Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US waggaa lama keessatti ergamaa addaa Gaanfa Afrikaa sadii muudde
Ameerikaan yeroo waggaa lama hin guutne keessatti ergamaa addaa Gaanfa Afrikaa sadii muudde.
Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Bilinkan akka beeksisanitti, Gaanfa Afrikaa tasgabbii dhabuun siyaasaa raasaa jirutti ergamaa addaa akka ta’aniif kan muudan Ambaasaadddar Maayik Hamer jedhameera.
Ji’oota shanan darbaniif ergamaa addaa Gaanfa Afrikaa ta’uun tajaajilaa kan turan Ambaasaaddar Deeviid Saaterfiild aangoo isaanii dabarsanii kennuuf qopha’aa jiraachuun isaaniis ibsameera.
Bilinkan muudamni ergamaa haaraa Hamer, kutannoo Ameerikaan gama dippilomaasii naannawaa Gaanfa Afrikaatti bahachaa jirtu akeeka jedhan.
''Itoophiyaa keessatti adeemsa siyaasaa hunda hirmaachise gara nagaa, tasgabbiifi lammileen hunda gara badhaadhinaatti geessu,” dhimma xiyyeeffannoon itti kennamu ta’uu isaa dubbataniiru Biliinkan.
Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa Ameerikaa ta’uun haaraa kan muudaman Maayik Hamer, Dimokiraatik Rippablik Koongoo - DRC fi Chilee keessatti ambaasaaddara Ameerikaa ta’uun kan tajaajilan yoo ta’u, Isteet Dippaartimantiifi Waayit Hawus keessattis itti-gaafatamummaa gara garaa irratti tajaajilaniiru.
Ameerikaan waraanni Kaaba Itoophiyaatti akkuma jalqabeen ji’oota muraasa keessatti yaaliin jalqaba miseensa mana-maree kan ta’an Kiriis Kuuns erguun eegalte, yeroo waggaa lama hin guutne keessatti ambaasaaddaroonni buleeyyii sadii wal harkaa fuudhaniiru.
Yeroo darban keessa Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa Ameerikaa ta’uun kanneen muudaman eenyufaadha? Caarraaqqii akkamii ammoo taasisan?
Senaater Kiriis Kuuns
Waraanni Tigraay keessatti jalqabamee ji’oota muraasa keessatti dhimma ijoo kan ture gargaarsa namoomaa dhiyeessuufi waraanichi gaaga’ama Gaanfa Afrikaatti qaqqabsiisu kan isaan yaaddesse pirezidant Joo Baayidan ergamaan jalqaba isaan ergan Kiriis Kuuns ture.
ALI Bitootessa bara 2013 keessa ergamaa Ameerikaa ta’uun gara Gaanfa Afrikaatti kan ergaman nama siyaasaa bakka bu’aa kutaa Deelaaweer Kiristoofer Andiriiwu Kuuns yeroo dheeraatiif miseensa mana-maree Ameerikaa ta’uun tajaajilaniiru.
Yeroo Joo Baayidan pirezidaantii ta’uuf dorgomaa turanittis namoota Isteet Dippaartimantitti Isteet Sekireetaarii ta’uu danda’u namoota jedhamaa turan keessaa tokko ture.
Kuuns itti-gaafatama fudhatanii kan gara Itoophiyaa dhufan Pirezidant Baayidan Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa ta’uun namni dhaabbataan muudamee hojjetu hanga dhufutti ture.
Kuuns yeroo jalqaba gara Itoophiyaa dhufanii turanitti rakkoo naannoo Tigraay keessatti uumame, waa’ee sarbama mirgoota namoomaa raawwatamee, akkasumas atakaaroo dhimma daangaa Sudaan fi Itoophiyaa gidduu jiru ilaalchisuun Ministira Muummee Abiy Ahimad waliin dubbachuun alatti aanga’oota Gamtaa Afrikaa waliin wal arganii turan.
Ambaasaaddar Jefrii Feltimaan
Gaanfa Arfrikaatti ergamaa addaa Pirezidant Baayidan ta’uun kan hojjete Kiriis Kuunsiin bakka bu’uun dhimma Itoophiyaafi biyyoota biroo Gaanfa Afrikaa akka hordofaniif kan ergama Ambaasaaddar Jefrii Feltimaan waggaa darbe ji’a Ebla gara dhumaa ture.
Yeroo Ambaasaddar Feltimaan ergamaa addaa ta’anii gara Itoophiyaa dhufan Isteet Dippaartimentiin Ameerikaa dhimma Itoophiyaafi naannawaa sana keessatti ta’u itti dhiyeenyaan akka hordofu beeksisee ture.
Haaluma kanaan, waa’ee waraana Kaaba Itoophiyaa, akkasumas haalawwan biyyattii keessa jiru yeroo yerootti jijjiiramu, waldhabdee daangaa Sudaan fi Itoophiyaa gidduu jiruufi Hidha Haaromsa Itoophiyaa dhimmoonni ilaallatan hojii ergamaa kanaa angafa ta’u jedhamanii ture.
Isteet Dippaartimentii Ameerikaafi Mootummoota Gamtoomanii keessatti itti-gaafatama olaanaarra kan hojjetan Jefrii Feltimaan, dhimmoota Baha Giddu-galeessaafi Afrikaa irrattis muuxannoo waggaa dheeraa kuufataniiru.
Dabalataanis, Feltimaan dhimmoota dippilomaasii biyyoota hedduu hirmaachisan, akkasumas dhimmoota naannawaa mariifi araara barbaadan keessatti tarsiimoo Ameerikaan hordoftu raawwachiisuu keessatti muuxannoo qabaniin Gaanfa Afrikaa keessatti nagaan akka jiraatu taasisa jedhamee ture.
Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa Ameerikaa ta’uun ji’oota sagaliif kan turan Feltimaan, keessumaa waraanni Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamu fala akka argatuuf gara biyyoota Gaanfa Afrikaafi Baha Giddu-galeessaatti irra marmaaraa turaniiru.Ambaasaaddar Feltimaan MM Abiy dabalatee aanga’oota Itoophiyaa olaanoo Finfinneetti arganii, bakka buutota TPLF ammoo Keeniyaa, Naayiroobii keessatti arganii akka waliin dubbatan osoo hin gaggeeffamiin dura Waashingiten keessatti dubbataniis ture.
Haata’u malee, Feeltimaan akka carraaqaa turanitti qaamoleen waraana Tigraay keessatti qooda fudhatan akka gara tokkotti dhufanii mariif taa’an gochuun waraanni kun akka dhaabbatuuf bu’aa argamsiisuu hin dandeenye.
Ambaasaaddar Saaterfiild
Ambaasaaddar Jefrii Feltimaan bakka bu’anii Gaanfa Afrikaatti ergamaa Ameerikaa ta’uun kan muudame dippilomaatii Ameerikaa buleessa Daavid Saaterfiild ture.
Ji’a Amajjii keessa ergamaa Ameerikaa Gaanfa Afrikaatti ta’uun kan muudaman Daavidd Saaterfiild Tarkiitti ambaasaaddara Ameerikaa turan. Kana malees, Baha Giddu-galeessaatti dhimmoota gara garaa keessatti waggoota afuriif hojjechuunis muuxannoo guddaa kan horatan ture.
Saateerfiild jalqaba hojii isaanii irratti Isteet Sekireetaarii keessatti itti-aantuu itti-gaafatamtuu dhimmoota Afrikaa kan ta’an Moolii Fii waliin ta’uun gara Finfinnee, Kaartumiifi Riyaaditti imaluun marii taasisuun isaanii ni yaadatama.
Isaan booda ergamaan addaa Daaviid Saaterfiild gara Itoophiyaa guyyoota lamaaf dhufuun aanga’oota mootummaa Itoophiyaa waliin, hoggantoota Mootummoota Gamtooomaniifi jaarmiyaaleen gargaarsa namoomaa dhiyeessan irraa bakka bu’an waliin marii taasisanii turan.
Ji’a shaniif ergamaa addaa Ameerikaa Gaanfa Afrikaa ta’uun kan tajaajilan Ambaasaaddor Daaviid Saaternfiild akkuma warra isaan dura turanii ergama isaanii kanaan bu’aa hangas mara qabatamaa ta’e osoo hin argamsiisiin bakka isaanii Ambaasaaddar Maayik Hamer kan amma ramadame kanaaf akka dabarsan Isteet Dippaartiment ibseera.
Carraaqqii Ameerikaa
Ameerikaan waraanni Itoophiyaa mariin akka dhuma argatuuf ergamtoota ramaduun aanga’oota Itoophiyaa waliin hariiroo qabaachaa turteetti.
Ji’oota muraasa dura Ambaasaaddar Feltimaan bakka bu’uudhaan ergamaa addaa ta’anii kan muudaman Ambaasaaddar Saaternfiild, osoo baayyee hin turiin Ambaasaaddar Maayik Fiildiin akka bakka buufaman ifa ta’eera.
Ji’oota shan booda wagga lama guutuuf kan deemu waraanni Kaaba Itoophiyaa jalqabuu isaa hordofee Ameerikaan sababiiwwan ejjennoo qabatteefi tarkaanfiiwwan fudhatteen mootummaa Itoophiyaa waliin hariiroon gaarii ture laafee tureera.
Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Ameerikaa haaraa kun dhimmoota gurguddooo naannawicha keessa jiran akka waraanaafi gaaga’ama siyaasaa akka fala argatan gochuun hojii ijoo isaanii ta’a jedhameera.
Ambaasaaddar Maayik Hamer maal qabatanii akka dhufan beekamuu baatus, dhimmi Gaanfa Afrikaa xiyyeeffannoo Ameerikaa kan argate ta’uun isaa isaan dabalatee dippilomaatonni buleeyyii Ameerikaan duraan ergaa turte ni agarsiisa.