Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hirmaattonni kora nageenyaa Chaayinaa- Gaanfa Afrikaa waraana hambisuuf walta'an
Korri nageenyaa, bulchiinsa gaariifi misoomaa Chaayinaa-Gaanfa Afrikaa kan jalqabaa yaa'ii isaa guyyoota lamaaf gaggeesse yeroo xumuru hirmaattonni naannichatti sagalee waraanaa hambisuuf walta'uun xumurame.
Konfiransii kan jalqabaa ta'e kana irratti, bakka buutonni mootummoota Itoophiyaa, Somaaliyaa, Sudaan, Sudaan Kibbaa, Jibuutii, Ugaandaa, Keeniyaafi Chaayinaa argamaniiru.
Hirmaattonni konfiransichaa xumura yaa'ii kanaarratti ibsa waloo baasaniin galma naannicha tasgabbii waaraa keessa galchuuf qabataniin sagalee dhukaasaa dhabamisiisuurratti waliin hojjechuuf walta'uu ibsaniiru.
''Naannichatti nageenyaafi tasgabbii waliin mirkaneessuuf sagalee waraanaa callisiisuun nageenya waaraa fidna.''
Biyyootni naannichaa kun wal amantaa siyaasaa gidduu isaanii jiru cimsuun hariiroo walii isaanii gidduu jiru jabeessuufis hojjechuuf waliigalaniiru.
Biyyootni naannichaa rakkoo nageenyaa gidduu isaanii jiru karaa nagaa fi mariin akka furan wal ta'uus ibsi waloo kun ni ibsa.
''Hirmaattotni birmadummaa waloo kabajuufi kabajamuu daangaa isaanii irratti, dantaa keessoo biyyaa keessa galuurraa of qusachuuf, sirna siyaasaa, misoomaafi duudhaa biyyi tokko hordofuuf filatte irratti kabaja qaban cimsuuf waliigalaniiru.''
Gama hawaasummaanis hirmaannaafi fayyadamummaa dargaggoofi dubartootaa cimsuuf walta'aniiru.
Hirmaattotni rakkoo naannichaa of danda'anii furuu adda fo'uun qoqqobbii godhamu mormuuf wal ta'aniirus jedhameera.
Biyyootni hirmaatan kun ittisa shororkeessummaa naannicha jiru irratti walgargaarsa cimsuuf walta'uu, darbees dhimma hongee, lolaafi weerara awwaannisaa irratti waliin hojjenna jedhaniiru.
Gama diinagdeen walitti hidhaminsa qaban cimsuun damee qonnaa, maanufaakichariingii, indaastiriifi kaanis jabeessuuf walta'aniiru.
Gama bulchiinsa gaariin dagaagsuun muuxannoo walirraa qooddachuufis waliigalaniiru.
'Immaamata misoomaa keessan kabajeen isin deeggara'
Konfirensii kana yeroo duraaf kan qopheessite Chaayinaan Ministeera Haajaa Alaatti ergamaa addaa gaanfa Afrikaa Xue Bing, yaa'ii kana irratti hirmaachaa turan.
Chaayinaan sagantaa misoomaa 'Belt and Road' jechuun waggoota dura misooma bu'uuraarratti hojiin eegalte fi bu'aan yaa'ii FOCAC imaammata misoomaa biyootni qaban akka simutti akka raawwatu biyyoota Gaanfa Afrikaaf waadaa galteetti.
Walitti hidhaminsa biyyoota naannichaa cimsuuf daandii Jibuutii Finfinnee fi Mombaasaa Naayiroobiin cimsuufis akka hojjettu waadaa galteetti.
Konfiransiin nageenyaa Gaanfa Afrikaa Chaayinaan qopheessite kun Itoophiyaatti waraanni waliinii gama hedduun gaaga'ama fide hanga ta'e gara tasgabbiitti adeemaa wayita jiru, Somaaliyaan pireezidantii haaraa karaa nagaa erga bakka buufteefi Keeniyaan gara Filannootti wayita galaa jirtutti.
Naannoo Gaanfa Afrikaarraa fedha addaa kan qabdu morkattuun Chaayinaa Ameerikaan gama isheen dhiyoo kana waggaa lama keessatti ergamaa addaa naannichaa isa sadaffaa muuddeetti.