WhasApp’n malawwan odeeffannoo dhuunfaa ittiin eegamu haaraa beeksise

Abbaa qabeenyaa miidiyaa hawaasaa gargaagaraa kan ta’e Meta (Facebook duraanii) WhatsApp irratti mala odeeffannoon dhuunfaa ittiin eegamu haaraa ifa taasiseera.

Haaluma kanaanis fayyadamtoonni haasawwan gareedhaan taasifamu keessaa osoo homaa hin beeksifne bahuu, odeeffannoowwan onlaayiiniirratti argaman to’achuufi suuraawwan ergaawwan yeroo tokkicha mul’atan irra jiran daaangeessuu ni danda’u.

Hojii gaggeessaa olaanaan dhaabbata teeknolojii guddichaa, Meta, Maark Zaakarbargi akka jedheetti, ergaan WhatsApp ittiin dabarfamu kunis, ‘‘akkuma namni fuulaa fi fuulatti wal ilaalaa haasawu iccitii dhuunfaa kan eegsiisu akka ta’e’’ dubbatan.

Malawwan WhatsApp haaraan kunneen duulawwan beeksisaa gaggeeffamaa jiru hordofee UK irraa eegalee Fulbaana dhufutti hojiirra ni oolfama.

Addunyaarratti beekamaa kan ta’e miidiyaan hawaasaa WhatsApp, yeroo ammaatti namoota gareedhaan fayyadaman biratti miseensi tokko garee keessaa yoo bahuutti ykn akka bahu yoo taasifamu miseensoonni hundi akka beekan taasisa.

Ammatti garuu miseensi garee keessaa bahu wayita barbaadutti fayyadamtoonni Aappichaa haala dureen garichaa qofti hubatuun osoo namoonni kaan hin beeknee garicha keessaa bahu akka danda’u godhama jedhameera.

Malli haaraan kunis ‘‘fayyadamtoonni ergaasaanii fi odeeffannoowwan dhunfaasaanii haala fooyya’een to’achu akka danda’aniif yaadamee kan hojjatamedha’’ jedhan itti-gaafatamtuun Meta Amee Vooraa.

Itti dabalunis ‘‘jijjirraa ergaawwan dhunfaafi iccitii qaban daddabarsuuf WhatsApp’n waltajjii amansiisaafi mijataadha jenneeti amanna’’ jedhan.

‘‘Aappiiwwan idil-addunyaa barreeffama, sagaleefi suuraadhaan deeggaramuun tajaajila ergaa dadabarsuuf oolan, eegumsa nagaa akkasii sadarkaa kanaan hin kennan,’’ jedhan.

Malli aappiin WhatsApp haaraan kanatti fayyadamaa jiraachuu keenya, namoota barbaadnutti akka agarsiisu ykn eenyumtuu akka hin agarsiisne gochuu ni dandeessisa jedhameera.

''Aappii fayyadamtoonni itti fayyadaman irratti to’annoo caalaan akka jiraatu barbaadu.

''Kanaafu, kana fayyadamtootaaf kennuun waan gaariidha,’’ jechuun ture dhaabbata Alan Tariing keessatti qorataa ittaanaa kan ta’an Yanis Woongi BBCtti kan dubbatan.

Haata’u malee, fayyadamtoonni danaa haaraa akka fayyadaman yoo gaafataman ykn sirriitti akka beekamu yoo hin taasifame malee bu’aan tajaajilawwan kunneen qabaatan murtaa’aa ta’a jedhan.