Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hojiin ergamaa addaa Gaanfa Afrikaa haaraa 'misoomaa naga qabeessa jabeessuudha'-Chaayinaa
Chaayinaan Ganfa Afrikaa kan amma tasgabbii dhabuun isa mudatee jirutti dippiloomaatii gameessa jedhaman Xue Bing ergamaa addaa gochuun muudde.
Ministeerri Haajaa Alaa Chaayinaa ibsa Kibxata kenneen Xue paappaa Niiw Giiniitti Ambaasaaddar Chaayinaa ta'anii tajaajilaa kan turan yeroo ta'u, dippiloomaatummaan muuxannoo guddoo qabu jedheera.
Imaammata Afrikaarratti qabaniin biyyoota Afrikaarraa michummaa jabaa uumuuf dorgommiitti kan jiran Chaayinaafi US ammas gama dingadeefi siyaasaan olaantummaa aardii kana keessatti qaba dabalauuf carraaqu.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa ji'oota 15 dura eegalamuu hordofee Jeefrii Feeltimaaniin Ergamaa addaa Gaanfa Afrikaa gochuun kan muudde US ji'oota dura bakka Feeltimaan Daaviid Saatarfiildiin ergamaa addaa haaraa gochuun muuddeetti.
Ji'a Amajjii darbe Keeniyaa daawwatanii kan turan Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yi
Mombaasaatii Ibsa miidiyaaleef kennaniin biyyi isaanii naannichatti gahee ishee cimsachuu akka feetu himanii turan.
''Waliigaltee siyaasaafi tarkaanfii qindaa'e keessaa qooda qabaachuuf Chaayinaan Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa ni muuddi,'' jechuu isaanii Rooyitars gabaaseera.
''Nageenyaafi tasgabbii naannichaa keessatti gahee keenya guddisuu itti fufna,'' jechuun Waang Yiin himan.
Dubbii himaan Ministeera Haajaa Alaa Chaayinaa Waang Wenbiin ibsa guyyuu kennan keessatti hojii ijoon ergamaa haaraa kanaa ''misoomaa naga qabeessa Chaayinaan naannichaaf karoorsitu jajjabeessuudha'' jedhan.
Naannoo Gaanfa Afrikaatti ''Yeroo dheeraa keessa tasgabbii mirkaneessuu, misoomaafi badhaadhina'' fiduun hojii isaanii ta'uu dabaluun himaniiru.
Waraana Kaaba Itoophiyaatti hidhattoota TPLF humnoota mootummaa Federaalaa gidduutti dhalateen walqabatee dhimmoota jiran dhiyeenyaan hordofuufi gahee isaanii bahuuf Ameerikaa, Gamtaa Awurooppaafi Gamtaan Afrikaa Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa muudaniiru.
Chaayinaan Gaanfa Afrikaarraa dantaawwan qabdu keessaa tokko buudata humna galaanaa Jibuutiirraa qabaachuudha. Beejiing buufata doonii Jibuutii kan Itoophiyaan daldalaa alaaf hedduu irratti hirkattu si'eessuuf geejiba baaburaaf dabalatee Finfinneef liqaa hedduu kenniteetti.
Chaayinaan Sudaan Kibbaa kan dhiyeenya waraanni deebi'ee ishee yaaddessaa jiru keessatti inveestimeentii boba'aa keessattis hirmaannaa guddaa waan qabduuf dhimmi naannichaa ishee yaachisa.
Chaayinaan keessumaa waraana Tigraay waliin wal-qabatee yaa'iiwwan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii dabalatee waltajjiiwwan gara garaa irratti mootummaa Itoophiyaaf deeggarsa qabdu ibsaa turteetti.
Wayita biyyootni Lixaa hedduun mootummaa Itoophiyaarratti dhiibbaa godhan, Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa baatii tokko dura Itoophiyaatti argamuun bulchiinsa Ministira Muummee Abiy Ahimad bira akka dhaabbatan ibsaniiru.