Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Baalee fi Maqalee kan daawwatan Obaasaanjoon, mariin nagaa harkifatus qajeellootti jira jedhan
Ergamaa Addaa Gamtaa Afriikaafi pirezidaantii duraanii Naayijeeriyaa kan ta'an Oluseeguun Obaasaanjoo, gidduu kana Itoophiyaa daawwataa jiru.
Guyyoota dura Maqalee jiraachuunsaanii suuraadhaan kan mirkanaa'e qondaalli siyaasaa gameessi kun, har'ammoo Oromiyaa keessa oolan.
Ministira Muummee Abiy Ahmad fi qondaaltota mootummaa federaalaa fi naannolee waliin gara Baalee imaluu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Baaleen biyya oomisha qamadiin beekamtuu yoo taatu, qondaaltonni kunneenis oomisha kana daawwachuuf garas imaluutu gabaafame.
Ta'us garuu uummanni Godina Baalee aanaalee gammoojjii garaagaraa rakkoo hongee mudateen gidirfamaa jiraachuu gabaasaa turre.
Oluseeguun Obaasaanjoo maal dubbatan?
Adeemsa marii araaraa Itoophiyaaf jecha gaanfa Afrikaatti bakka bu'anii hojjechaa kan jiran Pireezidantiin duraanii Naayijeeriyaa Oluseeguun Obaasaanjoo, ''mariin nagaa buusuu mootummaa Federaalaafi TPLF jidduutti taasifamaa jiru ''baayyee suuta garuu qajeelee deemaa jira,'' jedhan.
Aab Obaasaanjoon turtii BBC Focus on Africa waliin taasisaniin, haalli gama nagaa buusuutiin har'a irratti argaman kan baatiiwwan jahan duraa irraa adda ta'uu kaasan.
Itti-dabaluunis, ''Akka amantaa kootti wanti nu gochuu qabnuufi kan raawwataas jirru tarkaanfiiwwan amantaa gareewwan lamaan biratti cimsanii itti fufuudha,'' kan jedhan ergamaan addaa Gamtaa Afriikaa kun, ''sochiin dhiyeessii deeggarsa namoomaa daangaa malee Itoophiyaa keessatti bakka barbaachisu hunda akka qaqqabsiisuun danda'amuuf hojjataa jirra,'' jedhan.
Akka Obsaanjoon jedhanitti, labsiin dhukaasa dhaabuu gargaarsa namoomaaf jecha kana dura taasifameera. Kana ammoo gara dhukaasaa dhaabuu qabatamaa irratti waliifgalametti (negotiated cease fire) ceesisuuf hojjetaa jiraachuu himan.
Mootummaan Itoophiyaa Naannoo Tigraayitti ''lubbuu lammiilee baraaruufi dararama hambisuuf'' lola dhaabuuf murteessuusaa ibsuu hordofee, finciltoonni Tigraayis dhukaasa dhaabuu labsuun isaanii ni yaadatama.
Gaaffii Gamtaan Afriikaa waraanaa Itoophiyaaf xiyyeeffannoo barbaachisu kan kennee isinitti fakkaataa jedhamuun gaafatamanis, ''Gamtaan Afriikaa Gaanfa Afriikaatti akka ani nagaafi tasgabbii jajjbeessuuf na muudee, Gamtichi dhimma waraanaa Itoophiyaatifis xiyyeeffannoo olaanaa kennu kan mul'isuudha,'' jedhan Obasaanjoon.
Kana malees, mariin mootummaa Federaalaa Itoophiyaafi gareewwan finciltoota Tigraay gara mariitti fiduuf taasifamu keessatti dhiibbaa attamii gochuu akka danda'an kan gaafataman Aab Obaasaanjoon: ''Gaheen koo dhiibbaa taasisuu miti.
Gaheen koo muddamni akka hafu taasisuudha malee. Ani gochaa kanan jiru karaa waraanaatiin osoo hin taanee karaa nagaatiin akka of ilaalan taasisuudha,'' jedhan.
Ta'us yaaliin nagaa buusuu garee lamaan jidduu suutaafi qajeelee adeemaa jiraachu kan himan ergamaan Addaa Gamtaa Afriikaa kun, yeroo akkasiitti waliigalterra gahu jedhamuu baatulleen bu'aa garii hanga ammaatti argame cimsaa adeemuun barbaachisaadha jedhanii akka amanan dubbatan.
Dhimma marii nagaa buusuu TPLF fi mootummaa Itoophiyaa jidduutti gaggeefamaa jiru ilaalchisee, dura taa'aan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'eel karaa kallattiin hin taaneen mariyatamaa jiraachuu BBC'tti himanii kan turan yoo ta'u, hanga yoonaatti mootummaa Itoophiyaarra ifatti kan jedhame hin jiru.
''Akkuma beekamu kana dura labsiin lola dhaabuu namoomaa taasifameera. Amma gara dhukaasa dhaabuu marii irratti hundaa'eetti ni ce'u jedheen amana. Waliigaltee dhukaasaa dhaabuu mariirratti hundaa'ee ammoo gara dhukaasa dhaabuu idileetti nu geessa,'' jechuun waan yaalii araaraa taasisaa jiraniin arguu fedhan ibsan.
Akka Aab Obaasaanjoon jedhaniitti, waliigaltee dhukaasa dhaabuu idlee irra yoo gahame ammoo kutaalee Itoophiyaa hunda keessatti tajaajilloonni hunduu ni deebii'a.
Waraana Kaaba Itoophiyaatti eegalameen walqabatees Naannoo Tigraayiitti tajaajilliiwwan akka ibsaa, intarneetii, bishaan, baankiifi kkf adda citanii jiraachuun ni beekama.
Kanaan walqabatees tajaajilloonni bu'uuraa lubbuu namootaa oolchuuf taasifaman gargaaraa hedduun naannichatti sadarkaa yaaddeessaa irra gahuun gabaafameera.
Ergamaa Addaa Gamtaa Afriikaa Obaasaanjoon, tajaajilawwan bu'uuraa naannoo Tigraayiitti adda citaniin alattis, dhaabbileen hawaasaa Kaaba biyyatii bakkeewwan waraanni keessatti gaggeeffameetti barbadaa'aan hundi deebiifamanii ijaaramu qabus jedhan.
''Qabatamaadhaan kun yoom akka ta'u danda'u kana jechuu hin danda'u. Baatii sadii, baatii jaha ykn waggaa tokkoo, hin beeku. Garuu yeroo namoonni kaan eegan dura akka asirra geenyu nan amana,'' jedhan.
Waraana Naannoo Tigraayiitti Sadasaasa 2020 eegalameen kumaatamni ajjeeffamanii kenneen miiliyoonaan lakkaa'aman ammoo bakka jireenyaasaanitti buqa'uuf dirqisiifamaniiru.
Kana malees, ammoo naannoo Tigraay keessatti ummanni naannichaa harka sagaltama ta'uu deeggarsa namoomaa kan eeggatu ta'uu dhaabbileen deeggarsaa himaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa naannichatti 'lubbuu lammiilee baraaruufi dararama hambisuuf' jechuun lola dhaabuuf murteessuulleen deeggarsi hanga eegamuu gara naannichaa waan seenaa hin jirreef namoonni beelaaf saaxilamaa jiraachuu dhaabbileen namoomaa himaa jiru.