Ruuban Amoorim Maan Yunaayitiditti wagaa sadi isa barbaachisa - Raatkiliif

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaan Manchestar Yunaayitid Ruuban Amooriim leenjisaa "cimaa" ta'uusaa mirkaneessuuf waggaa sadi kilabicha keessa turuu akka barbaadu abbaan qabeenyaa Yunaayitid Sar Jiim Raatkiliif ibse.
Amooriim erga leenjisaa Maan Yunaayitid ta'ee Sadaasa dhufu waggaa tokko guuta; yeroo kana keessatti garuu Yunaayitid kufaatirraa oolchuu hin dandeenye.
Milkaa'ina dur kilaba Poorchugaal Ispoorting keessatti ittiin beekamu sana Maan Yunaayitid keessatti agarsiisuu hin dandeenye.
Bara darbe Yunaayitid leenjisummaa isaa jalatti sadarkaa Pirimeerliigii 15ffaadhaan xumure- bara 1973-74 booda seenaa kilabichaa keessatti gahuumsa gadaanaa jechuudha.
Kilabichi ganna darbe paawundii miliyeena 200 baasee taphattoota ciccimoo bitus taphoota liigichaa bara kanaa hanga ammaa taphataman keessaa sadi mo'ameera.
Amooriim keessumaa tapha Pirimeerliigii darberratti Sandarlaand 2-0dhaan injifachuusaatiin carraan Maan Yunaayitid turuusaa dabaluu maddeen abbaa qabeenyaa kilabichaatti dhiyoo jiran ifa godhan.
Abbaan qabeenyaa Maan Yunaayitid Jiim Raatkiliif turtii poodkaastii Times' The Business jedhamu waliin taasiseen, Amooriim daandeettiisaa mirkaneessuuf yeroon dabalataa akka isa barbaachisu ibse.
"Yeroo gaarii hin dabarsine. Ruuban waggoota sadi keessatti leenjisaa cimaa ta'uusaa agarsiisuu qaba. Kanan deeggara," jechuun Yunaayitid keessa turuu akka qabu akeeke.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Amooriim akkaataa itti taphattootasaa hiriirsu irratti komiin cimaan irratti dhiyaataa ture. Mala 3-4-2-1 yeroo hunda hordofu hin jijjiiru taanan Maan Yunaayitid keessatti yoomiyyuu hin milkaa'u jechuun qeeqni irratti dhiyaata.
Raatkiliif garuu Amooriim qeeqa akkasiif gurra akka hin kennine hime.
"Waan miidiyaan qeequ yeroo tokko tokko naaf hin galu. Halkanuma tokkotti milkaa'inni akka dhufu barbaadu. Akka waan ibsaa cufanii bananii wayii itti fakkaata," jechuun kilaba akka Maanchestar Yunaayitid akkasitti gaggeessuun akka hin danda'amne ibse abbaan qabeenyichaa.
Raatkiliif abbummaa Maan Yunaayitid keessaa dhibbeentaa 30 kan qabu yoo ta'u, murteewwan garaa garaa isatu murteessa; maatiin Gileezar gahee kilabichaa harka caalu kan isaanii ta'ullee.
Maatiin Gileezar Amoorim akka leenjisummaa gadi dhiisu ni barbaaduu? jedhamee kan gaafatame Raatkiliif, isaan kilabicha baay'ee akka jaalatan ibsuun, "Amooriim akka hari'amu fedhiisaanii miti" jechuun deebise.












