Gamtaan Awurooppaa tajaajilawwan bu'uuraa Tigraay keessatti akka jalqabaniif gaafate

Jilli aanga'oota Gamtaa Awurooppaa olaanoo of keessaa qabu Itoophiyaa daawwate tajaajilawwan bu'uuraa Tigraay keessatti addaan cite akka jalqabsiisuuf mootummaa Itoophiyaa gaafate.

Gargaarsi namoomaa Tigraayitti dhiyaachaa jiru foyya’aa dhufus dhorkaan kaa’amee baayyeen ammallee akkuma jiruttidha kan jedhe jilli Gamtaan Awurooppaa kun, tajaajilawwan bu'uuraa barbaachisoo ta'an ummata Tigraayiif deebi'uu qaba jedheera.

Jilli Komishinara Hordoffii Walitti Bu’insaa Gamtichaa Jaaniiz Linaarchiik durfamu daawwannaa Tigraayitti taasiseen dhiyeessii gargaarsa namoomaa naannichaa maal akka fakkaatu kan ilaale yoo ta’u, gargaarsi namoomaa dhiyaatu atattamaan dabaluu qaba jedheera.

“Erga 2020 keessa walitti bu’insi Tigraay keessatti jalqabee as daawwannaa kiyya jalqabaatiin yeroo dhiyoo keessa dhiyeessiin gargaarsa namoomaa barbaachisoo ta’anii fooyya’insa agarsiisuu isaa hubadheera,” jedhan Jaaniiz Liinarchiik ergaa fuula Tiwiitara isaaniirratti baasaniin.

“Konkolaataawwan harka caalaa nyaata fe’atan amma Maqalee qaqqabaa jiru, kun ammo waan jajjabeeffamudha.”

Haata’u malee, kana caalaa hojjechuu barbaachisa kan jedhan Komishinarichi, hojjetoonni gargaarsa namoomaa warra barbaadan hunda biraan gahuu akka danda’aniif boba'aanis dhiyaachuu akka qabu ibseera.

Aanga'oonni Gamtichaa Kibxata gaazexeessitootatti akka dubbaytanitti, gargaarsi namoomaa naannoo Tigraay galu dabaluun isaa kan nama jajjabeessu akka ta'u mirkaneesseera.

Haata'u malee, Gamtichi Itoophiyaa waliin hariiroo qabu akka foyyaa'u gochuudhaaf "kana caalaa hojjetamuu qaba" jechuu isaanii Assooshiyeetid Pirees(AP) gabaaseera.

Naannoo Tigraay keessatti tajaajilawwan baankii, ibsaa, telekoomunikeeshinii akka addaan citee turu gochuuf sababiin jiraachuun anatti hin mul'atu. Uggurrii gariin naannicha irra jiru namoota gargaarsi isaan barbaachisu miliyoona 5.2 qaqqabsiisuudhaaf carraaqqii taasifamu gufachisaa jira," jedhan Jaaniiz Liinarchiik.

Bara darbe ji'a waxabajjii keessa humnoonni mootummaa Federaalaa Tigraay gadi dhiisanii erga bahanii humnoonni Tigraay ammoo Maqalee to'ataniin booda dhiyeessiin gargaarsaafi tajaajilawwan bu'uuraa addaan citee tureera.

Bitootessa darbe mootummaan Fedeeraalaa gargaarsa namoomaa dhiyeessuuf akka mijatuuf jecha dhukaasa dhaabuu labsuu hordofee gargaarsi karaa daandii lafaatiin galaa jira.

Dhiyeessiin gargaarsa namoomaa Tigraay seenaa jiru akka bakka barbaachisu mara gahuuf dhorkaa mootummaan boba'aafi maallaqa irra kaa'e akka ka'uuf jilli Gamtaan Awurooppaa kun gaafateera.

Kanaaf ammoo mootummaan yaaddoo humnoonni Tigraay dhiyeessii boba'aa waraanaaf oolfachuu danda'u jedhu maqsuudhaaf "tooftaa hordoffii" hojiirra oolchuun ni danda'ama jechuu Komishinarichaa APn gabaaseera.

Komishanariin Gamtichaa Jaaniiz Liinarchiik, daawannaa guyyoota lamaa Itoophiyaatti taasisaniin ministira muummee itti-aanaafi ministira dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin waliin Finfinneetti, gara Maqaleetti imaluun ammoo dursaa TPLF Dabretsihon G/Mikaa'el (PhD) waliin dubbachuun isaanii gabaafameera.

Gamtaan Awurooppaa jalqaba torban kanaa dhimma Itoophiyaa irratti mariyachuun isaa kan himame yoo ta'u, aanga'oonni olaanoo mootummaa Itoophiyaas aanga'oota Gamtaa Awurooppaa waliin dubbachuudhaaf gara teessoo Gamtichaatti qajeeluun isaanii himamee ture.

Aanga'oonni olaanoo gamtaa Awurooppaa kan gara Maqaleetti imalan erga aanga'oota olaanoo mootummaa Itoophiyaa waliin mariyataniin booda yoo ta'u, qondaalli TPLF Obbo Getaachoo Raddaa kaleessa fuula Tiwiitara isaanii irratti akka jedhanitti Jaaneez Lenaarchiis Dabretshiyon G/Mikaa'el waliin wal arganii mariyataniiru.

Gamtaan Awurooppaa mootummaa Federaalaafi TPLF gidduutti mariin akka gaggeeffamuufi dhiyeessiin gargarsa namoomaa rakkoo tokko malee akka gara naannichaa seenuu qabuuf irra deddeebiin gaafataa tureera.

Aanga'aan Gamtichaa Jaaneez Liinaarchiik naannoo Tigraayiin alatti naannoo Somaalee kan sababa hongeetiin hedduu miidhames daawwataniiru.