Boba'aan liitira miliyoona lama Tigiraay akka seenu eeyyamame

Boba'aan gargaarsa dhiyeessuuf oolu liitirri miliyoona lama ji'a ji'aan akka naannoo Tigraay seenu mootummaan Itoophiyaa eeyyamuun himame.

Kun kan himame gorsaa nageenya biyyaalessaa ministira muummee kan ta'an Ambaasaaddar Raedwaan Huseen daarektara olaanaa Sagantaa Nyaata Addunyaa Daaviid Biizilii waliin Rooma keessatti yeroo mariyatanitti akka ture ministeerri dhimma alaa beeksiseera.

Ministeerri dhimma alaa marii aanga'oonni kunneen taasisan fuula miidiyaa hawaasummaa isaarratti akka baasetti, boba'aan dhiyaatu kun gargaarsa naannicha keessatti dhiyaatu waliin kan wal gitu ta'uu akka qabu walii galameera.

Haaluma kanaan Sagantaan Naata Addunyaas akkaataa boba'aa liitira miliyeena lama ji'a ji'aan gara naannoo Tigraay itti seensuu danda'u irratti sanada ibsu dhiyeessuun, Dhaabbanni Gargaarsaa Ameerikaa (USAID) hanga jedhame kana alaa akka galchuufi, kun ammoo gargaarsa naannicha keessatti rabsamuuf akka oolu mootummaan hayyamuu Ambaasaaddar Redwaan dubbataniiru.

Dabalataanis dhimmoonni barbaachisoodha jedhaman ragaadhaan deeggaramnaan hanga maallaqaafi boba'aa gara naannoo Tigraay seenu dabaluudhaaf mootummaan qophii ta'uu isaa kan dubbatan Ambaasaaddar Redwaan, TPLF gargaarsa dandii qilleensaan dhiyaatu dhorkuu isaas dubbataniiru.

Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa Kamisa waxabajji 23, 2022 akka beeksisetti, balaliinsa xiyyaaraa guyya guyyaan qorichoonni, meeshaaleen wallaansa fayyaafi nyaatawwan barbaachisoo ta'an ittiin galan TPLF Roobii waxabajji 22, 2022 irra kaasee akka hin qubanne dhorkeera.

Aanga'aa olaanaa TPLF kan ta'an Obbo Getaachoo Raddaa deebii kennaniin, "buufanni xiyyaaraa yeroodhaaf kan cufate sababa hanqina boba'aatiin," ta'uu eeruun, yeroo gababaa keessatti hojii isaa akka jalqabuu abdii akka qaban ibsaniiru.

Ambaasaaddar Redwaan daarektara olaanaa Sagantaa Nyaataa Addunyaa waliin marii taasisaniin akka dubatanitti, TPLF hanqinni boba'aa jira kan jedhu ilaalchisuun torban darbe keessa qofa kokolaataawwan boba'aa liitira kuma 137 fi kuma 913 qabatan naannicha waan galaniiruuf gargaarsa dhiyeessuudhaaf gahaadha jedhan.

Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummas waliigalatti boba'aan liitira 920,309 gra naannoo Tigraay seenuu isaa ibsuun, TPLF hanqinni boba'aa jiraachuu kan dubbatu "qophii waraana biraa taasisuuf humna raayyaa isaa ittiin sochoofatu cimsachuufidha," jechuun himateera.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa Waxabajji bara darbe keessa gara naannolee Amaaraafi Affaritti erga babballatee booda gargarsi namoomaa gara naannoo Tigraay seenu addaan citee turuun isaa ni yaadatama.

Sababa kanarraa kan ka'een jiraattonni nannoo Tigraay miliyoona shanii ol ta'an rakkoo hamaaf saaxilamaniiru.

Ji'a Bitootessaa darbe mootummaan Federaalaa gargaarsi namoomaa akka dhiyaauuf jedha erga dhukaasa dhaabuu labseen booda gargaarsi gara naannichaa akka galeefi hanqinni boba'aa garuu akka jiru irra deddeebiin ibsama atureera.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) ji'a kana keessa akka ibsetti kuusaawwan isaa keessaa nyaata namoota 950,000 ta'aniif gahu jiraatullee sababa rakkoo boba'aatiif gara bakka barbaachisuutti qaqqabsiisuu akka hin dandeenye ibsuu isaa APn gabaaseera.

Komishinarri Hordoffii Walitti Bu’insaa Gamtaa Awurooppaa Jaaniiz Linaarchiik guyyoota darban Itoophiyaa erga daawwataniin booda akka dubbatanitti, "Man-kuusaawwan midhaan nyaataa guutuu ta'anillee, gara naannawaa baadiyyaa qaqqabuu hin dandeenye," jedhan.

Keessumaa hanqina boba'aafi maallaqaa akka sababaatti eeruun, mootummaan Itoophiyaa yaaddoo dhiyeessiin kunneen waraanaaf ooluu mala jedhu maqsuudhaaf "tooftaa to'annoo" hojiirra oolchuun dhiyeessiin kun akka saffisuuf gaafataniiru.

Waraanni Tigraay ji'oota 19 lakkoofsise yeroo ammaa kana kan tasgabbaa'e fakkatus, qaamoleen gara garaa ammoo carraaqqii araaraa taasisanis hanga ammaatti waliigaltee waraanicha xumursiisuu danda'amurra hin ga'amiin jira.