Namoonni 7 mootummaa Itoophiyaa bakka bu’uun TPLF waliin mari’atan eenyu?

Waraana Kaaba Itoophiyaa baatilee 19 lakkoofsise karaa nagaa xumura itti gochuuf mootummaan Itoophiyaa garee aanga’oota olaanoo namoota torba of keessaa qabu ijaaree hojii eegaluu beeksiseera.

Gariin TPLF waliin marii akka godhu ijaarame kun Ministira Muummee Itti Aanaa fi Ministira Haajaa Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin kan dursanidha.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad torbee lama dura paarlaamaa irratti yoo dubbatan, dhimma mariin waraanichatti xumura gochuu irratti kan hojjetu koreen ijaaramee haal-dureewwan qorachaa akka jiru himanii turan.

Koreen hoji raawwachiiftuu fi jiddu galeessa Paartii biyya bulchaa jiruu walgahiiwwan walitti aansuun taa’een booda ibsa Wiixata baaseen waraanichi karaa nagaa xumurri akka itti godhamu murteessuu hime.

Miseensa garee amma ijaaramee fi Ministira Haqaa kan ta’an Dr Geediyoon Ximootewoos akka himanitti paartichi qajeelfaa ittiin mariin godhamu qopheesseera.

Mariin TPLF waliin godhamu kan Gamtaa Afrikaa qofaan hogganamu ta’uu akka qabus ejjennoo qabachuu Dr Geediyoon himaniiru.

TPLF dhimma kanarratti ifatti deebii kennuu baatus amma dura Gamtaa Afriikaa komachaa ture.

Xalayaa banaa hogganaan TPLF Dr Dabratsiyoon Gabramikaa’eel amma dura UN dabalatee dhaabbilee idil-addunyaaf barreessaniin Gaanfa Afrikaa ergamaan addaa Gamtaa Afrikaa Oluseeguun Obasaanjoo hariiroo MM Abiy waliin qaban ija shakkiin ilaalla jedhanii turan.

Marii mootummaan Keeniyaa jaarsummaan hogganu irratti hirmaachuuf qophii fi fedha akka qaban Dr Dabratsiyoon himaniis turan.

Namoonni 7 mootummaa Itoophiyaa bakka bu’an eenyu?

1. Dammaqaa Makonnin

Pireezidantii Itti aanaa Paartii Badhaadhinaa, Ministira Muummee Itti aanaa fi Ministira Haajaa Alaa kan ta’an Obbo Dammaqaa Makonnin, naannoo Amaaraa akkasumas mootummaa federaalaa keessatti nama aangoo olaanaarra turanii fi dhageettis qabanidha.

Naannoo Amaaraa keessatti pireezidantii itti aanaa naannichaa dabalatee itti gaafatamummaa olaanaa gara garaan tajaajilaa turan.

Ministira Muummee itti aanaa ta’uun yeroo dheeraaf kan tajaajilan yoo ta’u, sana dura yeroo yartuuf ministeera barnootaa turan.

Waggoota dheeraaf ministira muummee itti aanaa ta’uun hojjetaa kan turan yoo ta’u, yeroo ammaa itti dabaluun ministira haajaa alaa ta’uun hojjetu.

Wayita ammaa biyyattii keessatti MM Abiy Ahimaditti aanuun nama aangoo olaanaa of harkaa qaban isa lammataati.

2. Geediyoon Ximootiwoos (PhD)

Bulchiinsa Ministira Muummee Abiy Ahmad jalatti kaabinoota muudaman keessa umriin dargaggoo kan jedhaman Dr Geediyoon Ximootiwoos yeroo ammaa miseensa paartii badhaadhinaati.

Qondaalli kun Ministira Haqaa ta’uusaaniin duratti gosa barnootaa seeraan Yuunivirsitiiwwan akka Finfinnee, Senteraal Yuroooppiyan, Hawaasaa, Siivil Sarvisii keessatti muuxannoo barsiisummaa yeroo dheeraa qabu.

Ogummaa seeraan kan beekaman Dr Geediyoon, bakka yeroo dheeraaf keessatti hojjetaa turan Yuuniversitii Finfinneetti dame barnoota seeraan sadarkaa pirofeesaraa irra ga’aniiru.

3. Tamasgeen Xiruunah

Obbo tamasgeen Xiruunah naannoo Amaaraa hanga federaalaatti aangoowwan mootummaa garaagaraa irra hojjetaniiru.

Naannoo Amaaraatti gorsaa dhimma nageenyaa fi teeknooloojii pireezdantii, Hoogganaa Itti Aanaa Abbaa Taayitaa daandiiwwanii, Hoogganaa Ejansii ijaarsa daandiiwwan baadiyyaa, Bulchaa Godina Goojjam Bahaa akkasumas Komishinara Poolisii naannochaa ta’uun hojjetaniiru.

Raayyaa Ittisa biyyaa keessatti hanga gulantaa kumalaa kan ga’an Obbo Tamasgeen, raayyaa kana keessatti Qajeelcha Odeeffannoo waraanaa akkasumas odeeffannoo elektiroonikii fi teeknooloojii hoogganaa turan.

Obbo Tamasgeen Ejansii Tajaajila Nageenya Odeeffannoo fi Tika Biyyaalessaa (NSA) namoota hundeessan keessaa tokko, jaarmiyaa kana keessattis sadarkaa hooggansaa garaagaraa hanga daarektara olaanaa ta’uutti tajaajilaniiru.

Bulchiinsa Ministira Muummee Abiy Ahmad jalatti sadarkaa ministira muummeetti Gorsaa Dhimma Nageenya Biyyaalessaa MM ta’uun hojjetaniiru.

Erga aanga’oonni naannoo Amaaraa ajjeefamanii booda ammoo pireezidantii naannochaa ta’uun yeroo muraasaaf hojjetaniiru.

Ergasii gara federaalaatti deebi’uun Daarektara Olaanaa Ejansii Tajaajila Nageenya Odeeffannoo fi Tika Biyyaalessaa ta’uun tajaajilaa jiru.

4. Ambaasaaddar Reediwaan Huseen

Ambaasaaddar Reediwaan naannoo Kibbaa, Finfinnee fi qondaala olaanaa sadarkaatti federaalaatti iddoo garaa garaatti ramadamuun ganna dheeraaf hojjatanidha.

Qondaaala olaanaa Paartii ta’anii kan turan Ambaasaaddar Reediwaan waggoota muraasan dura Kantibaa Ittaanaa magaalaa Finfinnee, Ministira Kominikeeshinii, Ministira Dhimma Dargaggoota fi Ispoortii ta’uun hojjataa turan.

Sana booda gara Ministeera Dhimma Alaatti darbuun kan hojjatan yoo ta’u, biyyoonni lamaan ganna 20 booda hariiroo addaan citee ture yeroo haaromsan Ertiraatti Ambaasaaddara Itoophiyaa kan jalqabaa ta’uun hojjataniiru.

Ambaasaddarichi Asmraarraa gara biyyaattii erga debi’anii booda Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa ta’uun hojjataniiru.

Waraana Kaaba Itoophiyaatti ka’e hordofee hawaasa addunyaatiif ejjannoo mootummaa ibsuun heddu beekamu.

Ambaasaaddar Reediwaan torban muraasa dura Ministirri Muummeef gorsaa dhimma nageenyaa ta’uun muudaanii turan.

5. Letenaal Jeneeraal Biraanuu Baqqalaa

Ajajaa Rippaabilikaan Gaardii kan taruaniifi yeroo ammaa ammoo dursaa Miliitarii Intalijansii kan ta'an Letenaal Jeneeraal Biraanuu Baqqalaa, ganna 30’n darban raayyaa ittisa biyyaa keessatti gita garaa garaarratti ramadamanii hojjataniiru.

Waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa turarratti adda waraanaa Raaayyaa fi Lixa Tigiraayitti gaggeeffamaa turerrati hirmaachuu isaaniitu himama.

Duula kanarratti qooda qabaniif Ministirri Muummee paarlamaa biyyattii duratti hoggantoota waraanaa leellisan keessaa tokkodha.

6. Geetachew Jambar (PhD)

Dr. Geetachoon naannoo Amaarratti gita gara garaarratti kan hojjataa turan yoo ta’u, ammatti naannichatti Pirezedantii Ittaanaa naannichaa ta’uun hojjataa jiru. Iddoo amma hojjataa jiratti otoo hin dhufiin Biiroo Qabeenya Bishaanii fi Ogummaa fi Teekinikaa naannoo Amaaraa hogganaa turan.

7. Ambaasaaddar Hasan Abdulqaadir

Ambaasaaddar Hasan hoggansa mootummaa sadarkaa olaanaarra turan ta’uu ragaaleen agarsiisa jiraachuu baatuus, Ministeera Dhimma Alaatti damee dhimma dippiloomasiirratti hojjataa akka turan ragaaleen ni mul’isu.

Ammati paartii biyya bulchaa jiru keessatti dame giddugala dimokiraasii hogganaa jiru. Ambaasaaddar Hasan Abdulqaadir akkasuma miseensa Abbaa Taayiitaa Miidiyaalee Itoophiyaa keessatti miseensa boordii ta’anii hojjataa jiru.