Walabummaa pireesii Itoophiyaafi rakkoolee gaazixeessitoota mudatan

Sagalee waraabduuwwan

Madda suuraa, Getty Images

Waggoota kudhanitti lakkaa’amaniif Itoophiyaan gaazixeessitoota hidhuufi walabummaa miidiyaa daaangessuun balaaleeffatamaa turte.

Haalli kunis geeddaramuun gaazixeessitoonni hidhamanii turan hiikamuun, bu'aaleen miidiyaalee heddu gabaarra oolaa turan.

Haata'u malee erga Ministirri Muummee Abiyi Ahimad gara aangootti dhufanii booda, abdii gama walabummaa pireesiin umamee ture wal jalaan rakkoon mudataa jiraachu kanneen mirga gaazixeessitootaaf falmanii fi waldaaleen gaazixeessitootaa ni himu.

Jaarmiyaan idil-addunyaa mirga gaazixeessitootaaf falmu CPJ’n ibsa dhiyootti baaseen, ALI Bitootessa 25 - Ebla 5, 2015, guyyoota 11 giddutti argaman keessatti Finfinneetti gaazixeessitoota jaha, naannoo Oromiyaafi Amaaraatti ammoo gaazixeessitoonni lama hidhamuutu ibse.

Itoophiyaatti wayita mormiin dhalatuufi muddamni siyaasaa hammaatutti tajaajila intarneetii addaan kutuufi gaazixeessitoota hidhuufi doorsisuun yeroo garaa garaatti ni raawwatama.

Dhaabbanni CPJ's yeroo rakkinni akkasii umamuutti gaazixeessitoota seeraan ala hidhuun akka dhaabatuu fi haleellaawwan qaamolee nageenyaa gaazexessitoota irraan gahu jedhamus akka qoratamu mootummaa gaafateera.

Amanasitii Intarnaashinaaliifi Insitituyutiin Miidiyaa Afriikaa Kibbaa, guyyaa Pireesii addunyaa ilaalchisuun ibsa baasan irratti, bara 2022 keessa bilisummaan miidiyaalee biyyattii miidhaa olaanaa jala akka ture kaasan.

Gaazexeessitoonni fi oggeessoonni miidiyaa 29 biyyatiitti kan hidhaman yoo ta'u, aanga'onni Tigraayis ''diina waliin taatan'' jechuun shan himataniiru.

Kana malees, gaazexessitoonni sababii gabaasa hojjataniitif hidhaa, dararaa fi burjaajiin akka isaan mudateefi gaazexessaan biyya alaa tokkoof Itoophiyaa keessa ar'atamu ibsichi kaaseera.

Dhiibbaa cimaa dhufe

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Damee miidiyaalee Itoophiyaa gidduutti sirni wal to’annoon akka jiraatuuf kan hojjatu, Manni maree miidiyaalee Itoophiyaa ibsa dhimma kanaan walqabatu baaseen, ''yeroo dhiyoon asitti gaazixeessitoonni seeran ala ukkamfanii hidhamaa fi dhaabbileen miiidiyaas ajaja mana murtiin alatti sakatta’amaa jiru,’’ jedhe.

Gaazixeessitoonni yakka karaa miidiyaatiin raawwatameera jedhameen shakkaman, yoo pooliisiin qaban ta'e yoo mana murtiitti dhiyaatan akkaataa labsii miidiyaaleen waan hin taaneef, ogeeyyiin miidiyaa bilisummaan akka hin hojjanne danquun alatti dirreen pireesii akka dhiphatu gochaa jira jedha.

Haaluma walfakkaatuun, Komishiiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa, hidhaan hojjattoota miidiyaa irratti qiyyaafate baay'ee na yaaddeesseera jedhe.

Komishiinichi haala faallaa labsii miidiyaatiin kan hidhamaniifi osoo himannaan irratti hin banamiin hidhaarra jiraachuu mirkaneeffachuu ibse.

Komishinichi akka jedheetti, namni miidiyaadhaan gochaa yakkaa raawwachuun shakkame kamiyyuu, qorannoo dabalataaf osoo mana hidhaa hin tursiifamiin, himannaan isaanii kallattiin karaa abbaa alangaa mana murtiitti akka dhiyaatu gaafate.

Kana malees, Komishiiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa shakkamtoonni karaa miidiyaa yakkaa raawwachuun shakkamanii kanneen hidhaman hundi ''haal-duree tokko malee akka hiikamaniif’’ gaafate ture.

Seera cabsuu

Mana maree Miidiyaalee Itoophiyaatti Ittaanaa hoji-gaggeessaa ta’e Obbo Taammiraat Hayiluu akka jedhaniitti, Minisirri Mummee Abiy Ahimad aangoo erga qabatanii asitti seeroonni damee miidiyaaleef fayyadan hedduutu ragga’aniiru.

Fakeenyaaf imaammanni miidiyaa duraan Itoophiyaa keessa hin turre baheera. Labsii miidyaa haaradhaan miidiyaa dijitaalaaf beekamtiin kennameera.

Maqaa balleessoodhaaf yakkaan gaafatamuun akka hafu ta'eera. Labsiiwwan tamsaasa odeeffannoo dharaafi haasaa jibbinsaa to'achuuf bahus eere.

Haata’u malee, raawwiisaarratti hanqinni mudachuun alattis, ''yeroodhaa gara yerootti hammaataa waan dhufaniif hojii miidiyaaf yaaddeessaa ta’eera'' jedhan Obbo Taammiraat.

Itti dabaluunis Obbo Taammiraat haaluma labsii miidiyaatiin gaazexessitoonni yoo badii raawwataniitti kallattiin qorannoon gaggeeffamuun akka abbaa alangaatiif dhiyaatu gaafatamulleen, ''qaamoleen nageenyaa gaazixeessitoota ni hidhu, ni ukkaamsu, iddoon itti hidhanillee hin beekamu.

''Mana murtiittis deddeebisu, mirgi wabiin gadhiifamuu yoo argatan hidhaarraa hin hiikaman. Manni murtii tokko yoo gadhiise iddoo biraatti himatamuunis ni mul’ata,’’ jedhan.

Maayikraafoniifi kaateenaa

Madda suuraa, Getty Images

Dirree dhiphataa dhufe

Pirezedantiin Waldaa Gaazixeessitoota Itoophiyaa Masarat Attaalaay, waldichi erga hundaa’e umurii gartokkee jaarraa ol lakkoofsisuu hima.

Akka dheerina umriisaatti garuu mirga gaazixeessitoota eegisiisufi walabummaa miidiyaarratti hojii quubsaa hin hojjanne.

Waldaan Gaazixeesitoota Itoophiyaa mirga gaazixeessitoota eegsisuuf barana hojii quubsaa otoo hin gumaachiin hafuu himan.

Miidyaa EBC keessa kan hojjatu Masarat, waldaan gaazixeessitootaa dhiibbaa mootummaa jalaa hin baane jedha.

''Itoophiyaa keessatti walabummaan pireesii guutuun hin jiru, mirgaafi seeraa isaatu jira,’’ jedhan Masarat.

Gaazixeessitootaan alatti dhaabbilee miidiyaa baayyee walabummaa miidiyaa yaaddeesseera.

Ji’oota muraasa darban dhaabbilee miidiyaalee hawaasarratti hojjatan saamamuun isaanii gabaafame.

Obbo Taammiraat dhaabbilee miidiyaaf eegumsi akka taasifamu seeraa irra jiraatullee,’’murasni isaanii biiroo isaanii cabsuun meeshaaleen ittiin hojjatan jalaa fudhatame.

Gaazixeessitoonni yeroo hidhaman meeshaaleen fudhataman sadarkaa hin deebifamnerra qaqqabeera,’’ jedhan.

Obbo Taammiraat akka himanitti, gaazixeessitoonni erga hidhamanii booda’’ maqaa shororkeessuummaatiin dararamu.’’

Fooyya’insi seeraa jira garuu hojiirra oolchuun waan dadhabameef walabummaa pireesii hube jedhu.

Itoophiyaatti doorsisni gaazixeessitootafi rogeeyyii gama oonlaayiniirra hojjataniirra qaqqabu jiraachus ni kaasu.

Gaazixeessitoota miidiyaalee idilee (mainstream) keessa hojjataniirra garuu doorsisi guddaan irra gahu hin jiru jedha Pirezedantiin Waldaa Gaazixeessitoota Itoophiyaa Obbo Masarat.

Itoophiyatti miidiyaalee ijoo mootummaa akka to’ate kan himu Masarat, ‘’miidiyaaleen mootummaatti hidhata qaban mootummaa deeggaru, kan mootummaan jedhuurraa darbanii dogoggorri akka sirreffamuu agarsiisuu hin danda’ani’’ jedha.

Walabummaan pireesii akka kabajamuuf gaazixeessitoonni of danda’anii hojjachuu akka qaban kan amanu Masarat, gaazixeessitoonni ‘’mootummaatti ykn mormitootatti maxxanu.’’

Walabummaa pireesii

Dhaabbilee miidiyaa 61tti dhiyaatanii fi waldaaleen gaazixeessitoota kan of keessatti miseensummaan hammate Kaawunsiliin miidiyaalee, adeemsi labsiin miidiyaalee sarbuu yeroo uumamu akka sirrreffamu gaafata.

Obboo Taammiraat rakkoolee mudatanii akka falaatti kan kaasan ammoo mootummaan seeronni baase hojiirra sirnaan ooluu mirkaneessuu akka qabu, miidyaaleen ammoo seera kabajanii hojjataa jiraachuu qabatamaa agarsiisuu qabu.

Walabummaan pireesii akka eegamuuf miidiyaaleefi gaazixeessitoonni bilisa ta’anii hojjachuu akka qabaatan Pirezedantiin Waldaa Gaazixeessitoota Itoophiyaa Masarat himaniiru.