Waajirri miidiyaa ‘Ethiopia Insider’ jedhamuu saamame

Madda suuraa, Getty Images
Maqaa ‘Ethiopia Insider jedhuun intarneetiirratti oduu fi xiinxala kan dhiyeessu Waajira Miidiyaa Haqaafi Komunikeeshinii’ jedhamu saamamuun gabaafame.
Hundeessaa fi gulaalaan olaanaa Ethiopian Insider Obbo Tasfaalem Woldeyyas BBC'tti akka himetti, meeshaaleen dhaabbatichaa hojii isaa bal'isuuf bite ni saamame.
Dhaabbatichi saamicha kana ilaalchisee gabaasa baaseen, irra deddeebiin dhiibbaan akka irra ga'e eere, saamichi kun dhiibbaa ittifufinsaan irra gahu hordofee kan mudate ta'uu akka amanu ibseera.
Akka Tasfaalem jedhutti, waajirri dhaabbatichaa gamoo naannoo Boolee Madinyaanalam, gamoo Shaggar darbii 4ffaa irratti kan argamu yoo ta’u, eegdonni gamoo kanaa saamichi raawwachuu odeeffannoo akka hin qabne ibse.
Gamoo sana keessa kaameeraan nageenyaa gamoo kanaa hordofuuf fannifame jiraatus, kaameraan bakka waajjirri Miidiyaa ‘Haqaa fi Kominikeeshinii’ jirutti argamu cabeera jedhan.
Waajjira miidiyaa marsariitii "Ethiopia Insider" balballi isaa cufamee argamus, qabeenyi kutaa oduu gatii guddaa baasu sanduuqa keessaa saamame.
Saamicha Dilbata halkan raawwatame raawwatame kanaan kaameeraawwan dijitaalaa ammayyaa haaraa sadii, leensii gosa adda addaa, laaptoppiwwan afur fi bilbilli harkaa tokko saamamuu Tasfaalam hime.
Dhaabbilee hojii miidiyaa irratti bobba’an saamamuun yeroo jalqabaaf kan gabaafame miti, kanaan duras saamichi walfakkaataan dhaabbilee marsariitii fi fiilmii hojjatanii saamamuun gabaafamuun isaa ni yaadatama.
Kana malees, Waajjirri Mana Maree Mirga Namoomaa Itoophiyaa, dhaabbata qabiinsa mirga mirga namoomaa hordofuu saamamuu ibsee ture.
Miidiyaan Haqaa fi Kominikeeshinii ibsa baaseen,
“saamichi qindaa'e ta'uu hin oolu'' jedhe.
Saamichi kun waggoota sadan darban keessatti ''gabaasa bilisaafi loogiirra bilisa ta’e, naamusa ogummaa kan eegan'' dhiyeessuuf tattaaffii taasisaan irratti dhiibbaa akka qabaatu himan.
Ethiopia Insider erga hundeeffame waggoota sadii dura ture.
Hojjettoota 13 kan qabu yoo ta’u, amma meeshaalee elektirooniksii fi kaameraa hataman guuttachuuf maallaqaa guddaa baasuu Tasfaalam Waldayyas BBCtti hime.












