lama liizii waggaa 49tin Raashiyaaf kenneera.

Yeroo sirni Asaad kufuttis Asaad fi maatii isaatiif koolugaltummaa kan kennite Raashiyaadha.

Gulaalaa BBC, Jeremy Boween waliin gaaffii fi deebii kan taasisan gaggeessaan siiriyaa ammaa, Ahmad al- Sharaa, Raashiyaan akka biyya keessa turtuuf ajaji kennan akka hin jiraannee fi hariiroon biyyoota lamaanii tarsimoo'aadha jedhan.

Minitirri dhimma alaa Raashiyaa Sarjee Lavroov battalatti ture dhimma kanarratti deebii kan kennan.

"Bulchaan haaraan Sooriyaa Ahmed al- Sharaa waan BBC'tti dubbatan ilaaleen jira. Gaaffii fi deebii isaanii irratti hariiroon Raashiyaa fi Sooriyaa kan yeroo dheeraa fi Istiraateejikii akkaa ta'e caqasaniiru," jedhan.

"Nutis yaada isaanii kana ni qooddanna. Obbolaa keenya warra Sooriyaa waliin waan waliin qooddannu hedduu qabna," jedhan.

Gamtaan Sooviyeeti Sooriyaadhaaf taankii gara 5,000 kennite
Ibsa waa'ee suuraa, Gamtaan Sooviyeeti Sooriyaadhaaf taankii gara 5,000 kennite

Jeneraala Waraanaa duraanii Sooriyaa fi Xinxalaa waraanaa kan ta'an Turki al-Hasaan, hariiroon waraanaa Raashiyaa fi Sooriyaa bara Asaad durarraa kan turedha jedhu.

"Bu'uurumarraa waraanni Sooriyaa hidhannoonsaa fayyadamu qawwee warra bahaa, keessumaa kan Gamtaa Sooviyeet amma Raashiyaa irraa dhufaniin ture. Hidhannoo hundi amma Sooriyaan fayydamtus oomisha Raashiyaatti jechuun ni danda'ama," jedhan.

Akka Tilmaama Raashiyaatti, Bara 1956 hanga 1991 gidduutti Sooriyaan Raashiyaa irraa Taankiiwwan 5,000, xiyyaarota waraanaa 1,200, dooniiwwan70 fi meeshaalee waraanaa biroo doolaara Biiliyoona 26 caalu baasan argatteetti.

Sababa Gamtaan Sooviyeet diigamee tureenis kaffaltii waliigalaa kana keessaa harki caalu osoo hin kaffalamin kan hafe yoo ta'u, bara 2005tti Pirezedaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin liqii harka 73 haquufii ibsanii ture.

Raashiyaan meeshaalee waraanaa dhiheessuufii Itti fufteetti,

Amma mootummaa Sooriyaa haaraan kun yookan meeshaalee waraanaa warra Raashiyaa guutumatti hiikkatanii jijjiiruu yookan ammoo Raashiyaa irratti hirkatanii itti fufuu keessaa filachuu barbaachisa.

Akka al- Hasaan jedhanitti, kanaaf hariiroon biyyoota lamaanii gaarii ta'ee itti fufuun baayyee murteessaa taha.

Shamarran Sooriyaa
Ibsa waa'ee suuraa, Dargaggoonni Sooriyaa baayyeen nageenyi waaraa akka jiraatu hawwi

Raashiyaadhaaf buufataaleen lamaan Liiziidhaan Sooriyaa irraa bitatte, buufanni galaanaa Tartus fi buufanni qilleensaa Hmeimim, wiirtuuwwan murteessoo qaxanaawwan Afrikaa keessatti dhiibbaa ittiin uumtudha, keessumaa Liibiyaa, Giddugaleessa Afrikaa, Maalii fi Burkinafaso keessatti.

Gama biraatiin ammoo, lammiileen Sooriyaa kaan ammoo waraanni Raashiyaa Sooriyaa keessa turuun dhumaatiin biraa akka hin uumamnee fi nagaan fooyya'aa ta'e biyyattii keessatti akka dhufuuf gumaachuu mala yaada jedhu qabu.

"Nuti Mootummaan Raashiyaa mootummaa keenya cimsuufi humna waraana Sooriyaa jabeessuuf yoo asture haala gaariin simanna," jedhan Paatiraarkiin Ortodoksii Sooriyaa, Efreem II.

"Raashiyaan Mootummaa Sooriyaa haaraa kanaaf maal gumaachuu dandeessi? Mootummaan haaraan kun hoo gama qindoomina siyaasaa fi humna waraanaatiin maal hojjechuu danda'a?"

Deebiin gaaffilee kanneenii hariiroo biyyoota lamaanii kan gara fuulduraa warra murteessanidha jedhan Turki al-Hassan.