Itoophiyaan walabummaa Pireesiin sadarkaa bara darbeerraa gad buute

Namootaa Gaazexaa fi barruu dubbisan

Madda suuraa, MICHAEL TEWELDE

Gareen dhabbata Rippoortaroota Daangaa Maleeyyii (RSF) kan walabummaa Pireesii biyyoota addunyaa safaree sadarkaa baasuuf Itoophiyaan sadarkaa bara darbeerraa gadi buuteettii jedhe.

RSF walabummaa Pireesii biyyoota addunyaa safaree kana bara 2021'f sadarkaa kenne ibseera.

Dhaabbatichi biyyoota 180 erga qoratee booda hojiin gaazexessummaa dhibbeentaa 70'n danqaan isa mudateera jechuun gabaase.

''Talaallii odeeffannoowwan dharaa kan ta'e gaazexessummaan'' biyyoota 73 keessatti danqaa jabaan isa mudateera jedha.

Dhaabbatichi biyyootni addunyaa weerara Koronaavaayiras akka sababaatti fayyadamuun gaazexessitootni socho'anii akka hin gabaasne dhorkaniiru jedhuun komata.

Qorannoon dhaabbaticha akka ibsutti keessumaa biyyoota Eeshiyaa, Gidduugala Bahaa fi Awirooppaatti gaazexessitootni sosocho'anii gabaasuuf rakkataniiru.

Aaanga'oonni biyyootaa odeeffannoo dharaa yeroo qoodan gaazexessitootni odeeffannoo sirrii raabsuuf yaaluu isaanii oduuwwan dharaa dureewwan biyya Biraazil fi Veenziweelaa raabsan akka fakkeenyaatti kaaseera.

Sadarkaa 174 ffaarra kan argamtu Iraan walabummaa Pireesii hacuucuun maqaan ishee dhahameera. Masriinis bara Koronaavaayirasitti walabummaa Pireesii miidhuun sadarkaa 166ffaarra kaahamte.

Norweey biyyoota addunyaa keessaa walabummaa Pireesiif bilisummaa kenniteen waggoota walitti aananiif sadarkaa tokkoffaarra teesseetti. Fiinlaand sadarkaa lammaffaa, Siwiidiin ammoo sadarkaa sadaffaa qabataniiru.

Bara Doonaald Tiraamp Gaazexessitootarraan dhiibbaa geessisteetti kan jedhamte Ameerikaan sadarkaa tokko gadi buutee 44ffaarra yoo teessu, cunqursituu walabummaa Pireesiiti kan jedhamte Chaayinaan sadarkaa 177ffaarra teesse.

Sadarkaalee dhumaa sadan kan qabatan ammoo Turkimeenistaan (178), Kooriyaa Kaabaa(179) fi Eertiraadha(180).

Bara 2021 keessa fooyya'insa agarsiisaniiru jedhaman keessaa ammoo Burundii, Seeraaliyooniifi Maalii dha.

Itoophiyaa

Itoophiyaan bara 2021 sadarkaa lama gadi buutee 101ffaarra kaahamte.

Dhaabbatni Rippoortaroota Daangaa Maleeyyii (RSF) Ministirri Muummee Abiy Ahimad erga gara aangootti dhufanii walabummaan Pireesii mul'atee ture balaa isatti aggaamameera jedha.

Gaazexessitootnii fi biloogaroonni gadhiifamuun tarkaanfii gaarii akka ta'e eeree, kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti walitti bu'iinsi dhalatu miidiyaaleen fiixee akka qabatan gochaa jira jedheera.

Itoophiyaan bara 2020 gaazexessitoota 19 ol sababa gahaa malee hiiteetti kan jedhu gabasichi, gaazexessitootni tokko tokko eessa akka jiranillee osoo hin beekamiiniifi abukaatoos osoo hin dhaabbatiin turaniiru jechuun komata.

Bakka walitti bu'iinsi jiru dhaqanii gabaasuun rakkisaa ta'aa dhufeera, adda ciccituun intarneetaas danqaa biraadha jedheera.